Walga’iiwwan Tajaajila Dirreerraa Guutummaatti Faayidaa Argachuu
1 Walga’iiwwan tajaajila dirree bu’a qabeessa ta’an, gara tajaajilaatti bobba’uu keenya dura jajjabinaafi qajeelfama hojiirra ooluu danda’u nuu kennu. Akkasumas, obboloota kaanii wajjin tajaajiluudhaan akka wal jajjabeessinuufi leenjii gaarii akka argannu nu gargaara. (Fak. 27:17; Lal. 4:9, 10) Walga’iiwwan kanarraa guutummaatti fayyadamuuf maal gochuu dandeenya?
2 Obboleessa Walga’icha Geggeessu: Walga’ii kanarratti maaltu akka dhihaachuu qabu qajeelfamni ibsu dursee hin qophaa’u. Kanaaf, walga’icha kan geggeessitu yoo ta’e qophii gaarii gochuu qabda. Tajaajilaa wajjin kan wal qabatu yoo ta’e malee, yeroo hundaa caqasa guyyaa guyyaatti gargaaramuuf hin yaalin. Yaadawwan obboloota guyyaa sana tajaajilarratti hirmaatan gargaaraniifi hojiirra ooluu danda’an maal akka ta’e yaadi. Fakkeenyaaf, yaada sanaarratti mari’achuu ykn hojiin argisiisni akka dhihaatu barbaadda ta’a. Kitaaba Ragaa Dhiheessuurraa ykn kitaaba Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa ykn kutaa Walga’ii Tajaajilaa dhiheenya kanatti fudhatame irra deebi’uu filata ta’a. Guyyaa kaanittimmoo, dhimmi naannoo tajaajilaa keessan keessatti furmaata barbaadu tokko yoo jiraate akkamitti hiikuun akka danda’amu mari’achuuf barbaadda ta’a. Yookiinimmoo, babal’istoonni baay’een deddeebii gaaffii kan godhan taanaan, akkamitti fedhii namootaa kakaasuun akka danda’amuufi akkamitti qayyabannaawwan Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuun akka danda’amu mari’achuu dandeessu. Wanti irratti mari’attan maaliyyuu yoo ta’e, karaa nama gammachiisuufi nama jajjabeessuun dhiheessi.
3 Babal’istoonni tokko tokko turanii akka dhufan beektuyyuu, walga’icha sa’aatiidhaan jalqabi. Yeroo obboloota ramaddu hubanna qabaadhu; warra barbaadaniifis naannoo tajaajilaa kenni. Dheerinni walga’ichaa, daqiiqaa 10 hanga 15 caaluu hin qabu; walga’ii gumii booda kan godhamu taanaanimmoo isaa gadi ta’uu qaba. Walga’icha utuu hin xumurin dura babal’istoonni hundi eenyuu wajjin akka ramadamaniifi bakka kam akka tajaajilan beekuu qabu. Walga’ichi kadhannaadhaan xumuramuu qaba.
4 Gargaaruu Ni Dandeessu: Akkuma walga’iiwwan gumii walga’ii tajaajila dirreerrattis sa’aatiidhaan argamuudhaan Yihowaaf akka ulfina kenninuufi namootaaf akka yaannu argisiisna. Maree sanarratti hirmaadhu. Obboleessi walga’icha geggeessu babal’istoota kaanii wajjin akka hojjettan isin ramada ta’a; ykn nama tokkoo wajjin tajaajiluuf dursitanii beellama qabattaniittu ta’a. Dursitanii warra kaanii wajjin tajaajiluuf qophii gochuu filattu taanaan, yeroo hundumaa babal’istoota isinitti dhihaatanii wajjin qofa utuu hin ta’in, babal’istoota adda addaa wajjin tajaajiluuf ‘garaa bal’achuuf’ carraaqaa. (2 Qor. 6:11-13) Erga walga’ichi xumuramee booda, nama isinii wajjin ramadame hin geddarinaa; akkasumas utuu hin turin gara naannoo tajaajilaa keessan dhaqaa.
5 Kaayyoon walga’ii tajaajila dirree, walga’iiwwan gumii wajjin tokkodha. Walga’iiwwan hundi, ‘jaalala argisiisuuf, waan gaarii hojjechuudhaafis tuttuqnee yaada walii kaasuuf’ kan qophaa’anidha. (Ibr. 10:24, 25) Walga’ii kanarraa fayyadamuuf carraaqqii kan goonu taanaan, tajaajilli keenya ‘hojii gaarii hojjechuuf’ nu gargaara.
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
1. Walga’iiwwan tajaajila dirree nu gargaaruu kan danda’an akkamitti?
2. Yaadawwan obboleessi walga’icha geggeessu irratti mari’achuuf kaasuu danda’u keessaa tokko tokko maalfa’i?
3. Walga’ichi yeroo hangamii fudhachuu qaba? Yeroo sanattoo maalfaatu raawwatamuu qaba?
4. Babal’istoonni hundi walga’ii tajaajila dirreerraa guutummaatti faayidaa akka argatan wanti gargaaru maalidha?
5. Kaayyoon walga’ii tajaajila dirree maalidha?