Kana Booda Caqasni Guyyaa Guyyaa Walgaʼii Tajaajila Dirreerratti Hin Dhihaatu
Kanaan dura walgaʼiiwwan tajaajila dirreerratti caqasni guyyaa, tajaajilaa wajjin kan walsimu yoo taʼe irratti mariʼatama ture. Amma garuu yaada kanarratti sirreeffamni godhameera. Kana booda walgaʼii tajaajilaarratti, Caaffata Qulqullaaʼoo Guyyaa Guyyaan Qoruurratti hundaaʼuudhaan mareen hin godhamu. Akkuma kanaan duraa obboloonni walgaʼicha geggeessan Macaafa Qulqulluu, Tajaajila Mootummaa, kitaaba Mana Barumsa Tajaajilaa, kitaaba Ragaa Dhiheessuufi barruulee waaʼee tajaajilaa dubbatan kaanitti fayyadamuu dandaʼu. Obboloonni walgaʼicha geggeessuuf ramadaman, obboloota guyyaa sanatti tajaajila baʼaniif yaada tajaajilarratti isaan gargaaru dhiheessuu qabu. Akkuma kanaan duraa walgaʼichi daqiiqaa 10-15rra caaluu hin qabu; tarii walgaʼichi gumiitti aanee godhama taanaan daqiiqaa kanarrayyuu gabaabbachuu qaba.