AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Yaada Gaarii Walgaʼii Tajaajila Dirree Buʼaa Qabeessa Taʼe Gochuuf Gargaaru
Walgaʼiin tajaajila dirree, akkuma walgaʼiiwwan gumii keenyaa qophii Yihowaan jaalalaa fi hojii gaariidhaaf akka wal kakaasnuuf nuu qopheesse dha. (Ibr 10:24, 25) Walgaʼiin kun namoota waliin tajaajilan ramaduu, naannoo tajaajilaa kennuu fi kadhannaa dabalatee daqiiqaa shanii hanga torbaa caaluu hin qabu. (Walgaʼii gumii booda kan godhamu yoo taʼe immoo kana caalaa gabaabbachuu dandaʼa.) Obboleessi gaggeessu wanta guyyaa sana tajaajila isaaniitiif fayyaduu dandaʼu dursee qophaaʼuu qaba. Fakkeenyaaf, guyyaa Sanbadduraatti obboloonni torban gidduutti tajaajila hin baanne hedduun waan jiraniif yaada marii jalqabuuf isaan gargaaru irratti xiyyeeffachuun isaa gaarii taʼuu dandaʼa. Kan biraa hoo wantoota akkamii irratti mariʼachuun gaarii taʼuu dandaʼa?
Maree fakkeenya taʼuu fi Barreeffama Qoʼannaa Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa irratti argamu
Akkaataa taʼee ykn oduu dhiheenyatti gabaafame fayyadamanii marii jalqabuun itti dandaʼamu
Mormii baramaa taʼeef akkamitti deebii kennuun akka dandaʼamu
Nama Waaqayyotti hin amanneef, nama jijjiirama tirannaatti amanuuf, nama afaan biraa dubbatuuf ykn nama amantii naannoo keessanitti beekamaa hin taane hordofuuf akkamitti deebii kennuun akka dandaʼamu
Qabiyyee weebsaayitii jw.org, appilikeeshinii JW Library® ykn Kitaaba Qulqulluu akkamitti fayyadamuun akka dandaʼamu
Wantoota Meeshaalee Barsiisuuf Itti Fayyadamnu keessa jiran akkamitti fayyadamuun akka dandaʼamu
Karaa bifa tajaajilaa tokko irratti hirmaachuun itti dandaʼamu; fakkeenyaaf, bilbilaan dhugaa baʼuu, xalayaa barreessuu, lallaba addabaabayii irratti hirmaachuu, deddeebii gaaffii gochuu ykn qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu geggeessuu
Of eeggannoo gochuu, akka haala isaatti jijjiirama gochuu, amala gaarii qabachuu, ilaalcha gaarii qabaachuu ykn wantoota kana fakkaatan yaadachiisuu
Birooshura Dubbisuu fi Barsiisuuf Carraaqqii Godhi jedhamu irraa barumsa ykn viidiyoo tokko irratti mariʼachuu
Akkaataa hiriyaa tajaajilaa keenya jajjabeessuu fi gargaaruun itti dandaʼamu
Caqasa tajaajila keenyaaf taʼu ykn muuxannoo jajjabeessaa tajaajila irratti argame