Ijoolleen Keessan Yihowaa Akka Tajaajilan Leenjisaa
1. Faarfannaan 148:12, 13 warri Kiristiyaanota ta’an maal gochuu akka qaban ibsa?
1 Yihowaan dargaggoonni akka isa jajatan afeereera. (Far. 148:12, 13) Kanaaf, Kiristiyaanonni ijoolleesaanii dhugaa Macaafa Qulqulluufi seerawwan Waaqayyo amalaaf baase barsiisuunsaanii qofti ga’aa miti. Misiraachicha akka lallabanis isaan leenjisuu qabu. Maarree warri, irraa jalaan ijoolleesaanii leenjisuu kan danda’an akkamitti?
2. Warri fakkeenya gaarii ta’uunsaanii ijoolleesaaniirratti dhiibbaa geessisuu kan danda’u akkamitti?
2 Fakkeenya Gaarii Ta’uu: Abbaa Firdii kan ture Giidewon namoota 300 isaa wajjin turaniin, “Na ilaalaatii, . . . waanan hojjedhu isinis immoo hojjedhaa!” jedheera. (Abo. 7:17) Yeroo baay’ee, ijoolleen wanta warrisaanii hojjetan ni ilaalu, fakkeenyasaaniis ni hordofu. Abbaan tokko halkan guutuu hojjechaa bula; Sanbadduraa ganama yommuu gara manasaatti deebi’u baay’ee kan dadhabu ta’uyyuu, rafuu mannaa ijoolleesaa fudhatee tajaajila ba’a. Abbaan kun afaaniin dubbachuu baatus, wanta hundumaa caalaa tajaajilaaf dursa akka kennu isaan barsiisaa jira. (Mat. 6:33) Ijoolleen keessanoo, gammachuudhaan sochiiwwan waaqeffannaa addaarratti jechuunis, yommuu kadhattan, yommuu Macaafa Qulqulluu dubbistan, yommuu walga’iirratti deebii kennitaniifi yommuu tajaajilarratti hirmaattan ni arguu? Guutummaatti ijoollee keessaniif fakkeenya ta’uu akka hin dandeenye beekamaadha. Haata’u malee, Yihowaa akka waaqeffatan isaan barsiisuuf carraaqqii gootan caalaatti hojiirra kan oolchan, tattaaffii Waaqayyoon tajaajiluuf gootan yoo argan qofadha.—Kes. 6:6, 7; Rom. 2:21, 22.
3. Warri, ijoolleensaanii irraa jalaan galmawwan hafuuraa akkamii akka baafataniifi galmawwan kanarra akka ga’an gargaaruu qabu?
3 Galmawwan Irraa Jalaan Bira Ga’aman: Warri nuffii tokko malee, ijoolleensaanii adeemuu, dubbachuu, uffachuufi wantoota garabiraa raawwachuu akka baran isaan leenjisu. Ijoolleensaanii yommuu guddachaa adeemanis, galmawwan haaraa isaaniif baasu. Kiristiyaanota yoo ta’animmoo, akka umriifi dandeettiisaaniitti ijoolleensaanii galmawwan hafuuraa akka baafataniifi galmawwan kanarra akka ga’an isaan gargaaru. (1 Qor. 9:26) Ijoolleen keessan jecha mataasaaniitiin deebii akka kennaniifi kutaa Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirratti isaaniif kennamu akka qophaa’an barsiisaa jirtuu? (Far. 35:18) Bifawwan tajaajilaa addaddaarratti akka hirmaatan isaan leenjisaa jirtuu? Akka cuuphamaniifi tajaajila yeroo guutuurratti akka hirmaatan galma baasaafii jirtuu? Hiriyoota gammachuufi hinaaffaadhaan Wangeelicha lallabaniifi hojii kanaaf isaan jajjabeessanii wajjin michoota akka ta’an isaan gargaaraa jirtuu?—Fak. 13:20.
4. Ijoolleen, warra mucummaasaaniitii jalqabanii Yihowaa akka tajaajilan isaan leenjisan qabaachuunsaanii kan isaan gargaaru akkamitti?
4 Faarfatichi, “Yaa Waaqayyo, mucummaa kootii jalqabdee ati ana barsiifteetta; ani immoo amma iyyuu gocha kee isa dinqisiisaa nan labsa” jedheera. (Far. 71:17) Mucummaasaaniitii jalqabaatii ijoolleen keessan Yihowaa akka tajaajilan leenjisaa. Ijoolleen keessan karaa hafuuraa akka guddatan gargaaruuf bu’uurri yeroo ammaatti keessan, yommuu ga’eessota ta’an akka isaan gargaaru homaa hin shakkisiisu.—Fak. 22:6.