Walgaʼiiwwan Tajaajila Dirree Kaayyoo Isaanii Galmaan Gaʼan
1. Kaayyoon walgaʼii tajaajila dirree maali dha?
1 Yeroo tokko, Yesus tajaajila irratti hirmaachuu isaanii dura bartoota isaa 72 wajjin walgaʼii godhee ture. (Luq. 10:1-11) Kophaa isaanii akka hin taane, akkasumas “abbaa midhaanichaa,” kan taʼe Yihowaadhaan akka geggeeffaman isaan yaadachiisuudhaan isaan jajjabeesseera. Akkasumas, qajeelfama hojii kana hojjechuuf isaan gargaaru kan isaaniif kenne siʼa taʼu, lama lama godhees isaan ramadeera. Yeroo harʼaas walgaʼiiwwan nuti tajaajila baʼuu keenya dura goonu, wal jajjabeessuu, hojicha hojjechuu fi gurmaaʼuuf nu gargaaru.
2. Walgaʼiin tajaajila dirree daqiiqaa hammamiitiif geggeeffamuu qaba?
2 Hanga ammaatti walgaʼiin tajaajila dirree, garee gurmeessuu, naannoo tajaajilaa ramaduu fi kadhannaa dabalatee daqiiqaa 10 hanga 15 kan fudhatu ture. Amma garuu jijjiirameera. Jiʼa Eblaa irraa eegalee, walgaʼiin tajaajila dirree daqiiqaa shanii hanga torbaa kan fudhatu taʼa. Haa taʼu malee, walgaʼiin kun walgaʼii gumii kaanitti aansee geggeeffama yoo taʼe, obboloonni jalqabuma iyyuu dhimmoota hafuuraa irratti mariʼachaa waan turaniif, daqiiqaan isaa caalaatti gabaabbachuu qaba. Walgaʼii tajaajila dirree gabaabsuun, tajaajila irratti yeroo dheeraa dabarsuuf gargaara. Kana malees, qajeelchitoonni ykn babalʼistoonni kaan dursanii tajaajila jalqabaniiru yoo taʼe, yeroon isaan gidduutti tajaajila itti dhaaban muraasa taʼa.
3. Babalʼistoota gargaaruuf jecha walgaʼiiwwan tajaajila dirree akkamitti qindaaʼuu qabu?
3 Babalʼistoota gargaaruuf jecha walgaʼiiwwan tajaajila dirree qopheessuun barbaachisaa dha. Gumiiwwan baayʼee keessatti gareewwan tajaajilaa iddoo tokkotti walitti qabamuu irra, iddoo adda addaatti utuu walitti qabamanii caalaatti gaarii taʼuu dandaʼa. Kun immoo babalʼistoonni gara walgaʼii tajaajila dirree deemuu fi tarii immoo gara naannoo tajaajilaa deemuun akka isaaniif salphatu godha. Babalʼistoonni dafanii walitti qabamuun isaanii ilaaltonni ol aanaa garee, warra itti gaafatamummaa isaanii jala jiraniif xiyyeeffannaa kennuun akka isaaniif salphatu godha. Qaamni jaarsolii haala gumichaa tilmaama keessa galchuudhaan isa caalaatti buʼa qabeessa taʼe murteessuu dandaʼa. Walgaʼichi kadhannaa gabaabaadhaan xumuramuu isaa dura hundi isaanii eessattii fi eenyuu wajjin akka tajaajilan beekuu qabu.
4. Walgaʼiiwwan tajaajila dirree walgaʼiiwwan kaanii gadi akka taʼanitti ilaalamuu kan hin qabne maaliifi?
4 Faayidaan Walgaʼii Tajaajila Dirree Irraa Argamu Isa Gumii Irraa Argamuu Gadi Miti: Walgaʼiiwwan tajaajila dirree kan geggeeffaman obboloota tajaajila baʼaniif waan taʼeef, gumii irratti kan argaman hundi irratti hin argaman. Kana jechuun garuu, walgaʼiiwwan kun akka laayyootti ilaalamuu ykn faayidaan isaan qaban kan walgaʼiiwwan gumiitii gadi akka taʼetti ilaalamuu qaba jechuu miti. Akkuma walgaʼiiwwan keenya kaanii walgaʼiiwwan tajaajila dirrees, kennaa Yihowaa biraa nuuf kennaman siʼa taʼan, jaalalaa fi hojii gaariidhaaf wal kakaasuuf nu gargaaru. (Ibr. 10:24, 25) Kanaafuu, mareen kun Yihowaadhaaf ulfina kan fiduu fi obboloota achitti argaman kan gargaaru akka taʼuuf obboleessi walgaʼii kana geggeessu sirriitti qophaaʼuu qaba. Kan dandaʼamu taanaan babalʼistoonni tajaajila baʼan hundi walgaʼii kana irratti argamuuf carraaqqii gochuu qabu.
Walgaʼiiwwan Tajaajila dirree akka laayyootti ilaalamuu ykn faayidaan isaan qaban kan walgaʼiiwwan gumiitii gadi akka taʼetti ilaalamuu hin qabu
5. (a) Walgaʼii tajaajila dirree qindeessuu wajjin haala wal qabateen gaʼeen ilaaltuu ol aanaa tajaajilaa maali dha? (b) Obboleettiin tokko walgaʼii tajaajila dirree akkamitti geggeessuu qabdi?
5 Qophii Obboleessi Walgaʼicha Geggeessu Godhu: Obboleessi walgaʼii tokko geggeessu sirriitti qophaaʼuu akka dandaʼuuf, kutaan sun dursee kennamuufii qaba. Walgaʼii tajaajila dirree wajjin haala wal qabateenis haalli isaa tokkuma dha. Gareewwan walgaʼii tajaajilaa iddoo adda addaatti yommuu walitti qabaman, walgaʼicha kan geggeessu ilaaltuu ol aanaa garee sanaa ykn gargaaraa isaa akka taʼe beekamaa dha. Haa taʼu malee, obboloonni gumii hundi bakka tokkotti walgaʼii tajaajila dirree yommuu godhatan, ilaaltuun ol aanaa tajaajilaa obboleessa walgaʼicha geggeessu ramada. Ilaaltonni ol aanaa tokko tokko sagantaa baasuudhaan obboloota walgaʼicha geggeessan hundaaf kennu, akkasumas gabatee beeksisaa irratti maxxansu. Ilaaltuun ol aanaa tajaajilaa, qulqullinni walgaʼii tajaajila dirree dandeettii barsiisuu fi dandeettii gurmeessuu obboleessi tokko qabu irratti kan hundaaʼe taʼuu isaa yaadatti qabachuudhaan, obboloota walgaʼii kana geggeessan ramaduu qaba. Jaarsi gumii, tajaajilaan gumii ykn obboleessi cuuphamee fi gaʼumsa qabu hin jiru taanaan, ilaaltuun ol aanaa tajaajilaa obboleettii cuuphamtee fi walgaʼicha geggeessuu dandeessu ramaduu qaba.—Mata duree “Obboleettiin Tokko Yommuu Geggeessitu” jedhu ilaali.
6. Obboleessi walgaʼii tajaajila dirree akka geggeessuuf ramadame qophii gaarii gochuu kan qabu maaliifi?
6 Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii ykn Walgaʼii Tajaajilaa irratti kutaan tokko yommuu nuuf kennamu kutichaaf xiyyeeffannaa kennuudhaan sirriitti qophoofna. Keessumaa immoo muraasni keenya kutaa keenya sana irratti yaaduu kan jalqabnu yommuu gara gumii deemnu dha. Akkas gochuu akka hin qabne garuu beekamaa dha. Kutaa walgaʼii tajaajila dirree akka geggeessinuuf nuu kennamuu wajjin haala wal qabateenis haalli isaa wal fakkaata. Amma garuu yeroon walgaʼii tajaajila dirreetiif ramadame waan gabaabbateef, qophii gaarii gochuun walgaʼii gaarii taʼe geggeessuu fi yeroo isaatti xumuruuf gargaara. Qophii gaarii gochuun naannoo tajaajilaa dursanii argachuus kan dabalatu dha.
7. Obboleessi walgaʼii tajaajila dirree geggeessu maalfaa irratti obboloota mariisisuu dandaʼa?
7 Yaada Irratti Mariʼatamu: Haalli naannoo tajaajilaa tokko naannoo tajaajilaa isa kaan irraa adda waan taʼeef, hojjetaa amanamaa fi ogeessi akkaataa walgaʼiin tajaajilaa itti geggeeffamu ilaalchisee qajeelfama wal fakkaatu hin dhiheessu. Saanduqni, “Yeroo Walgaʼii Tajaajila Dirreetti Wantoota Armaan Gadii Irratti Mariʼachuu Dandeessu” jedhu qabxiiwwan tokko tokko ibsa. Walumaa galatti walgaʼichi bifa mareetiin geggeeffamuu qaba. Yeroo tokko tokko immoo, hojiin argisiisa sirriitti qophaaʼame ykn viidiyoo jw.org irratti argamu dabalachuu dandaʼa. Obboleessi walgaʼicha geggeessu, yommuu qophaaʼu wanti babalʼistoota guyyaa sana tajaajila baʼan jajjabeessuu fi tajaajilaaf isaan qopheessuu dandaʼu maal akka taʼe yaaduu qaba.
8. Walgaʼiiwwan tajaajila dirree gaafa Sanbadduraa fi Dilbataa geggeeffaman irratti maalfaa irratti mariʼachuun gaarii taʼuu dandaʼa?
8 Fakkeenyaaf, gaafa Sanbadduraa babalʼistoonni baayʼeen barruulee Masaraa Eegumsaa fi Dammaqaa! raabsu. Obboloonni gaafa Sanbadduraa tajaajila baʼan hedduun, torban gidduutti carraa tajaajila baʼuu waan hin arganneef, akkaataa dhiheenyaa Waaqeffannaa Maatii isaanii irratti qophaaʼan yaadachuun isaanitti ulfaachuu dandaʼa. Kanaaf, obboleessi walgaʼii tajaajila dirree geggeessu akkaataa dhiheenyaa duuba Tajaajila Mootummaa irratti argamu keessaa isa tokko irra deebiʼuun isaa gaarii taʼuu dandaʼa. Filannaa kan biraan immoo, oduu haaraa torban sanaa, wanta raawwatame tokko ykn guyyaa ayyaanaa akkaataa dhiheenyaa barruuleedhaaf qophaaʼetti dabalanii dhiheessuun akkamitti akka dandaʼamu ykn namni haasofsiisne barruulee fudhateera taanaan deddeebii gaaffiidhaaf haala mijeessuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe kan dabalatu taʼuu dandaʼa. Obboloonni barruulee jiʼa sanatti raabsamanitti fayyadaman jiru taanaan, obboleessi walgaʼicha geggeessu yaada gabaabaa akka kennan ykn muuxannoo nama jajjabeessu akka dubbatan isaan afeeruu dandaʼa. Gaafa Dilbataa, obboleessi walgaʼicha geggeessu wanta jiʼa sanatti raabsamuu wajjin haala wal qabateen maluma kanatti fayyadamuu dandaʼa. Barreeffamoonni qayyabannaadhaaf gargaaran, kanneen akka birooshuroota Misiraachoo fi Waaqayyoon Dhaggeeffadhu jedhaman, akkasumas kitaabni Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhamu yeroo kamitti iyyuu raabsamuu waan dandaʼaniif, obboleessi walgaʼicha geggeessu barreeffamoota kana keessa tokko akkamitti akka raabsinu gabaabsee ibsuu dandaʼa.
9. Sanbadduraa fi Dilbata yeroo duula addaa irratti hirmaannu maalfaa irratti mariʼachuu dandeenya?
9 Gumiin sun Sanbadduraa fi Dilbata duula addaa irratti hirmaata taanaan, obboleessi walgaʼii tajaajila dirree geggeessu barruulee jiʼa sanaa, tiraaktii ykn waraqaa afeerrii sanaa wajjin raabsuun akkamitti akka dandaʼamu ykn namni tokko fedhii yoo qabaate maal gochuun akka dandaʼamu ibsuu dandaʼa. Filannaa garabiraan immoo muuxannoo faayidaa duula sanaa ibsu waliif hiruu taʼuu dandaʼa.
10, 11. Walgaʼiin tajaajila dirree karaa milkaaʼina qabuun akka geggeeffamuuf babalʼistoonni qophaaʼuun isaanii barbaachisaa kan taʼe maaliifi?
10 Qophii Babalʼistoonni Godhan: Babalʼistoonnis karaa itti walgaʼiin tajaajila dirree milkaaʼina akka argatu godhan qabu. Tarii yeroo waaqeffannaa maatiitti tajaajilaaf dursanii qophaaʼuudhaan, yaada babalʼistoota kaaniif hiran argachuu dandaʼu. Qophii gaarii gochuun barruulee fi barreeffamoota kaan bakka walgaʼiin tajaajila dirree itti geggeeffamu deemuu dura qopheeffachuudhaan saʼaatii utuu hin gubin gara naannoo tajaajilaa deemuu dabalata.
11 Akkasumas, walgaʼiin tajaajila dirree jalqabuu isaa daqiiqaa muraasa dura bakka walgaʼichi itti geggeeffamu gaʼuuf karoorfachuun barbaachisaa dha. Walgaʼii gumii hunda irratti yeroodhaan argamuuf carraaqqii akka goonu beekamaa dha. Haa taʼu malee, keessumaa walgaʼii tajaajila dirree irratti barfatanii argamuun caalaatti nama jeequu dandaʼa. Akkamitti? Obboleessi walgaʼicha geggeessu obboloota ramaduu isaa dura wantoota xiyyeeffannaa keessa galchu qaba. Walgaʼii sana irratti kan argaman babalʼistoota muraasa yoo taʼe, naannoo tajaajilaa hamma tokko hojjetame akka hojjetan gochuu dandaʼa. Obboloonni tokko tokko iddoo fagoodhaa deemanii walgaʼicha irratti argamu yoo taʼe, akkasumas naannoon tajaajilaa isaanii fagoo yoo taʼe obboloota kana warra konkolaataa qabanii wajjin ramaduu dandaʼa. Naannoon tajaajilaa sun iddoo yakki itti baayʼatutti argama taanaan, obboloonni dhiiraa obboleettotaa wajjin ykn naannoo isaanitti dhihoo jiru akka tajaajilan gochuu dandaʼa. Obboloonni dullooman ykn hirʼina qaamaa qaban daandii wal qixxaataa irra ykn iddoo buʼaa baʼii hedduu hin qabnetti akka tajaajilan ramadamuu dandaʼu. Babalʼistoonni haaraan immoo warra muuxannoo qabanii wajjin ramadamuu dandaʼu. Babalʼistoonni barfatanii yoo dhufan garuu, isaaniin itti dabaluuf jecha wantoota kana hunda irra deebiʼanii sirreessuun barbaachisuu dandaʼa. Yeroo tokko tokko wanti akka barfannu godhu nu mudachuu akka dandaʼu beekamaa dha. Haa taʼu malee, barfachuu amaleeffanneerra taanaan, kan barfanne dinqisiifannaan walgaʼii kanaaf qabnu waan hirʼateef ykn wantoota nu barbaachisan yeroodhaan waan hin qopheeffanneef taʼuu isaa of gaafachuu qabna.
12. Nama wajjin tajaajiltan ofuma keessanii qopheeffattaniittu yoo taʼe, maalfaa tilmaama keessa galchuu qabdu?
12 Babalʼistoonni walgaʼii tajaajila dirree irratti argaman, walgaʼichi jalqabuu isaa dura nama wajjin tajaajilan qopheeffachuu ykn nama isaaniif ramadame qabaachuu dandaʼu. Qophii akkasii gootu taanaan, yeroo hunda hiriyoota keessanii wajjin tajaajiluu mannaa, ‘garaa keessan balʼifachuudhaan’ obboloota adda addaa wajjin tajaajiluu ni dandeessuu? (2 Qor. 6:11-13) Babalʼisaa haaraan tokko dandeettii barsiisuu isaa guddifachuu akka dandaʼu isa gargaaruuf darbee darbee isa faana tajaajiluu ni dandeessuu? (1 Qor. 10:24; 1 Xim. 4:13, 15) Eessatti lallabuu akka qabdan dabalatee qajeelfama isiniif kennamu hunda xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffadhaa. Walgaʼichi yommuu xumuramu, ramaddii keessan utuu hin jijjiirin dafaatii gara naannoo tajaajilaa keessan dhaqaa.
13. Hundumtuu dammaqinaan gaʼee isaa kan raawwatu taanaan, walgaʼiin tajaajila dirree faayidaa akkamii nuuf argamsiisa?
13 Bartoonni 72n Yesus tajaajilaaf gurmeessee ture, yommuu deebiʼan ‘baayʼee gammadanii’ turan. (Luq. 10:17) Milkaaʼina akka argatan kan isaan gargaare, walgaʼii Yesus tajaajila baʼuu isaanii dura isaaniif godhe akka taʼe hin shakkisiisu. Walgaʼiin tajaajila dirree yeroo harʼaas faayidaa wal fakkaatu qabaachuu dandaʼa. Hundumtuu dammaqinaan gaʼee isaa kan raawwatu taanaan, walgaʼiin tajaajila dirree kan nama jajjabeessu, hojiidhaaf kan nama kakaasu, akkasumas hojii ‘guutummaa biyya lafaatti akka lallabnuuf’ nuu kenname raawwachuuf nu gurmeessuu dandaʼa.—Mat. 24:14.
Obboleessi walgaʼicha geggeessu, yommuu qophaaʼu wanti babalʼistoota guyyaa sana tajaajila baʼan jajjabeessuu fi tajaajilaaf isaan qopheessuu dandaʼu maal akka taʼe yaaduu qaba