LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 5/07 ful. 4
  • Ijoolleen Keessan Yihowaa Akka Jajatan Barsiisaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Ijoolleen Keessan Yihowaa Akka Jajatan Barsiisaa
  • Tajaajila Mootummaa—2007
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Ijoolleen Keessan Yihowaa Akka Tajaajilan Leenjisaa
    Tajaajila Mootummaa—2010
  • Tajaajiltoota Misiraachicha Lallaban
    Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼuu
  • Barattoonni Macaafa Qulqulluu Babal’istoota Misiraachoo Mootummichaa Akka Ta’an Gargaaraa
    Tajaajila Mootummaa—2008
  • Maatiidhaan Tajaajilarratti Hirmaachuuf —Sagantaa Maatii Qabaadhaa
    Tajaajila Mootummaa—2005
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2007
km 5/07 ful. 4

Ijoolleen Keessan Yihowaa Akka Jajatan Barsiisaa

1 Faarfannaan 148:12, 13 ‘dargaggoonniifi durboonni maqaa Yihowaa akka jajatan’ jajjabeessa. Caaffanni Qulqullaa’oon fakkeenya ijoollee Yihowaa jajatanii baay’ee qabateera. Fakkeenyaaf, “Saamu’el mucichi . . . Waaqayyoof in hojjeta ture.” (1 Sam. 2:18) Raajiin Yihowaa inni Israa’el keessa jiru Na’amaaniin fayyisuu akka danda’u haadha manaa Na’amaanitti kan hime “xomboree xinnoo tokko” turte. (2 Mot. 5:1-3) Yesus mana qulqullummaa keessa seenee dinqii yeroo raawwate, ‘ijoolleen’ sagaleesaanii ol fuudhanii “Hosaa’inaa ilma Daawitiif!” jechaa turan. (Mat. 21:15) Warri ijoolleensaanii Yihowaa akka jajatan barsiisuu kan danda’an akkamitti?

2 Fakkeenya Ta’uu: Abbootiin Israa’elootaa durii keessa deddeebi’anii ijoolleesaanii dhugaa barsiisuusaanii dura, ofiisaaniitii Yihowaa akka jaallataniifi abboommiinsaa garaasaaniitti akka qabatan gorfamaniiru. (Kes. 6:5-9) Tajaajila ilaalchisee waan nama jajjabeessu yoo dubbattaniifi kutaa sagantaa torbanii keessan yoo godhattan, ijoolleen keessan tajaajilli barbaachisaafi kan nama gammachiisu akka ta’e hubachuu danda’u.

3 Obboleettiin tokko akkas jechuudhaan waan yaadatu dubbatti: “Yeroon xinnoo turetti, maatiin keenya torban torbaniin Sanbadduraafi Dilbata tajaajilarratti hirmaachuuf sagantaa qaba ture. Warrikoo lallabuun akka isaan gammachiisu hubadheen ture. Tajaajilli wanta nama gammachiisu akka ta’e hubannee guddanne.” Obboleettiin kun babal’istuu hin cuuphamne kan taate waggaa torbatti yommuu ta’u, waggaa 33f tajaajila yeroo guutuurratti dabarsiteetti.

4 Leenjii Suuta Suutaan Kennamu: Ijoolleen keessan isinii wajjin tajaajilarratti akka hirmaatan godhaa. Balbala akka rurrukkutan, tiraaktii akka kennan ykn caqasa akka dubbisan godhaa. Kana gochuunsaanii gammachuunsaanii akka dabaluufi ergaa Mootummichaa lallabuuf dandeettii akka qaban akka itti dhaga’amu godha. Yeroo guddachaa adeeman hirmaannaan tajaajilarratti godhanis dabaluu qaba. Kanaaf, guddina akka argisiisaniifi galmawwan hafuuraatiif xiyyeeffannaa akka kennan isaan jajjabeessaa.

5 Ijoolleen keessan babal’istoota hin cuuphamne ta’uuf ga’eessota akka ta’an yoo isinitti dhaga’ameefi isaanis fedhii akkasii yoo qabaatan jaarsolii haasofsiisaa. Babal’istoota ta’uunsaanii Yihowaa jajachuuf dhuunfaatti itti gaafatamummaan akka isaanirra jiru isaan hubachiisa. Ijoolleen babal’istoota ta’uuf beekumsa hanga namoota gurguddaa qabaachuun akka isaan hin barbaachisne yaadadhaa. Ijoolleen keessan barumsawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu hubataniiruu? Seera bu’uuraa amalaa Macaafa Qulqulluurra jiru ni hordofuu? Tajaajilarratti hirmaachuufi Dhugaa Baatota keessaa akka isa tokkootti beekamuu ni barbaaduu? Yoo ta’e, jaarsoliin ijoolleen kun babal’istoota hin cuuphamne ta’uuf ga’eessota akka ta’an murteessuu danda’u.—Kitaaba Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaa’uu jedhamu ful. 79-82 ilaali.

6 Ijoolleen garaasaaniitii Yihowaa akka jajatan barsiisuun carraaqqii gaafata. Haata’u malee, ijoolleen karaa hafuuraa guddina yeroo godhan arguu caalaa wanti warra gammachiisu hin jiru. Irra caalaa garuu, Yihowaan yeroo ijoolleen hojiisaa isa dinqisiisaa dubbatan ni gammada.

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

1. Ijoollee xixinnoon Yihowaa jajachuu ni danda’uu?

2. Warri ijoolleesaaniitiif fakkeenya gaarii ta’uunsaanii barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

3. Obboleettiin tokko fakkeenya warrasheerraa faayidaa akkamii argatte?

4. Suuta suutaan ijoollee leenjisuu jechuun maal jechuudha?

5. Ijoolleen babal’istoota hin cuuphamne ta’uuf maaltu isaan barbaachisa?

6. Warri ijoolleesaanii leenjisuuf carraaquunsaanii barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi