Saanduqa Gaaffii
◼ Faarfannaan jalqabaa Mana Barumsaa Ti’ookraasii, Walga’ii Tajaajilaa, Walga’ii Haasawaa Sabaafi Qayyabannaa Masaraa Eegumsaa akkamitti jalqabama? Kan jalqabsiisuu qabuhoo eenyu?
Faarfannaawwan jalqabaa Mana Barumsaa Ti’ookraasiitiif ramadaman, Sagantaa Mana Barumsaa Ti’ookraasii miiltoo Tajaajila Mootummaa Onkoloolessaarratti argamu. Faarfannaawwan jalqabaafi xumuraa Walga’ii Tajaajilaa torban torbaniin godhamanirratti faarfataman, Tajaajila Mootummaa fuula 2rratti argamu. Haaluma wal fakkaatuun, lakkoofsonni faarfannaa qayyabannaa Masaraa Eegumsaa, barruu Masaraa Eegumsaa fuula 2rratti argamu. Faarfannaawwan murtaa’an kun qaama barumsa ittaanee dhihaatuu waan ta’aniif, faarfannaawwan kana jalqabsiisuu kan qabu Ilaaltuu Olaanaa Mana Barumsichaa ykn dura taa’aa Haasawaa Sabaa utuu hin ta’in, obboleessa kutaa isa jalqabaa dhiheessu ta’uu qaba.
Fakkeenyaaf ilaaltuun olaanaa Mana Barumsaa Ti’ookraasii dhaggeeffattoota simata, faarfannaa isa duraa jalqabsiisa, mana barumsichaa erga geggeessee booda, obboleessa kutaa walga’ii tajaajilaa isa duraa dhiheessu gara waltajjiitti afeera. Faarfannaa Walga’ii Tajaajilaa isa duraa kan jalqabsiisu, obboleessa kutaa Walga’ii Tajaajilaa isa duraa dhiheessu ta’uu qaba.
Haaluma wal fakkaatuun, Walga’iin Haasawaa Sabaas dura taa’aa waltajjiitiin jalqabama. Innis dhaggeeffattoota miira ho’aadhaan erga simatee booda, faarfannaa obboleessi haasawaa sabaa dhiheessu filate akka faarfatan afeera. Dura taa’aan (ykn obboleessi ga’eessa ta’eefi dursee ramadame) walga’icha kadhannaadhaan jalqaba. Ittaansuudhaanis obboleessa haasawaa sabaa dhiheessuufi mataduree haasawaasaa beeksisa. Dura taa’aan kun haasawaan kun erga xumuramee booda, wanta obboleessi dubbate utuu irra hin deebi’in barumsa dhihaateef galateeffannaa gabaabaa dhiheessa. Mataduree haasawaa sabaa walga’ii torban dhufutti dhihaatu beeksisuudhaan dhaggeeffattoonni qayyabannaa Masaraa Eegumsaarratti akka hirmaatan afeera. Dura taa’aan kun, obboloonni gumii obboleessi haasawaa dhiheesse dhufeef nagaa akka dhaaman gaafachuu hin qabu. Kanatti aansee obboleessa qayyabannaa Masaraa Eegumsaa geggeessu gara waltajjiitti afeera.
Obboleessi qayyabannaa Masaraa Eegumsaa geggeessu faarfannaa isa duraa qayyabannaa kanaaf ramadame akka faarfatan afeera. Qajeelfama kennamee wajjin haala wal simuun qayyabannicha erga geggeessee booda faarfannaa xumuraa beeksisa. Obboleessi qayyabannaa Masaraa Eegumsaa geggeessu yeroo baay’ee kadhannaa xumuraatiif obboleessa haasawaa sabaa dhiheesse afeera.
Qajeelfama walii galaa kana hordofuun keenya, walga’iiwwan keenya haala wal fakkaatuun akka geggeeffaman gochuuf gargaara.