LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 8/09 ful. 7-8
  • Walga’iiwwan Tajaajila Dirree

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Walga’iiwwan Tajaajila Dirree
  • Tajaajila Mootummaa—2009
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Walgaʼiiwwan Tajaajila Dirree Kaayyoo Isaanii Galmaan Gaʼan
    Tajaajila Mootummaa—2015
  • Walga’iiwwan Tajaajila Dirreerraa Guutummaatti Faayidaa Argachuu
    Tajaajila Mootummaa—2006
  • Garee Tajaajila Dirree Keessanirraa Faayidaa Argachuu Kan Dandeessan Akkamitti?
    Tajaajila Mootummaa—2012
  • Malawwan Misiraachichi Ittiin Lallabamu
    Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼuu
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2009
km 8/09 ful. 7-8

Walga’iiwwan Tajaajila Dirree

1. Karaa qindoomina qabuun tajaajila dirreerratti hirmaachuu kan qabnu maaliifi?

1 Yesus, hojii Mootummichaa labsuun haala qindoomina qabuufi bu’a qabeessa ta’een akkamitti hojjetamuu akka qabu fakkeenya kenneera. Haaluma wal fakkaatuun har’as warri duula hojii Mootummichaa labsuuf addunyaa maratti itti gafatamummaa qaban, hojiin kun haala qindoomina qabuufi bu’a qabeessa ta’een akka hojjetamu barbaadu. Gumiiwwan addunyaa maraa, galma kana yaadatti qabachuudhaan, tuuta labsitoota Mootummichaa tajaajila direetiif qindeessuuf walga’ii tajaajilaatti fayyadamu.— Mat. 24:45-47; 25:21; Luq. 10:1-7.

2. Walga’ii tajaajila dirreerratti maaltu dhihaata?

2 Qophii Gaarii: Kaayyoon walga’ii tajaajila dirree, namoota tajaajila ba’an jajjabeessuu, akkasumas gorsaafi qajeelfama hojiirra ooluu danda’u kennuudha. Caqasni guyyaa guyyaa kallattiidhaan waa’ee tajaajila dirree kan ibsu yoo ta’e, gabaabaatti irratti mari’achuun ni danda’ama. Yeroo tokko tokkommoo obboloota walga’iirratti argaman hunda hojii guyyaa sanaaf akka isaan qopheessuuf yaadachiisawwan Tajaajila Mootummaa, Kitaaba Ragaa Dhiheessuu ykn Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa fudhatamanirratti mari’achuun ni danda’ama. Barreeffama raabsamu ilaalchisee hojiin argisiisni gabaabaanis dhihaachuu danda’a. Kadhannaan xumuraa utuu hin godhamin dura, hundumtuu eenyuu wajjin akka ramadamaniifi naannoo tajaajilaa itti tajaajilan beekuu qabu. Walga’ichi yeroo daqiiqaa 15 hin caalle keessatti erga xumuramee booda, hundisaanii gara naannoo tajaajilaasaaniitti deemuu qabu.

3. Walga’iiwwan tajaajila dirree qindeessuuf itti gaafatamummaa kan qaban eenyufa’i?

3 Walga’iiwwan Kun Akkamitti Qindaa’u? Walga’iiwwan tajaajila dirree qindeessuuf itti gaafatamummaa kan qabu obboleessa ilaaltuu olaanaa tajaajilaa ta’ee hojjetudha. Ilaaltonni olaanaa tuutaa ykn gargaartonnisaanii Sanbadduraafi Dilbata tuuta tajaajila dirreesaanii wajjin tajaajiluuf itti gaafatamummaa qabu. Jaarsoliin ykn tajaajiltoonni tokko tokko tuuta tajaajila dirree Wixataa hanga Jimaataatti tajaajilanii wajjin tajaajiluu danda’u ta’a. Ilaaltonni olaanaa tuutaa, Sanbadduraafi Dilbata tajaajila manaa gara manaatti godhaniif naannoo tajaajilaa ga’a ta’e argachuuf, ilaaltuu olaanaa tajaajilaa wajjin walitti dhufeenyaan hojjechuu qabu. Ilaaltuun olaanaa tajaajilaa sochii obboloota Waxataa hanga Jimaataatti walga’ii tajaajila dirree geggeessuuf ramadamanii ni to’ata.

4-6. (a) Naannoo tajaajilaa wajjin haala wal qabateen kaayyoon walga’ii tajaajila dirree maal ta’uu qaba? (b) Walga’iiwwan tajaajila dirree eessattifi yoom akka geggeeffamu murteessuuf maaltu tilmaamaa keessa galuu danda’a?

4 Walga’iiwwan Kun Yoomiifi Eessatti Godhamuu Qabu? Naannoo tajaajilaa akka gaariitti waliin ga’uuf jecha, miseensonni gumii hundi iddoo tokkotti akka walga’an gochuu mannaa, akkuma walii galaatti manneen dhuunfaa naannoo tajaajilichaa bakka mijaa’aa ta’etti argaman keessatti geggeessuun gaariidha. Galmawwan Mootummaas kaayyoo kanaaf tajaajiluu danda’u. Gumiiwwan hedduun haasawaa sabaafi Qayyabannaa Masaraa Eegumsaa Dilbata godhan akkuma xumuraniin Galma Mootummaatti walga’ii tajaajila dirree godhu. Yeroo hamma naannoo tajaajilaa ga’amutti badu hir’isuuf carraaqqiin godhamuu qaba. Kanaaf, bakki walga’iiin tajaajila dirree itti geggeeffamaa jiru, naannoo tajaajilichaa akka gaariifi guutummaatti waliin ga’uuf mijaa’aa ta’uuf dhiisuusaa yeroo yerootti gamaaggamuuf qophiin godhamuu danda’a.

5 Walga’iiwwan kana geggeessuuf sa’aatiin mijaa’aa ta’eefi torbanitti al meeqa godhamuu akka qabu kan murteessu haala naannoo tajaajilichaati. Gaaffiiwwan armaan gad jiran walga’iiwwan tajaajila dirree geggeessuuf, eessattiifi sa’aatii mijaa’aa ta’e murteessuuf akka qajeelfamaatti gargaaruu danda’u.

6 Naannoo tajaajilaa kamtu caalaatti xiyyeeffannaa barbaada? Manaa gara manaatti tajaajiluuf sa’aatiin mijaa’aa ta’e kamidha? Yeroon gara galgalaa manaa gara manatti tajaajiluuf ykn deddeebii gaaffii gochuuf sagantaan ba’uu qabaa? Qophiin walga’ii tajaajila dirreetiif godhame hundi gabatee beeksisaarratti maxxanfamuu qaba. Naannoo tajaajilaa nuu ramadame guutummaatti xumuruudhaan akkuma Phaawulos ergamaan ‘naanna’aa kanaa hojii hafe hin qabu’ jedhe jechuun hawwii babal’istoota Mootummichaa hundaati.—Rom. 15:23.

7. Obboleessi walga’ii tajaajila dirree akka geggeessuuf ramadame itti gaafatamummaa maalii qaba?

7 Walga’iiwwan Tajaajila Dirree Geggeessuu: Obboleessi walga’ii kana akka geggeessuuf ramandame, akka gaariitti qophaa’uudhaan qophii ti’ookraasii kanaaf kabaja akka qabu argisiisa. Walga’iiwwan kun yeroodhaan kan jalqabaman, barumsa kan dabarsan, gabaabaafi daqiiqaa 10 hanga 15 gudduutti kan xumuraman ta’uu qabu. Obboleessi walga’icha geggeessu utuu hin jalqabin dura naannoo tajaajilaa obboloota walga’icharratti argamaniif ta’u qabaachuu qaba. Akkasumas erga walga’iin tajaajila dirree xumuramee booda warra barfatanii dhufan eeguun barbaachisaa miti; kanaa mannaa tuutichi naannoo kam akka tajaajilu dhaamsa kaa’ee deemuun gaariidha. Hundumtuu walga’ichi akkuma xumurameen utuu hin turin gara naannoo tajaajilaa itti ramadaman dhaquu qabu. Walga’iin tajaajila dirree akka gaariitti qindoomeefi barumsa kennu, obboloota guyyaa sana tajaajila ba’an hundaaf qajeelfama barbaachisaa ta’e akka argamsiisu homaa hin shakkisiisu.—Fak. 11:14.

8. Warri walga’ii tajaajila dirreerratti argaman obboloota walga’icha geggeessan deggeruu kan danda’an karaawwan kamiinidha?

8 Walga’ii Tajaajila Dirreerratti Hirmaachuu: Deggersa gochuun barbaachisaadha. (Ibr. 13:17) Obboleessi tuuticha gegeessu hanga danda’ametti warra nama filatanii wajjin hojjechuu barbaadan gargaaruu danda’a. Babal’ostoonni muuxannoo qaban walga’icharratti argamanii babal’istoota haaraafi muuxannoo hin qabne gargaaruunsaanii gaariidha. Babal’istoonni darbanii darbanii, nama haaraa tokkoo wajjin ramadamanii hojjechuuf fedhii argisiisan, waan gaarii ta’e hedduu raawwachuu danda’u ta’a. (Fak. 27:17; Rom. 15:1, 2) Saa’atiidhaan xumuruuf hundumtuu carraqqii gochuu qabu. Qophii ti’ookraasii kanaaf kabaja qabaachuufi namoota hidhata amantii keenyaaf yaaduun keenya gama kanaan sirreeffama barbaachisaa ta’e gochuuf nu kakaasa.—2 Qor. 6:3, 4; Filp. 2:4.

9. Qajeelchitoonni, qophii kana karaawwan bu’a qabeessa ta’an kamiin deggeruu danda’u?

9 Deggersa Qajeelchitootaa: Qajeelchitoonni walga’iiwwan tajaajila dirree deggeruunsaanii faayidaa kan qabuufi hunduma kan jajjabeessudha. Qajeelchitoonni itti gaafatamummaa hedduu akka qaban beekamaadha. Sangantaan isaan guyyaa guyyaadhaaf qaban, qayyabannaa Macaafa Qulqulluu geggeessuufi deddeebii gaaffii gochuu malees, maatiisaanii kunuunsuufi hojii dhuunfaasaanii hojjechuu kan dabalatu ta’uu danda’a. Kanaaf, qajeelchitoonni walga’ii tajaajila dirree gumichi godhu hundumaarratti keessumaammoo walga’iin akkasii guyyaa guyyaadhaan kan godhamu taanaan, yeroo hunda argamuu akka qaban isaanitti dhaga’amuu hin qabu. Haata’u malee, qajeelchitoonni yoo xinnaate torban torbaniin walga’iiwwan tajaajilaa tokko tokko deggeruu danda’u ta’a. Walga’iiwwan tajaajiala dirree miseensota gumii leenjisuuf gargaaru; beekumsi Macaafa Qulqulluufi muuxannoon qajeelchitoonni qabanimmoo gama kanaan gumaacha guddaa gochuu danda’a. Yeroo hundaa tajaajila dirreerratti hirmaachuunsaanii muuxannoo akka argatan isaan taasiseera. Muuxannoon kunimmoo warra kaaniif hiramuu danda’a. Walga’iiwwan tajaajila dirreefi tajaajilarratti hinaaffaadhaan hirmaachuunsaanii warra kaaniif fakkeenya akka ta’an isaan taasisa. Akkasumas walga’iiwwan tajaajilaa kanarratti yaanni isaan kennan iddoo guddaa qaba.

10. Babal’istoonni Mootummichaa hundi qophii kanaaf deggersa garaa guutuu gochuunsaanii barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

10 Akkuma Yesusiifi bartoonnisaa godhan hojiin Mootummicha labsuu irraa caalaa manaa gara manaatti lallabuudhaan raawwatama. Kaayyoon walga’iiwwan tajaajila dirree akka wal jajjabeessinuufi hojii kanarratti hirmaannaa bu’aa qabu akka goonu nu kakaasuudha. Babal’istoonni misiraachichaa hundi hamma danda’anitti qophii ti’ookraasii kana kan deggeran ta’uu qabu. (HoE. 5:42; 20:20) Hundi keenya walga’ii tajaajila dirree deggeruudhaaf sirreeffama barbaachisaa ta’e haa goonu. Kana gochuudhaan, misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo yoo lallabne eebba Yihowaa akka argannuufi mootii keenya Yesus Kiristos garaasaa akka gammachiisnu mirkanaa’oo ta’uu dandeenya.—Mat. 25:34-40; 28:19, 20.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi