Saanduqa Torban Bitootessa 30 Jalqabu
TORBAN BITOOTESSA 30 JALQABU
Faarfannaa 2 Fi Kadhannaa
Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:
cf boq. 2 key. 15-20 fi saanduqa ful. 26 (Daq. 30)
Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii:
Dubbisa M.Q.: 1 Sam. 14-15 (Daq. 8)
Lakk. 1: 1 Sam. 14:36-45 (Daq. 3 ykn isaa gadi)
Lakk. 2: Raajiin Daaniʼel Dhufaatii Masiihichaa Dursee Kan Dubbate Akkamitti?—bh ful. 198-199 (Daq. 5)
Lakk. 3: Raawwii Raajii Macaafa Qulqulluu Guyyoota Gara Dhumaa Ilaalchisee Dubbatame—ijw ful. 13 key. 1 (Daq. 5)
Walgaʼii Tajaajilaa:
Yaada Ijoo Jiʼichaa: ‘Hojii Gaarii Hojjechuuf Qophaaʼaa.’—Tiitoos 3:1.
Daq. 15: Viidiyoowwan Dabalataa Weeb Saayitii Keenya Irratti Argamanii Fi Tajaajilaaf Nu Gargaaran. Mareedhaan kan dhihaatu. Viidiyoo Qayyabannaan Macaafa Qulqulluu Akkamitti Geggeeffama? jedhamu taphachiisuudhaan jalqabi. Achiis tajaajila irratti viidiyoo kanatti fayyadamuun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe irratti mariʼadhaa. Viidiyoo Galma Mootummaa Keenya Keessatti Maaltu Raawwatama? jedhuu wajjin haala wal qabateenis akkasuma godhi. Hojiin argisiisni tokko akka dhihaatu godhi.
Daq. 15: “Buukleetii Dubbii Waaqayyoorraa Barachuu Jedhamutti Fayyadamuudhaan Maree Jalqabsiisuu.” Gaaffii fi deebiidhaan kan dhihaatu. Karaa itti buukleetii Dubbii Waaqayyoorraa Barachuu jedhamu tajaajila irratti itti fayyadamuun dandaʼamu akka ibsan dhaggeeffattoota afeeri. Hojiin argisiisni tokko akka dhihaatu godhi.
Faarfannaa 47 Fi Kadhannaa