Beeksisa
◼ Barreeffamoota raabsaman, Onkoloolessa: Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa! Fedhii yoo qabaatan brooshuura Dammaqinaan Eegaa! jedhamutti gargaaramaa; Sadaasa: Tiraaktota; Muddee: Nama Namoota Hanga Har’aatti Jiraatan Hunda Caalu; Amajjii: Kitaaba Beekumsaa
◼ Jiini Muddee Sanbadduraafi Dilbata shan waan qabuuf, qajeelchaa gargaaraa ta’uuf mijaa’aadha.
◼ Miiltoon Tajaajila Mootummaa kana keessa jiru “Sagantaa Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii 2007” kan qabate waan ta’eef, waggaa guutuu akka itti fayyadamtaniif bakka gaarii kaa’aa.
◼ Viidiyoon, Dhiiga Hin Fudhadhu—Karaa Mana Yaalaa Furmaanni Argameera jedhamu Walga’ii Tajaajilaa ji’a Amajjiitti irratti mari’atama. Obboloonni DVD ykn kaasseettii kana barbaadan karaa gumiisaanii ajajachuu danda’u.
◼ Obboloonni gumii garabiraatti haasawaa sabaa akka kennaniif afeeraman, Qayyabannaa Masaraa Eegumsaarratti, danda’amnaanimmoo, maatiisaanii fudhatanii dhaquudhaan gumichaa wajjin tajaajilarratti hirmaachuuf garanumaa karoora akka baafatan jajjabeessina.—2 Qor. 6:13.