LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 10/03 ful. 1-2
  • Walga’iwwan Sa’aatiiti Jalqabaati Sa’aatiidhaan Xumuraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Walga’iwwan Sa’aatiiti Jalqabaati Sa’aatiidhaan Xumuraa
  • Tajaajila Mootummaa—2003
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Walga’iiwwan Tajaajila Dirreerraa Guutummaatti Faayidaa Argachuu
    Tajaajila Mootummaa—2006
  • Walgaʼiiwwan Tajaajila Dirree Kaayyoo Isaanii Galmaan Gaʼan
    Tajaajila Mootummaa—2015
  • Saanduqa Gaaffii
    Tajaajila Mootummaa—2007
  • Walgaʼiiwwan Gumii Kan Nama Cimsan Akka Taʼan Gumaacha Ni Gootaa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2003
km 10/03 ful. 1-2

Walga’iwwan Sa’aatiiti Jalqabaati Sa’aatiidhaan Xumuraa

1 Walga’ii tajaajila dirree dabalatee walga’iwwan hundinuu yeroodhaan jalqabamanii yerootti xumuramuu qabu. Maaliif? Kana gochuun keenya seera qabeeyyii ta’uu keenyaafi namoota walga’iirratti argamaniifi hirmaataniif kan yaadnu ta’uu keenya argisiisa. (Lal. 3:17b; 1 Qor. 14:33) Walga’iwwan yeroodhaan jalqabuufi xumuruuf qajeelfamawwan kanaa gadii hordofuudhaan kan namootaaf yaadnu ta’uu keenya argisiisuu dandeenya.

2 Bakka walga’itti dursinee argamuudhaan warra kaan haasofsiisuu, waan raawwachuu qabnu raawwachuufi faarfannaafi kadhannaa jalqabaarratti argamuuf carraaquu qabna. Walumaagalatti, faarfannaafi kadhannaadhaaf daqiiqaa 5tu heyyamama. Obboloonni gumicha iddoo bu’anii kadhannaa dhiheessan, kaayyoo walga’ichaa kadhannaa jalqabaafi xumuraa keessatti ibsuu qabu.

3 Haasawaa Sabaa: Haasawaa sabaatiif kan ramadame daqiiqaa 45. Yeroo ramadameef dabarsuun qayyabannaa Masaraa Eegumsaa itti aanu tuqa. Walga’iiwwan lamaanuu faarfannaafi kadhannaa dabalatee sa’aatii lamatti xumuramuu qabu. Fkn, faarfannaan kan jalqabu sa’aatii 9itti yoo ta’e, inni haasawaa kana dhiheessu sa’aatii 9:50⁠tti xumuruu qaba. Qayyabannaan Masaraa Eegumsaa 9:55⁠tti jalqabamee 10:55⁠rratti xumuramuu qaba. Itti aanee faarfannaafi kadhannaa isa dhumaatiin cufama. Obboloonni haasawaa dhiheessan sa’aatii ramadameen fayyadamuu qabu malee haasawaasaanii keessatti waan hedduu barumsaan ala ta’e kan akka nagaa dhaamuu dabaluudhaan yeroo akka hin fudhanne eeggannoo gochuu qabu. Obboleessi haasawaa dhiheessu iddoo Galma Mootummichaa hin beeku yoo ta’e, gumcha isa afeere karaasaafi yeroo hammamii akka fudhatu gaafachuu qaba.

4 Qayyabannaa “Masaraa Eegumsaa”: Keeyyatni hundinuu dubbifamee gaaffii irra deebii wajjin qayyabannaa Masaraa Eegumsaatiif kan ramadame sa’aatii tokko. Inni geggeessu yaada seensaa gabaabaa, kan fedhii kakaasufi kan gara barumsichaa geessuun jalqabuu qaba. Yeroo qayyabannaa geggeessu yaadni kennu kan daangeffame ta’uu qaba. Kutaa barumsichaatiif dursanii yeroo qoqqooduun geggeessichi walakkaa barumsichaa isa jalqabaarratti yeroo baay’ee fudhatee isa boodaarrattimmoo ariifachuurraa isa eega.

5 Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii: Kun walga’ii daqiiqaa 45ti. Haasawaan qajeelfamaafi yaadni ijoo Macaafa qulqulluu sa’aatiin ennaa darbu dhaabamuu baatuyyuu, obboloonni kutaa kana dhiheessan yeroo kennameef gidduutii fixuu qabu. Yoo kun ta’uu baate garuu dhuunfaatti gorsi kennamuufii qaba. Gorsiifi yaadni ilaaltuu olaanaa Mana Barumsichaatiin kennamus yeroo ramadameefitti raawwachuu qaba. Barattoonni yoo waltajjiitti dhihaatanii taa’aniifi sa’aatiin ramadame dhumnaan haasawaasaanii yoo gabaabsan yeroon qusatamuu danda’a.​—⁠Sagantaa Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii si’anaa ilaali.

6 Walga’ii Tajaajilaa: Kunis walga’ii daqiiqaa 45ti. Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii wajjin faarfannaafi kadhannaa dabalatee guutummaan sagantichaa sa’aatii tokkoofi daqiiqaa afurtamii shan caaluu hin qabu. Faarfannaan sa’aatii 12⁠tti yoo jalqabame Manni barumsichaa Sa’aatii 12:50⁠tti xumurama. Sa’aatii 1:40⁠rratti dhaggeeffattoonni faarfannaafi kadhannaa xumuraatiif affeeramuu qabu. Obboloonni walga’ii tajaajilaarratti kutaa qaban yeroo isaaniif kenname kabajuu qabu. Kutaawwan gaaffiifi deebiidhaan geggeeffaman seensa gabaabaa barbaadu. Yaada seensaarratti odeeffannoo dheeraa dabaluun barbaachisaa miti. Hojiin argisiisiwwan utuu hin dhihaatin dura ilaalamuu qabu; kan hojiin argisiisicha dhiheessan dursanii qophaa’uufi yeroo kennameen sirriitti fayyadamuuf waltajjiitti dhihaatanii taa’uu qabu. Sa’aatii kennameef yoo dabarsanillee, kan itti aanuudhaan haasawaa dhiheesu sa’aatiin sagantichaa akka hin darbine haasawaasaa gidduutti kutuu qaba.

7 Qayyabannaa Kitaabaa: Walga’iin kun kadhannaa jalqabaafi xumuraa dabalatee sa’aatii tokko fudhata. Keeyyati hundi dubbifamuu qabu. Walga’ichi yeroosaatti akka dhumu ilaaltuun olaanaa qayyabannaa kitaabaa kutaa barumsichaa gara dhumaa jiranirratti akka hin ariifanne, ykn sa’aatiisaa baay’ee dursee akka hin xumurre, kutaa barumsichaatiif yeroo qoqqoodee ramaduu qaba. Tokkoon tokkoo keeyyataa daqiiqaa meeqa akka fudhatu beekuu qaba. Qabxiiwwan ijoo ta’an sirriitti hubatamuu qabu. Malli itti barsiisu rakkoo isa mudatu mo’achuuf isa gargaara.​—⁠Tit. 1:⁠9.

8 Walga’ii Tajaajila Dirree: Walga’iin kun naannoo tajaajilaa ramaduufi kadhannaa xumuraa dabalatee daqiiqaa 15 caalaa hin fudhatu. Obboloonni hamma danda’ametti dafanii tajaajila jalqabuu barbaadu. Inni geggeessu hamma namni baay’een dhufutti eeguu mannaa, yeroodhaan jalqabuu qaba. Akkasumas erga ramadamaniifi kadhannaadhaan erga xumuramee booda yeruma sana tajaajilatti bobba’uu qabu. Kun keessumaayyuu qajeelchitoota achirratti argaman ni fayyada.

9 Hundi keenya walga’iiwwan yeroodhaan jalqabamanii yerootti xumuramanirraa fayyadamuu dandeenya. Obboloonni hiriyaa gaa’elaa hin amanne, kan manatti isaan argachuu barbaadu qaban qophii kana baay’ee dinqisiifatu. Gara walga’iitti dhufuufi galuuf geejjiba yeroo mijeessan ykn, sa’aatii gara manaa itti deebi’an yeroo murteessan, obbolootaa wajjin haasa’uuf, barreeffama fudhachuufi kkf gochuuf yeroo isaan barbaachisu tilmaama keessa yoo galchan gaariidha. Sa’aatii walga’ii kabajuun ‘waan hundumaa sabiriidhaan hojjechuuf’ kan nudandeessisu ta’uunsaa beekamaadha.​—⁠1 Qor. 14:⁠40.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi