LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 10/06 ful. 7
  • Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii
  • Tajaajila Mootummaa—2006
Tajaajila Mootummaa—2006
km 10/06 ful. 7

Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii

Gaaffileen armaan gad jiran Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii torban Onkoloolessa 30, 2006 jalqabutti kan irratti mari’atamudha. Ilaaltuun olaanaa mana barumsichaa, kutaawwan torban Fulbaana 4 hanga Onkoloolessa 30, 2006⁠tti dhihaatanirratti hundaa’ee daqiiqaa 30f irra deebicha geggeessa. [Yaadachiisa: Gaaffilee booda barreeffamni deebiin irratti argamu hin caqasamne taanaan, deebiiwwansaanii argachuuf dhuunfaatti qorannaa gochuu si barbaachisa.—Kitaaba Mana Barumsaa Tajaajilaa, ful. 36-37 ilaali.]

AMALAWWAN HAASAWAA

1. Yeroo dubbannutti gidduutti dhaabachuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi? Dhiphina keenya hir’isuu kan dandeenyu akkamitti? [be ful. 135 key. 5–ful. 137 key. 2, saanduqoota]

2. Waa’ee amantii keenyaa yeroo gaafatamnu, deebii kennuuf Macaafa Qulqulluutti fayyadamuuf carraaquu kan qabnu maaliifi? [be ful. 143 key. 1-3]

3. Macaafa Qulqulluutti fayyadamuudhaan dandeettii keenya caalaatti guddisuu kan dandeenyu akkamitti? [be ful. 144, saanduqa]

4. Tajaajilarratti yeroo barsiisnu si’a baay’ee Macaafa Qulqulluutti fayyadamuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi? Walga’iiwwan gumiirratti warri kaanis akka itti fayyadaman jajjabeessuu kan dandeenyu akkamitti? [be ful. 145-146, saanduqoota]

5. Yeroo caqasa tokko beeksisnutti kaayyoon keenya lamaan maalidha? [be ful. 147 key. 2]

HAASAWA LAK. 1

6. Macaafni Faarfannaa ergaa faayidaa qabu akkamii qabateera? [si p. 104 par. 23]

7. Macaafni Fakkeenyaa kan barreeffameefi kan walitti qabame yoomi? [si p. 107 par. 5]

8. Fakkeenya jechuun maal jechuudha? Hiikni Afaan Ibrootaatiin kennameef kun kan isaaf ta’u maaliifi? [si p. 107 par. 6]

9. Fakkeenya 2:1-5⁠rratti beekumsaafi hubannaa akka “meetii” ykn akka “qabeenya dhokfamee jiru” tokkootti akka barbaannu jajjabeeffamuunsaa maal argisiisa? [be ful. 38 key. 4]

10. Macaafni Fakkeenyaa faayidaa akka qabu kan ibsu akkamitti? [si p. 109 par. 19]

DUBBISA M.Q.

11. Akkuma ‘mucaan erga harma gu’ee iyyuu haadhasaa yommuu argatu calluma jedhu,’ Daawit lubbuusaa urursee cal kan jechisiise akkamitti? Fakkeenyasaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti? (Far. 131:1-3)

12. Jechoonni Faarfannaa 139:7-12⁠rratti argaman kan nama jajjabeessan akkamitti?

13. Fakkeenyawwan guddina Yihowaa Faarfannaa 145⁠rratti ibsamaniifi kadhannaarrattis ta’e tajaajilarratti ittiin isa jajachuu dandeenyu keessaa tokko tokko kamfa’i? (Far. 145:3)

14. Yihowaa sodaachuun “jalqaba beekumsaa” akkasumas “jalqaba ogummaa” kan ta’e karaa kamiini? (Fak.  1: 7, NW; 9:10)

15. Fakkeenya 7: 1, 2⁠rratti “dubbii koo” kan jedhameefi “abboommii koo” kan jedhame maal kan dabalatudha?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi