Sagantaa Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii 2007
QAJEELFAMA
Kutaawwan Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii 2007 armaan gadiitti dhihaatu.
MADDA BARUMSICHAA: Macaafa Qulqulluu afaan Oromoo [bara 1997], Masaraa Eegumsaa [w], Leenjii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiitti Kennamurraa Fayyadami [be], “Caaffanni Qulqullaa’an Hundinuu” Sirriifi Faayidaa Kan Qabudha [bsi], Caaffata Qulqullaa’aarraa Ragaa Dhiheessuu (Maxxansa 1989) [rs].
Manni barumsichaa, SA’AATIISAATTI Faarfannaa, kadhannaafi nagaa gaafachuudhaan jalqabamee akka armaan gadiitti itti fufa. Ilaaltuun olaanaan mana barumsichaa, tokkoon tokkoon kutichaa booda kutaa ittaanee dhihaatu beeksisa.
AMALA H.: Daq. 5. Amalli haasawaa kun kitaaba Mana Barumsaa Tajaajilaarratti hundaa’uudhaan, ilaaltuu olaanaa mana barumsichaatiin, gargaaraasaatiin ykn jaarsa dandeettii qabuun dhihaata. (Gumiiwwan jaarsoliin muraasni jiranitti, tajaajiltoonni gumii dandeettii qaban kutaa kana dhiheessuu danda’u.)
KUTAA LAK. 1: Daq. 10. Kutaan kun, Masaraa Eegumsaa, kitaaba Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii, brooshuura “Caaffanni Qulqullaa’an Hundinuu” Sirriifi Faayidaa Kan Qabudha jedhamurraa jaarsaan ykn tajaajilaa gumii dandeettii qabuun dhihaata. Akkasumas haasawaa qajeelfamaa ta’ee daqiiqaa 10f dhihaata. Kaayyoonsaa kutaa sana dhiheessu qofa utuu hin ta’in, faayidaa barumsichaarratti xiyyeeffatee yaada caalaatti gumicha gargaaru addeessuu ta’uu qaba. Mataduree saganticharratti kennameen gargaaramuun barbaachisaadha. Obboloonni kutaa kana dhiheessan yeroo isaaniif kennametti xumuruu qabu. Barbaachisaa taanaan dhuunfaatti gorsi kennamuufii danda’a.
YAADA IJOO DUBBISA M.Q.: Daq. 10. Jaarsi ykn tajaajilaan gumii dandeettii qabu, kuticha akka gumichaaf barbaachisutti daqiiqaa shaniif dhiheessa. Dubbisa Macaafa Qulqulluu torban sanaarraa boqonnaafi lakkoofsa barbaaderratti yaada kennuu danda’a. Boqonnaawwan torban sanaaf kennaman irra deebi’uudhaan qofa dhihaachuu hin qabu. Kaayyoonsaa inni guddaan dhaggeeffattoonni barumsi dhihaatu akkamittiifi maaliif akka fayyadu akka hubatan gargaaruudha. Obboleessi kutaa kana dhiheessu daqiiqaa shan dabarsuu hin qabu. Daqiiqaan shanan hafan hirmaannaa dhaggeeffattootaatiif kan ramadamanidha. Isaanis, waan isaan tuqeefi bu’a qabeessa ta’ee argatanirratti (sekoondii 30 ykn yeroo isaa gadi ta’eef) yaada gabaabaa akka kennan afeeramu. Achiis ilaaltuun olaanaa mana barumsichaa barattoonni galma lammaffaatti kutaa dhiheessan deemuu akka danda’an ibsa.
KUTAA LAK. 2: Daq. 4 ykn isaa gadi. Kutaa kana obboleessa tokkotu dubbisaan dhiheessa. Baratichi yaada seensaa ykn xumuraa utuu hin kennin dubbisuu qofaan dhiheessa. Ilaaltuun olaanaa mana barumsichaa, barattoonni hubannaadhaan, jechoota furtuu ta’an jabeessuudhaan, sagalee gegeddaruudhaan, bakka barbaachisaa ta’etti dhaabachuufi akkaataa haasaa uumamaasaaniitiin akka dubbisan isaan gargaara.
KUTAA LAK. 3: Daq. 5. Kutaan kun obboleettii tokkoof kennama. Barattoonni kutaan kun kennamuuf, yoomessoota kitaaba Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii ful. 82rraa tokko filatu ykn ilaaltuu olaanaa mana barumsichaatiin kennamaaf. Barattuun kun mataduree kennameef haala naannoo tajaajilaa gumichaa wajjin wal simuun dhiheessuu qabdi. Mataduree qofti yommuu kennamutti, barreeffamoota hojjetaan amanamaafi ogeessi qopheesserraa qorannaa gootee yaadawwan kutaa sanaaf ta’an argachuu qabdi. Kutaa matadureen qofti kenname barattoota haaraadhaaf kennamuu hin qabu. Ilaaltuun olaanaa mana barumsichaa, mataduree kennameef akkamitti akka dhiheessitu, namni haasofsiistu hiika caqasawwaniifi yaada kutichaa akka hubatuuf haala itti gargaartu arguu barbaada. Ilaaltuun olaanaa mana barumsichaa gargaartuu tokko ramadaaf.
KUTAA LAK. 4: Daq. 5. Baratichi mataduree kennameef gabbifachuu qaba. Yeroo matadureensaa qofti kennamutti, barreeffamawwan hojjetaa amanamaafi ogeessaan qophaa’anirratti qo’annaa godhee qabxiiwwan kutaa sana gabbisan walitti qabachuu qaba. Kutaan kun obboleessa tokkoof yeroo kennamutti, dhaggeeffattoota Galma Mootummaa keessa jiran yaadatti qabachuudhaan haasawaadhaan dhiheessa. Yoo obboleettii tokkoof kenname garuu, akka qajeelfama Kutaa Lak. 3f kennametti dhihaachuu qaba. Ilaaltuun olaanaa mana barumsichaa, yeroo barbaachisaa ta’etti Kutaa Lak. 4 obboleessa tokkoof kenna. Kutaawwan mallattoon urjii irratti godhaman haasawaadhaan dhihaachuu waan qabaniif obboloota dhiiraaf qofa kennama.
GORSA: Daq. 1. Ilaaltuun olaanaa mana barumsichaa amala haasawaa baratichi irratti hojjetu dursee dubbachuu hin qabu. Kutaa Lak. 2, Lak. 3fi Lak. 4 booda, kutaa dhihaate keessaa yaada nama jajjabeessu kenna. Haalli kutichi itti dhihaate “gaariidha” jechuu qofa utuu hin ta’in, sababii gaarii itti ta’es dubbachuu qaba. Akka baratichaaf barbaachisutti gorsi dabalataa nama jajjabeessu walga’ii booda ykn yeroo garabiraa dhuunfaatti kennamuufii danda’a.
YEROO EEGUU: Kan kutaa dhiheessus ta’e kan gorsa kennu sa’aatii ramadameef dabarsuu hin qabu. Obboloonni Kutaawwan Lak. 2 hanga 4ritti dhiheessan, yoo sa’aatii dabarsan malaan akka dhaaban taasifamuu qaba. Obboloonni, Amala Haasawaa, Kutaa Lak. 1 ykn yaada ijoo dubbisa Macaafa Qulqulluu dhiheessan sa’aatii yoo dabarsan dhuunfaatti gorsi kennamuufii qaba. Hundisaanii sa’aatiisaanii sirriitti eeguu qabu. Faarfannaafi kadhannaa utuu hin dabalatin, guutummaan sagantichaa daqiiqaa 45tti xumurama.
FOORMIIN GORSI IRRATTI KENNAMU: Kitaabicha keessatti argama.
GARGAARAA GORSA KENNAA: Qaamni jaarsolii, ilaaltuu olaanaa mana barumsichaatiin alatti jaarsa dandeettii qabuufi gargaaraa gorsa kennaa ta’u tokko filachuu danda’a. Jaarsolii baay’een gumii keessa yoo jiraatan, waggaa waggaadhaan jaarsoliin dandeettii qaban wal jijjiiranii hojii kana hojjechuu danda’u. Itti gaafatamni gargaaraa gorsa kennaa, yeroo barbaachisaa ta’etti obboloota Kutaa Lak. 1fi yaada ijoo dubbisa Macaafa Qulqulluu dhiheessaniif dhuunfaatti gorsa kennuudha. Kana jechuun garuu, jaarsoliifi tajaajiltootaaf yeruma haasawaa dhiheessan hundaatti gorsa kenna jechuu miti.
IRRA DEEBII: Daq. 30. Ji’a lama lamatti, ilaaltuun olaanaa mana barumsichaa irra deebicha geggeessa. Irra deebichi kan godhamu, amalli haasawaafi yaanni ijoo dubbisa Macaafa Qulqulluu erga dhihaatee boodadha. Irra deebiin kun, torban irra deebichi itti dhihaatu dabalatee, barumsawwan ji’oota lamaan darban dhihaatanirratti kan hundaa’edha. Gumiiwwan torban irra deebiin kun godhamutti walga’ii aanaa qaban (sagantaa torban sanaaf ba’ee wajjin) irra deebichi sagantaasaarraa torban tokko turee kan dhihaatu si’a ta’u, sagantaan torban ittaanummoo torban tokko dursee walga’ii aanaarratti dhihaata. Ilaaltuun olaanaa aanaa kan gumii keessan daawwatu yoo ta’es, faarfannaan, amalli haasawaafi yaanni ijoo Macaafa Qulqulluu akkuma sagantaan ba’eefitti dhihaata. Haasawaan qajeelfamaa (Amala Haasawaa booda dhihaatu) sagantaa torban ittaanurraa fudhatama. Torban ittaanutti, amalli haasawaa sagantaa Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirratti ba’eefi yaanni ijoo dubbisa Macaafa Qulqulluu erga dhihaatanii booda irra deebiin godhama.
SAGANTAA
Ama. 1 Dubbisa M.Q.: Isa. 24-28 Far. 13 (33)
Amala H: Faayidaa Barumsichaa Ibsuu (be ful. 158 key. 2-4)
Lak. 1: Kutaa Mana Barumsichaa Keessatti Sii Kennamu Qophaa’uu (be ful. 43–44 key. 3)
Lak. 2: Isaayaas 26:1-18
Lak. 3: Ulfa Baasuun Dhorkaa Kan Ta’e Maaliifi? (rs ful. 25–26 key. 4)
Lak. 4: ‘Gooftaa Yesus Kiristosiin Uffachuu’ Kan Dandeenyu Akkamitti? (Rom. 13:14)
Ama. 8 Dubbisa M.Q.: Isa. 29-33 Far. 18 (42)
Amala H.: Faayidaa Barumsichaa Akka Hubatan Gargaaruu (be ful. 158 key. 5–159 key. 3)
Lak. 1: Matadureefi Yoomessasaa Wajjin Haala Wal Simuun Qophaa’uu (be ful. 44 key. 4–46 key. 1)
Lak. 2: Isaayaas 30:1-14
Lak. 3: Nama ‘Dhimmawwan Qaamakoo Ilaallatturratti Murteessuuf Mirga Qaba’ Jedhuuf Deebii Kennuu (rs ful. 26 key. 5)
Lak. 4: Yihowaan Ijoollee Akka Jaallatu Akkamitti Beekna?
Ama. 15 Dubbisa M.Q.: Isa. 34-37 Far. 100 (222)
Amala H.: Jechoota Sirrii Ta’an Filachuu (be ful. 160 key. 1-3)
Lak. 1: Wanta Sirriifi Dogoggora Ta’eef Ilaalcha Yesus Qabaadhaa (w05 1/1 ful. 9-10 key. 11-15)
Lak. 2: Isaayaas 34:1-15
Lak. 3: Jaalala Dhugaa Argisiisuu Kan Dandeenyu Akkamitti?
Lak. 4: Addaamiifi Hewwaan Namoota Dhugumaan Jiraatanidhaa? (rs ful. 27-8)
Ama. 22 Dubbisa M.Q.: Isa. 38-42 Far. 47 (112)
Amala H.: Ibsa Salphaatti Hubatamu (be ful. 161 key. 1-4)
Lak. 1: Mormiidhaaf Hin Mo’aminaa (w05 1/1 ful. 15 key. 16-18)
Lak. 2: Isaayaas 38:9-22
Lak. 3: Nama ‘Addaam Cubbuu Hojjechuunsaa Fedhii Waaqayyoo Ture’ Jedhuuf Deebii Kennuu (rs ful. 29 key. 1-2)
Lak. 4: Yaada Namootaa Karaa Sirrii Hin Taaneen Hubachuurraa Fagaachuu Kan Qabnu Maaliifi?
Ama. 29 Dubbisa M.Q.: Isa. 43-46 Far. 48 (113)
Amala H.: Jechoota Adda Addaa Sirrii Ta’aniin Fayyadamuu (be ful. 161 key. 5–162 key. 4)
Lak. 1: Murtoo Yihowaa Shakkuu Kan Hin Qabne Maaliifi? (w05 2/1 ful. 23-4 key. 4-9)
Lak. 2: Isaayaas 45:1-14
Lak. 3: Abbootii Durii Waaqessuun Sirrii Kan Hin Taane Maaliifi? (rs ful. 29 key. 3–ful. 31 key. 2)
Lak. 4: Kiristiyaanonni Warra Kaanii Wajjin Dorgomuu Kan Hin Qabne Maaliifi?
Gur. 5 Dubbisa M.Q.: Isa. 47-51 Far. 35 (79)
Amala H.: Jechoota Barumsichaaf Humna, Miiraafi Ibsa Kennan (be ful. 163–164 key. 1)
Lak. 1: Dubbiin Yihowaa Nu Qulqulleessa, Amanamoo Ta’uufis Nu Gargaara (w05 4/15 ful. 11-12 key. 5-11)
Lak. 2: Isaayaas 50:1-11
Lak. 3: Abbootii Durii Waaqessuun Yihowaa Kan Gaddisiisu Maaliifi? (rs ful. 31 key. 3-8)
Lak. 4: Macaafni Qulqulluun Kennaa Waliif Kennuu Ni Dhowwaa?
Gur. 12 Dubbisa M.Q.: Isa. 52-57 Far. 59 (139)
Amala H.: Haasaa Seer-Luga Afaanii Eege (be ful. 164 key. 2-6)
Lak. 1: Dubbiin Yihowaa Ija Jabina Namaa Kenna (w05 4/15 ful. 13 key. 12-14)
Lak. 2: Isaayaas 55:1-13
Lak. 3: Faayidaa Ofii Aarsaa Gochuun Eebba Argamsiisa
Lak. 4: Farra Kiristos Kan Ta’an Eenyufa’i? (rs ful. 32-3)
Gur. 19 Dubbisa M.Q.: Isa. 58-62 Far. 77 (174)
Amala H.: Waraqaa Yaadannootti Fayyadamuu (be ful. 166–167 key. 1)
Lak. 1: Faayidaa Macaafa Isaayaas (bsi ful. 31 key. 34–32 key. 39)
Lak. 2: Isaayaas 60:1-14
Lak. 3: Waaqayyoof Garba Ta’uun Kan Nama Gammachiisu Maaliifi?
Lak. 4: Gantoota Addaan Baasanii Beekuu (rs ful. 34–35 key. 2)
Gur. 26 Dubbisa M.Q.: Isa. 63-66 Far. 25 (53)
Amala H.: Yaada Dubbachuu Barbaaddu Qindeessi (be ful. 166 key. 5–168 key. 1)
Irra Deebii
Bit. 5 Dubbisa M.Q.: Er. 1-4 Far. 32 (70)
Amala H.: Yaadannookee gabaabsi (be ful. 168 key. 2–ful. 169 key. 6)
Lak. 1: Qabiyyee Macaafa Ermiyaas (bsi ful. 3 key. 1-5)
Lak. 2: Ermiyaas 3:1-13
Lak. 3: Wanti Gammachuu Dhugaa Argamsiisu Maalidha?
Lak. 4: Gantootaaf Ilaalcha Akkamii Qabaachuu qabna? (rs ful. 35 key. 3–36 key. 5)
Bit. 12 Dubbisa M.Q.: Er. 5-7 Far. 71 (163)
Amala H.: Barumsicha Akka Gaariitti Qindeessuu (be ful. 170–171 key. 2)
Lak. 1: Haasawaa Gumiirratti Dhihaatuuf Qophaa’uu (be ful. 47–49 key. 1)
Lak. 2: Ermiyaas 5:1-14
Lak. 3: Yesus Waldaa Kan Ijaare Phexrosirratti Miti (rs ful. 36 key. 6–38 key. 4)
Lak. 4: Ba’uu 14:11rraa Barumsa Maalii Arganna?
Bit. 19 Dubbisa M.Q.: Er. 8-11 Far. 95 (213)
Amala H.: Barumsicha Karaa Amansiisaa Ta’een Dhiheessuu (be ful. 171 key. 3–172 key. 5)
Lak. 1: Kutaawwan Walga’ii Tajaajilaafi Haasawaa Kan Biraa Qophaa’uu (be ful. 49 key. 2–51 key. 1)
Lak. 2: Ermiyaas 10:1-16
Lak. 3: Abrahaam, Iyoobiifi Daani’el Du’aa Ka’uutti Akka Amanan Akkamitti Beekna?
Lak. 4: Bantuun Pheexros Itti Fayyadame Maalidha? (rs ful. 38 key. 5–40 key. 5)
Bit. 26 Dubbisa M.Q.: Er. 12-16 Far. 74 (168)
Amala H.: Yaadawwan Barbaachisan Qofatti Fayyadami (be ful. 173 key. 1-4)
Lak. 1: Furichi Yihowaan Qajeelaa Ta’uusaa Kan Addeessudha (w05 11/1 ful. 13-14)
Lak. 2: Ermiyaas 12:1-13
Lak. 3: Namoonni “Bakka Bu’oota Ergamootaati” Ofiin Jedhan Kiristiyaanota Dhugaa Miti (rs ful. 40 key. 6–43 key. 3)
Lak. 4: Kiristiyaanni Tokko Maaliin Boonuu Danda’a?
Ebl. 2 Dubbisa M.Q.: Er. 17-21 Far. 89 (201)
Amala H.: Jecha Ofiitiin Dubbachuu (be ful. 174–175 key. 5)
Lak. 1: Haasawaa Sabaa Dhiheessuuf Qophaa’uu (be ful. 52–54 key. 1)
Lak. 2: Ermiyaas 20:1-13
Lak. 3: Waraanni Armaagedoon Eessatti Geggeeffama? (rs ful. 43 key. 4–45 key. 3)
Lak. 4: Gorsaaf Ilaalcha Akkamii Qabaachuu Qabna?
Ebl. 9 Dubbisa M.Q.: Er. 22-24 Far. 51 (127)
Amala H.: Of Eeggannoo Jecha Mataa Keenyaan Yeroo Dubbannu Gochuu Qabnu (be ful. 175 key. 6–177 key. 1)
Lak. 1: Murtoowwan Nama Haasawaa Dhiheessuuf Dhiisaman (be ful. 54 key. 2-4; saanduqa ful. 55rra jiru)
Lak. 2: Ermiyaas 23:1-14
Lak. 3: Tajaajilarratti Hirmaachuun Gammachuu Kan Nuuf Argamsiisu Maaliifi?
Lak. 4: Armaagedoonitti Kan Badu Eenyuufi Maalidha? (rs ful. 45 key. 4–46 key. 1)
Ebl. 16 Dubbisa M.Q.: Er. 25-28 Far. 10 (27)
Amala H.: Yeroo Namoonni Ibsa Dabalataa Barbaadan (be ful. 177 key. 2–178 key. 2)
Lak. 1: Dandeettii Ittiin Barsiistu Guddifadhu (be ful. 56–57 key. 2)
Lak. 2: Ermiyaas 26:1-15
Lak. 3: Armaagedoonirraa Eenyufaatu Oola? (rs ful. 46 key. 2-7)
Lak. 4: Lafti Kan Abaaramte Akkamitti? (Uma. 3:17)
Ebl. 23 Dubbisa M.Q.: Er. 29-31 Far. 63 (148)
Amala H.: Akka Nama Tokkoo Wajjin Haasofnutti Dubbachuu (be ful. 179-180)
Lak. 1: “Gargar Baafadhaa” (be ful. 57 key. 3–58 key. 2)
Lak. 2: Ermiyaas 31:1-14
Lak. 3: Guddinni Yihowaa Daangaa Kan Hin Qabne Maaliifi?
Lak. 4: Waraanni Armaagedoon Jaalala Waaqayyoo Wajjin Wal Hin Faalleessu (rs ful. 46 key. 8–47 key. 2)
Ebl. 30 Dubbisa M.Q.: Er. 32-34 Far. 23 (48)
Amala H.: Qulqullina Sagalee (be ful. 181 key. 1-4)
Irra Deebii
Cam. 7 Dubbisa M.Q.: Er. 35-38 Far. 57 (136)
Amala H.: Akkatti Hafuura Baafattu To’achuu (be ful. 181 key. 5 184 key. 1; saanduqa ful. 182rra jiru)
Lak. 1: Dhaggeeffattoonni Dhimmicharratti Akka Yaadan Gochuu (be ful. 58 key. 3–59 key. 3)
Lak. 2: Ermiyaas 36:1-13
Lak. 3: Armaagedoonitti Garee Lamaanii Ala Ta’uun Hin Danda’amu (rs ful. 47 key. 3-6)
Lak. 4: Kiristiyaanonni Dhiphina Haalli Biyyi Lafaa Isaanirraan Ga’u Mo’uu Kan Danda’an Akkamitti?
Cam. 14 Dubbisa M.Q.: Er. 39-43 Far. 26 (56)
Amala H.: Irreewwan Qaamaa Akka Wal Gadhiisan Gochuu (be ful. 184 key. 2–185 key. 2; saanduqa ful. 184rra jiru)
Lak. 1: Karaa Itti Hojiirra Ooluu Danda’u Ibsuufi Fakkeenya Gaarii Ta’uu (be ful. 60–61 key. 3)
Lak. 2: Ermiyaas 39:1-14
Lak. 3: Saboonni Waaqayyoon Akka Lolaniif Gara Armaagedoonitti Kan Oofaa Jiru Eenyudha? (rs ful. 47 key. 7-8)
Lak. 4: Kiristiyaanonni Dhugaa Gaa’elaaf Wal Qoratan Amala Qulqulluu Argisiisuu Kan Qaban Maaliifi?
Cam. 21 Dubbisa M.Q.: Er. 44-48 Far. 16 (37)
Amala H.: Namootaaf Akka Yaaddu Argisiisuu (be ful. 186 key. 1-4)
Lak. 1: Dandeettii Namootaa Wajjin Mari’achuu Fooyyessuu (be ful. 62–64 key. 1)
Lak. 2: Ermiyaas 46:1-17
Lak. 3: Of Gowwoomsuun Maalidha? Kanarraa Of Eeguu Kan Dandeenyu Akkamitti?
Lak. 4: Baabilon Ishee Macaafa Mul’ataarratti Ibsamte Beekuu (rs ful. 48 key. 1-2)
Cam. 28 Dubbisa M.Q.: Er. 49-50 Far. 39 (86)
Amala H.: Xiyyeeffannaadhaan Dhaggeeffachuu (be ful. 187 key. 1-5)
Lak. 1: Marichi Akka Itti Fufu Gochuu (be ful. 64 key. 2–65 key. 4)
Lak. 2: Ermiyaas 49:14-27
Lak. 3: Baabilon Isheen Durii Maaliin Beekamti? (rs ful. 48 key. 3–50 key. 3)
Lak. 4: Warri Ijoolleesaaniitiif Dubbisuu Kan Qaban Maaliifi?
Wax. 4 Dubbisa M.Q.: Er. 51-52 Far. 73 (166)
Amala H.: Warri Kaan Guddina Akka Argisiisan Gargaaruu (be ful. 187 key. 6–188 key. 3)
Lak. 1: Faayidaa Macaafa Ermiyaas (bsi ful. 3-4 key. 36-9)
Lak. 2: Ermiyaas 52:1-16
Lak. 3: Waaqayyorraa Fagaatanii Ofiin Buluu Barbaaduun Gowwummaadha
Lak. 4: Amantiiwwan Kiristiyaana Ofiin Jedhan Kutaa Baabilon Guddittii Kan Ta’an Maaliifi? (rs ful. 50 key. 4–51 key. 3)
Wax. 11 Dubbisa M.Q.: Faru. 1-2 Far. 52 (129)
Amala H.: Gargaarsa Kennuu (be ful. 188 key. 4–189 key. 4)
Lak. 1: Qabiyyee Faaruu Ermiyaas (bsi ful. 4-5 key. 1-7)
Lak. 2: Faaruu Ermiyaas 2:1-10
Lak. 3: Baabilon Guddittii Keessaa Ba’uun Ariifachiisaa Kan Ta’e Maaliifi (rs ful. 51 key. 4–52 key. 3)
Lak. 4: Gaarummaa Dhugaa Argisiisuun Dadhabina Miti
Wax. 18 Dubbisa M.Q.: Faru. 3-5 Far. 20 (45)
Amala H.: Namoota Kabajuu (be ful. 190 key. 1-4)
Lak. 1: Faayidaa Faaruu Ermiyaas (bsi ful. 5-6 key. 13-15)
Lak. 2: Faaruu 4:1-13
Lak. 3: Cuuphaan Maalidha? Namoonni Amanan Kan Cuuphaman Maaliifi? (rs ful. 52 key. 4–53 key. 1)
Lak. 4: Kiristiyaanonni Dhugaa Siyaasa Keessa Kan Hin Galle Maaliifi?
Wax. 25 Dubbisa M.Q.: His. 1-5 Far. 94 (212)
Amala H.: Namoota Akka Kabajnu Argisiisuu (be ful. 191–192 key. 1)
Irra Deebii
Ado. 2 Dubbisa M.Q.: His. 6-10 Far. 9 (26)
Amala H.: Haasaa Dhaggeeffattoota Akka Kabajnu Argisiisu (be ful. 192 key. 2–193 key. 2)
Lak. 1: Qabiyyee Macaafa Hisqi’el (bsi ful. 6-7 key. 1-6)
Lak. 2: Hisqi’el 7:1-13
Lak. 3: Wanta Yihowaatti Dhihaachuuf Barbaachisu (Yaq. 4:8)
Lak. 4: Cuuphaan Kiristiyaanaa, Bishaan Facaasuudhaan ykn Daa’imman Cuuphuudhaan Kan Raawwatamu Miti (rs ful. 53 key. 2-7)
Ado. 9 Dubbisa M.Q.: His. 11-14 Far. 47 (112)
Amala H.: Wanta Dubbattutti Akka Amantu Haala Argisiisuun Dubbachuu (be ful. 194–195 key. 2)
Lak. 1: Wanta Gaarii Gochuukee Hin Dhiisin (w05 6/1 ful. 29-30)
Lak. 2: Hisqi’el 11:1-13
Lak. 3: Bishaaniin Cuuphamuun Dhiifama Cubbuu Ni Argamsiisaa? (rs ful. 54 key. 1-4)
Lak. 4: Yaada Mul’ata 17:9-11rra Jiru Akkamitti Hubanna?
Ado. 16 Dubbisa M.Q.: His. 15-17 Far. 11 (29)
Amala H.: Karaawwan Wanta Dubbannutti Akka Amannu Argisiisnu (be ful. 195 key. 3–196 key. 4)
Lak. 1: Ilaalcha Sirrii Hin Taanerraa Fagaadhaa! (w05 9/15 ful. 26-8)
Lak. 2: Hisqi’el 16:1-13
Lak. 3: Afchaala Jechuun Maal Jechuudha? (Fak. 13:16)
Lak. 4: Hafuura Qulqulluudhaan Kan Cuuphaman Eenyufa’i? (rs ful. 54 key. 5–55 key. 7)
Ado. 23 Dubbisa M.Q.: His. 18-20 Far. 86 (193)
Amala H.: Malaan Haasa’uu (be ful. 197 key. 1-3)
Lak. 1: Ilaalcha Nama Gaaffii Gaafatee Hubadhu (be ful. 66–68 key. 1)
Lak. 2: Hisqi’el 18:19-29
Lak. 3: Ibiddaan Cuuphamuun Hafuura Qulqulluudhaan Cuuphamuurraa Addadha (rs ful. 56 key. 1-5)
Lak. 4: Ragaa Mootummaan Waaqayyoo Bulchiinsa Dhugaa Ta’uusaa Mirkaneessu
Ado. 30 Dubbisa M.Q.: His. 21-23 Far. 15 (35)
Amala H.: Yeroo Lallabnu Malaan Haasa’uu (be ful. 197 key. 4–198 key. 4)
Lak. 1: Akkatti Deebii Deebisuu Qabdu Baradhu (be ful. 68 key. 2–70 key. 3)
Lak. 2: Hisqi’el 23:1-17
Lak. 3: Sababiiwwan Macaafa Qulqulluu Akka Qorru Nu Taasisan (rs ful. 57–58 key. 4)
Lak. 4: Beekamummaaf Ilaalcha Akkamii Qabaachuu Qabna?
Hag. 6 Dubbisa M.Q.: His. 24-27 Far. 16 (37)
Amala H.: Jechoota Sirrii Yeroosaatti Dubbataman (be ful. 199 key. 1-4)
Lak. 1: Xalayaa Barreessuu (be ful. 71-3)
Lak. 2: Hisqi’el 24:1-14
Lak. 3: Museen Karaawwan Kamiin Kiristiyaanotaaf Fakkeenya Gaarii Ta’a?
Lak. 4: Ragaawwan Kitaaba Isaayaasiifi Ermiyaasirraa Argaman Macaafni Qulqulluun Hafuura Waaqayyootiin Akka Barreeffame Mirkaneessu (rs ful. 58 key. 5–59 key. 4)
Hag. 13 Dubbisa M.Q.: His. 28-31 Far. 50 (123)
Amala H.: Hariiroo Maatiifi Warra Kaanii Wajjin Qabnuun Mala Qabeeyyii Ta’uu (be ful. 200 key. 1-4)
Lak. 1: Guddina Argisiisi (be ful. 74–75 key. 3)
Lak. 2: Hisqi’el 28:1-16
Lak. 3: Raajiiwwan Yesus Dubbate Raawwatamuunsaanii Macaafni Qulqulluun Hafuura Waaqayyootiin Barreeffamuusaa Mirkaneessu (rs ful. 60 key. 1-2)
Lak. 4: Macaafa Qulqulluu Keessatti Jechi “Jibbuu” Jedhuu Maal Argisiisa?
Hag. 20 Dubbisa M.Q.: His. 32-34 Far. 96 (215)
Amala H.: Haasawaankee Kan Nama Jajjabeessuufi Yaada Ni Ta’a Jedhu Kan Qabdu Ta’i (be ful. 202–203 key. 1)
Lak. 1: Kennaa Uumamaakeetti Fayyadami (be ful. 75 key. 4–77 key. 2)
Lak. 2: Hisqi’el 34:1-14
Lak. 3: Hafuurri Waaqayyoo Kan Nu Gargaaru Akkamitti?
Lak. 4: Macaafni Qulqulluun Saayinsii Wajjin Wal Sima (rs ful. 61–62 key. 4)
Hag. 27 Dubbisa M.Q.: His. 35-38 Far. 13 (33)
Amala H.: Akkaataa Nama Jajjabeessuun Dubbadhu (be ful. 203 key. 2–204 key. 1)
Irra Deebii
Fulb. 3 Dubbisa M.Q.: His. 39-41 Far. 35 (79)
Amala H.: Obbolootaa Wajjin Yommuu Haasoftu (be ful. 204 key. 2–205 key. 4)
Lak. 1: Dubbii Waaqayyoo Jaallachuu Kan Qabnu Maaliifi? (w05 4/15 ful. 15-16 key. 3-6)
Lak. 2: Hisqi’el 40:1-15
Lak. 3: Dhuguma Namni Waaqayyoon Gammachiisuu Danda’aa?
Lak. 4: Mormii Macaafa Qulqulluurratti Ka’uuf Deebii Kennuu (rs ful. 63–67 key. 1)
Fulb. 10 Dubbisa M.Q.: His. 42-45 Far. 34 (77)
Amala H.: Jabeessuuf Jecha Irra Deddeebi’uu (be ful. 206 key. 1-4)
Lak. 1: Yeroo Dullumni “Gonfoo Ulfinaa” Ta’u (w05 1/15 ful. 8-9)
Lak. 2: Hisqi’el 43:1-12
Lak. 3: Kiristiyaanonni Guyyaa Dhalootaa Kan Hin Kabajne Maaliifi? (rs ful. 67 key. 2–69 key. 2)
Lak. 4: “Sagalee Warra Ormaa” Beekuu Kan Dandeenyu Akkamitti? (Yoh. 10:5)
Fulb. 17 Dubbisa M.Q.: His. 46-48 Far. 72 (164)
Amala H.: Tajaajilarrattiifi Yeroo Haasawaa Dhiheessinutti Irra Deddeebi’uu (be ful. 207–208 key. 3)
Lak. 1: Faayidaa Macaafa Hisqi’el (bsi ful. 7-8 key. 29-33)
Lak. 2: Hisqi’el 47:1-14
Lak. 3: Kiristiyaanonni Dhiigarraa Kan Fagaatan Maaliifi? (rs ful. 69 key. 3–71 key. 1)
Lak. 4: Dhaalli Warri Ijoolleesaaniif Kennan Inni Guddaan Kennaa Hafuuraa Kan Ta’e Maaliifi?
Fulb. 24 Dubbisa M.Q.: Dan. 1-3 Far. 69 (160)
Amala H.: Ergaa Matadurichaa Ibsuu (be ful. 209 key. 1-3)
Lak. 1: Qabiyyee Macaafa Daani’el (bsi ful. 8-9 key. 1-6)
Lak. 2: Daani’el 2:1-16
Lak. 3: Lakkoofsi 144,000 Kallattiidhaan Fudhatamuu Kan Qabu Maaliifi? (Mul. 7:4)
Lak. 4: Kiristiyaanonni Dhugaa Dhiiga Kan Hin Fudhanne Maaliifi? (rs ful. 71 key. 2–72 key. 3)
Onk. 1 Dubbisa M.Q.: Dan. 4-6 Far. 8 (21)
Amala H.: Mataduree Sirriitti Fayyadamuu (be ful. 210–211 key. 1; saanduqa ful. 211rra jiru)
Lak. 1: Dheekkamuun Yeroo Hundaa Dogoggora Ta’uu Danda’aa? (w05 8/1 ful. 13-15)
Lak. 2: Daani’el 4:1-17
Lak. 3: Amala Mefii-Bosheet Isa Gaarii Argisiisuu
Lak. 4: Namoota Dhiiga Fudhachuu Ilaalchisee Nu Mormaniif Deebii Kennuu (rs ful. 73–75 key. 1)
Onk. 8 Dubbisa M.Q.: Dan. 7-9 Far. 14 (34)
Amala H.: Yaadawwan Ijoo Ta’an Ibsuu (be ful. 212–213 key. 1)
Lak. 1: “Dubbiin” Yihowaa Si Haa Eegu (w05 9/1 ful. 28-31)
Lak. 2: Daani’el 7:1-12
Lak. 3: Lammata Dhalachuu Jechuun Maal Jechuudha? (rs ful. 75 key. 2–76 key. 6)
Lak. 4: Yeroo Hundaa Tajaajilarratti Hirmaachuudhaan Gammachuun Argamu Maalidha?
Onk. 15 Dubbisa M.Q.: Dan. 10-12 Far. 76 (172)
Amala H.: Qabxiiwwan Ijoo Ta’an Hin Baay’atin (be ful. 213 key. 2–214 key. 5)
Lak. 1: Faayidaa Macaafa Daani’el (bsi ful. 9-10 key. 19-23)
Lak. 2: Daani’el 11:1-14
Lak. 3: Gad Of Qabuun Wal Dhabiinsa Uumamu Mo’uuf Kan Gargaaru Akkamitti?
Lak. 4: Fayyinni Lammata Dhalachuurratti Kan Hundaa’e Miti (rs ful. 76 key. 7–77 key. 5)
Onk. 22 Dubbisa M.Q.: Hos. 1-7 Far. 15 (35)
Amala H.: Yaada Seensaa Fedhii Namaa Kakaasu (be ful. 215–216 key. 4)
Lak. 1: Qabiyyeefi Faayidaa Hose’aa (bsi ful. 11-12 key. 1-8, 14-17)
Lak. 2: Hose’aa 5:1-15
Lak. 3: Lammata Dhalachuu Ilaalchisee Gaaffii Ka’uuf Deebii Kennuu (rs ful. 78–79 key. 1)
Lak. 4: Karaawwan Kiristiyaanonni Dhugaa Obsa Itti Argisiisan
Onk. 29 Dubbisa M.Q.: Hos. 8-14 Far. 21 (46)
Amala H.: Tajaajilarratti Xiyyeeffannaa Namootaa Argachuu (be ful. 217 key. 1-4)
Irra Deebii
Sad. 5 Dubbisa M.Q.: Yoe. 1-3 Far. 73 (166)
Amala H.: Barumsa Dabarsuuf Jettu Yaada Seensaarratti Dubbachuu (be ful. 217 key. 5–219 key. 1)
Lak. 1: Qabiyyeefi Faayidaa Macaafa Yo’el (bsi ful. 13-14 key. 1-5, 12-14)
Lak. 2: Yo’el 2:1-14
Lak. 3: ‘Jaalala Guutuu’ Jechuun Maal Jechuudha? (1 Yoh. 4:18, 1899)
Lak. 4: Macaafni Qulqulluun Cubbuu Hojjetan Lubootatti Himachuu Kan Hin Deggerre Maaliifi? (rs ful. 79 key. 2–80 key. 8)
Sad. 12 Dubbisa M.Q.: Amo. 1-9 Far. 93 (211)
Amala H.: Xumura Bu’a Qabeessa Ta’e (be ful. 220 key. 1-3)
Lak. 1: Qabiyyeefi Faayidaa Macaafa Amos (bsi ful. 14-16 key. 1-6, 13-17)
Lak. 2: Amos 2:1-16
Lak. 3: Muuxannoo Ofiirraa Barachuu Wanti Caalu Jira
Lak. 4: Cubbuu Waaqayyorrattis Ta’e Namarratti Raawwanne Himachuu (rs ful. 81 key. 6–82 key. 6)
Sad. 19 Dubbisa M.Q.: Oba. 1–Yon. 4 Far. 98 (220)
Amala H.: Qabxiiwwan Irratti Yaaduu Qabnu (be ful. 220 key. 4–221 key. 4)
Lak. 1: Qabiyyeefi Faayidaa Macaafa Obaadiyaafi Yoonaas (bsi ful. 16-17 key. 1-5, 10-14; ful. 17-19 key. 1-4, 9-12)
Lak. 2: Yoonaas 1:1-17
Lak. 3: Jannati Hafuuraa Lafa Jannata Taatu Dursuu Kan Qabu Maaliifi?
Lak. 4: Cubbuu Cimaan Jaarsoliitti Himamuu Kan Qabu Maaliifi? (rs ful. 82 key. 7–83 key. 2)
Sad. 26 Dubbisa M.Q.: Mik. 1-7 Far. 66 (155)
Amala H.: Tajaajilarratti (be ful. 221 key. 5–222 key. 6)
Lak. 1: Qabiyyeefi Faayidaa Macaafa Miikiyaas (bsi ful. 19-21 key. 1-8, 16-19)
Lak. 2: Miikiyaas 2:1-13
Lak. 3: Garraamii Ta’uu Jechuun Maal Jechuudha?
Lak. 4: Uumamatti Amanuun Sirrii Kan Ta’e Maaliifi? (rs ful. 83 key. 3–85 key. 1)
Mud. 3 Dubbisa M.Q.: Naho. 1–An. 3 Far. 47 (112)
Amala H.: Odeeffannoo Sirrii Ta’e Dabarsuu (be ful. 223 key. 1-5)
Lak. 1: Qabiyyeefi Faayidaa Macaafa Naahomiifi Anbaaqom (bsi ful. 21-23 key. 1-7, 11-12; ful. 23-24 key. 1-5, 12-14)
Lak. 2: Anbaaqom 1:1-17
Lak. 3: Wanta Macaafni Qulqulluun Uumama Ilaalchisee Ibsu Hubachuu (rs ful. 85 key. 2–87 key. 2)
Lak. 4: Jireenyi Bara Baraa Kan Nama Hin Nuffisiisne Maaliifi?
Mud. 10 Dubbisa M.Q.: Sef. 1–Hag. 2 Far. 48 (106)
Amala H.: ‘Dubbicha Isa Amanamaatti Jabaatanii Qabamuu’ (be ful. 224 key. 1-4)
Lak. 1: Qabiyyeefi Faayidaa Macaafa Sefaaniyaafi Haagee (bsi ful. 25-26 key. 1-6, 10-12; ful. 27-28 key. 1-7, 13-16)
Lak. 2: Sefaniyaa 3:1-17
Lak. 3: Macaafni Qulqulluun Fannoodhaaf Ulfina Kennuu Kan Hin Deggerre Maaliifi? (rs ful. 90 key. 3–91 key. 5)
Lak. 4: Waaqayyoo Wajjin Hariiroo Gaarii Qabaachuun Gaa’ela Keessatti Kan Fayyadu Akkamitti?
Mud. 17 Dubbisa M.Q.: Zak. 1-8 Far. 92 (209)
Amala H.: Odeeffannichi Sirrii Ta’uusaa Mirkaneessuu (be ful. 225 key. 1-3)
Lak. 1: Qabiyyee Macaafa Zakaariyaas (bsi ful. 28-29 key. 1-7)
Lak. 2: Zakaariyaas 7:1-14
Lak. 3: Jijjiiramni Yesus Inni Mul’ataan Argame Kan Raawwatame Akkamitti?
Lak. 4: Umuriin Namoota Bishaan Badiisaa Dura Turanii Kan Lakkaa’ame Akkaataa Nuyi Waggaa Itti Lakkoofnuunii? (rs ful. 93 key. 4–94 key. 1)
Mud. 24 Dubbisa M.Q.: Zak. 9-14 Far. 6 (13)
Amala H.: Salphaatti Kan Hubatamu (be ful. 226–227 key. 1)
Lak. 1: Faayidaa Macaafa Zakaariyaas; Qabiyyeefi Faayidaa Macaafa Milkiyaas (bsi ful. 29-30 key. 23-27; ful. 31-32 key. 1-6, 13-17)
Lak. 2: Zakaariyaas 10:1-12
Lak. 3: Dhugaa Baatonni Yihowaa Mootummaan Waaqaa Bara 1914tti Dhaabbate Kan Jedhan Maaliifi? (rs ful. 94 key. 2–96 key. 3)
Lak. 4: Ari’atamaaf Of Qopheessuu Kan Dandeenyu Akkamitti?
Mud. 31 Dubbisa M.Q.: Milkiyaas 1-4 Far. 4 (8)
Amala H.: Jechoota Haaraa Ta’an Ibsuu (be ful. 227 key. 2-5)
Irra Deebii
[Miiljaleewwan]
Obboloota dhiiraa qofaaf kan kennamu.
Hamma yeroon sii heyyametti, yaada ilaalcha namoota naannoo keetii wajjin wal simu, deebii isaan sii kennaniifi mormii si mudatuuf ta’u dhiheessi.
Amala H: jechuun: Amala Haasawaa jechuudha.
Dubbisa M.Q.: jechuun: Dubbisa Macaafa Qulqulluu jechuudha.