LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 1 Saamuʼel 14
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee 1 Saamuʼel

      • Gocha gootummaa Yonaataan Mikmaashitti raawwate (1-14)

      • Waaqayyo diinota Israaʼel ni balleesse (15-23)

      • Saaʼol ariifatee kakuu gale (24-46)

        • Namoonni Saaʼol foon dhiiga isaa wajjin nyaatan (32-34)

      • Waraanawwan Saaʼol geggeesse; maatii isaa (47-52)

1 Saamuʼel 14:1

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Sa 14:49; 18:1; 2Sa 1:4

1 Saamuʼel 14:2

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Sa 10:26
  • +1Sa 13:15

1 Saamuʼel 14:3

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Sa 22:9
  • +1Sa 4:21
  • +1Sa 2:12; 4:17
  • +1Sa 1:9
  • +Iya 18:1; 1Sa 1:3
  • +Bau 29:5; Lak 27:21

1 Saamuʼel 14:5

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Sa 13:2, 3

1 Saamuʼel 14:6

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Uma 17:9, 10; Abo 14:3; 15:18; 1Sa 17:36; 1Se 10:4
  • +Abo 7:2; 2Mo 6:15, 16; 2Se 14:11

1 Saamuʼel 14:10

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Uma 24:14; Abo 7:11; 1Sa 10:7

1 Saamuʼel 14:11

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Sa 13:6; 14:22

1 Saamuʼel 14:12

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Sa 14:10
  • +1Sa 14:6; 2Sa 5:23, 24; 2Mo 6:15, 16

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Fakkeenya Amantii Isaanii Hordofaa, mataduree 2

1 Saamuʼel 14:13

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Fakkeenya Amantii Isaanii Hordofaa, mataduree 2

1 Saamuʼel 14:15

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Sa 13:17

1 Saamuʼel 14:16

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Sa 10:26; 14:2
  • +1Sa 14:20

1 Saamuʼel 14:18

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “Guyyaa sanatti.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Sa 14:3

1 Saamuʼel 14:19

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “Harka kee sassaabbadhu.”

1 Saamuʼel 14:22

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Sa 13:6

1 Saamuʼel 14:23

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 33:29; Abo 2:18
  • +1Sa 13:5

1 Saamuʼel 14:24

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “daabboo.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lew 5:4; Lak 30:2; Kes 23:21

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Fakkeenya Amantii Isaanii Hordofaa, mataduree 2

1 Saamuʼel 14:25

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “biyyi.”

1 Saamuʼel 14:27

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Sa 14:17

1 Saamuʼel 14:28

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Sa 14:24

1 Saamuʼel 14:30

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Sa 14:26

1 Saamuʼel 14:31

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Iya 10:12

1 Saamuʼel 14:32

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Uma 9:4; Lew 3:17; 17:10; Kes 12:16; HoE 15:29

1 Saamuʼel 14:33

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 12:23

1 Saamuʼel 14:34

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Sa 14:32

1 Saamuʼel 14:35

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Sa 7:15, 17

1 Saamuʼel 14:36

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lak 27:21; 1Sa 30:7, 8

1 Saamuʼel 14:37

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Abo 1:1; 1Sa 30:8; 2Sa 5:19

1 Saamuʼel 14:41

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 28:30; Kes 33:8; Iz 2:62, 63

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Barreeffamoota Qorannaa Walgaʼii, 9/2020, ful. 4

1 Saamuʼel 14:42

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fak 16:33

1 Saamuʼel 14:43

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Sa 14:27

1 Saamuʼel 14:44

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Sa 14:24

1 Saamuʼel 14:45

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “fayyina.”

  • *

    Kal., “furaniif.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Sa 14:14
  • +1Sa 14:6

1 Saamuʼel 14:47

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Sa 12:9
  • +1Sa 11:11
  • +Uma 36:8
  • +2Sa 10:6
  • +1Sa 9:16, 17

1 Saamuʼel 14:48

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 17:14; Kes 25:19; 1Sa 15:3

1 Saamuʼel 14:49

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Sa 31:2; 1Se 8:33; 9:39
  • +1Sa 18:17
  • +1Sa 18:27; 25:44; 2Sa 3:13; 6:20

1 Saamuʼel 14:50

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Sa 17:55; 2Sa 2:8; 3:27

1 Saamuʼel 14:51

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Sa 9:1
  • +1Mo 2:5

1 Saamuʼel 14:52

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Uma 49:27; 1Sa 9:16, 17
  • +1Sa 8:11; 10:26

Yaada Wal Simu

1Sam. 14:11Sa 14:49; 18:1; 2Sa 1:4
1Sam. 14:21Sa 10:26
1Sam. 14:21Sa 13:15
1Sam. 14:31Sa 22:9
1Sam. 14:31Sa 4:21
1Sam. 14:31Sa 2:12; 4:17
1Sam. 14:31Sa 1:9
1Sam. 14:3Iya 18:1; 1Sa 1:3
1Sam. 14:3Bau 29:5; Lak 27:21
1Sam. 14:51Sa 13:2, 3
1Sam. 14:6Uma 17:9, 10; Abo 14:3; 15:18; 1Sa 17:36; 1Se 10:4
1Sam. 14:6Abo 7:2; 2Mo 6:15, 16; 2Se 14:11
1Sam. 14:10Uma 24:14; Abo 7:11; 1Sa 10:7
1Sam. 14:111Sa 13:6; 14:22
1Sam. 14:121Sa 14:10
1Sam. 14:121Sa 14:6; 2Sa 5:23, 24; 2Mo 6:15, 16
1Sam. 14:151Sa 13:17
1Sam. 14:161Sa 10:26; 14:2
1Sam. 14:161Sa 14:20
1Sam. 14:181Sa 14:3
1Sam. 14:221Sa 13:6
1Sam. 14:23Kes 33:29; Abo 2:18
1Sam. 14:231Sa 13:5
1Sam. 14:24Lew 5:4; Lak 30:2; Kes 23:21
1Sam. 14:271Sa 14:17
1Sam. 14:281Sa 14:24
1Sam. 14:301Sa 14:26
1Sam. 14:31Iya 10:12
1Sam. 14:32Uma 9:4; Lew 3:17; 17:10; Kes 12:16; HoE 15:29
1Sam. 14:33Kes 12:23
1Sam. 14:341Sa 14:32
1Sam. 14:351Sa 7:15, 17
1Sam. 14:36Lak 27:21; 1Sa 30:7, 8
1Sam. 14:37Abo 1:1; 1Sa 30:8; 2Sa 5:19
1Sam. 14:41Bau 28:30; Kes 33:8; Iz 2:62, 63
1Sam. 14:42Fak 16:33
1Sam. 14:431Sa 14:27
1Sam. 14:441Sa 14:24
1Sam. 14:451Sa 14:14
1Sam. 14:451Sa 14:6
1Sam. 14:471Sa 12:9
1Sam. 14:471Sa 11:11
1Sam. 14:47Uma 36:8
1Sam. 14:472Sa 10:6
1Sam. 14:471Sa 9:16, 17
1Sam. 14:48Bau 17:14; Kes 25:19; 1Sa 15:3
1Sam. 14:491Sa 31:2; 1Se 8:33; 9:39
1Sam. 14:491Sa 18:17
1Sam. 14:491Sa 18:27; 25:44; 2Sa 3:13; 6:20
1Sam. 14:501Sa 17:55; 2Sa 2:8; 3:27
1Sam. 14:511Sa 9:1
1Sam. 14:511Mo 2:5
1Sam. 14:52Uma 49:27; 1Sa 9:16, 17
1Sam. 14:521Sa 8:11; 10:26
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
  • 19
  • 20
  • 21
  • 22
  • 23
  • 24
  • 25
  • 26
  • 27
  • 28
  • 29
  • 30
  • 31
  • 32
  • 33
  • 34
  • 35
  • 36
  • 37
  • 38
  • 39
  • 40
  • 41
  • 42
  • 43
  • 44
  • 45
  • 46
  • 47
  • 48
  • 49
  • 50
  • 51
  • 52
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
1 Saamuʼel 14:1-52

Saamuʼel Tokkoffaa

14 Gaaf tokko Yonaataan+ ilmi Saaʼol tajaajilaa isaa isa meeshaa waraanaa isaaf baatuun, “Kottu gara buufata loltoota Filisxeem isa gamatti argamutti haa ceenu” jedhe. Taʼus wanta kana abbaa isaatti hin himne. 2 Saaʼol qarqara Gibeʼaa+ muka romaanii isa Migroonitti argamu jala buufatee ture; namoonni gara 600 taʼanis isaa wajjin turan.+ 3 (Ahiyaan ilmi Ahixuub+ efuudii uffatee kan ture yeroo taʼu, Ahixuub obboleessa Ikaabood,+ ilma Finahaas,+ ilma Eelii+ isa Shiilootti+ luba Yihowaa ture sanaa ti.)+ Namoonni sun Yonaataan deemuu isaa hin beekne turan. 4 Daandiiwwan Yonaataan gara buufata loltoota Filisxeemotaatti itti ceʼuuf yaalaa ture sana gidduu, garanaan kattaan ilkaan fakkaatu tokko, garsiinis kattaan ilkaan fakkaatu tokko jira ture; maqaan isa tokkoo Boozez, maqaan isa tokkoo immoo Seenee jedhama ture. 5 Kattaan inni tokko akka utubaatti karaa kaabaatiin gara Mikmaashitti kan garagale yeroo taʼu, inni tokko immoo karaa kibbaatiin gara Geebaatti+ kan garagale ture.

6 Kanaafuu, Yonaataan namicha meeshaa waraanaa isaaf baatu sanaan, “Kottu, gara buufata loltootaa warra dhaqna hin qabanne+ sanaatti haa ceenu. Yihowaan namoota hedduutti yookiin namoota muraasatti fayyadamee oolchuu irraa wanti isa dhowwuu dandaʼu waan hin jirreef, tarii Yihowaan nuuf jedhee tarkaanfii ni fudhata taʼa” jedhe.+ 7 Yeroo kanatti namichi meeshaa waraanaa isaaf baatu sun, “Wanta garaan kee akka gootu sitti himu hundumaa godhi. Gara barbaaddetti garagali; anis gara garaan kee yaade kamitti iyyuu si duukaa nan buʼa” isaan jedhe. 8 Achiis Yonaataan akkana isaan jedhe: “Gara namoota sanaatti ceenee isaanitti mulʼanna. 9 Yoo isaan, ‘Hamma nuti gara keessan dhufnutti achuma dhaabbadhaa!’ nuun jedhan, bakkuma jirru dhaabbanna malee gara isaaniitti ol hin baanu. 10 Yoo isaan, ‘Gara keenyatti ol baʼaa!’ jedhan garuu, Yihowaan harka keenyatti dabarsee waan isaan kennuuf gara isaaniitti ol ni baana. Kun mallattoo nuuf taʼa.”+

11 Achiis lamaan isaanii iyyuu buufata loltoota Filisxeemotaatti ni mulʼatan. Filisxeemonnis, “Kunoo, Ibroonni boolla itti dhokatan keessaa baʼaa jiru” jedhan.+ 12 Namoonni bakka buufata loltootaa sana jiranis Yonaataanii fi namicha meeshaa waraanaa isaaf baatu sanaan, “Gara keenyatti ol baʼaa; isinitti argisiisna!” jedhan.+ Yonaataanis yeruma sana namicha meeshaa waraanaa isaaf baatu sanaan, “Yihowaan harka Israaʼelotaatti dabarsee waan isaan kennuuf, ana duukaa buʼi” jedhe.+ 13 Achiis Yonaataan harka isaa fi miila isaatiin daaʼimee ol baʼe; namichi meeshaa waraanaa isaaf baatus isa duuba ture; Yonaataan Filisxeemota rukutuu ni jalqabe; namichi meeshaa waraanaa isaaf baatus isa duuba deemee isaan ni ajjeese. 14 Haleellaa jalqabaa Yonaataanii fi namichi meeshaa waraanaa isaaf baatu sun godhaniin, walakkaa qotiisa qotiyyoo cimdiin guyyaatti qotu keessatti gara namoota 20 ni rukutan.

15 Sana booda dirree buufatichaa keessaa fi namoota buufata loltootaa keessa jiran hundumaa gidduutti sodaan ni babalʼate; tuutawwan weerartootaa+ illee ni sodaatan. Lafti kirkiruu jalqabde; sodaanis Waaqayyo biraa isaanitti ni dhufe. 16 Waardiyyoonni Saaʼol warri Gibeʼaa+ ishii Biiniyaam keessa jiran, kallattii hundaatiin jeequmsi babalʼachuu isaa argan.+

17 Saaʼolis namoota sanaan, “Mee namoota lakkaaʼaatii, eenyu nu dhiisee akka deeme hubadhaa” jedhe. Isaanis yommuu lakkaaʼan, Yonaataanii fi namichi meeshaa waraanaa isaaf baatu achi akka hin jirre hubatan. 18 Yeroo kanatti Saaʼol Ahiyaadhaan,+ “Taabota Waaqa dhugaa as fidi!” jedhe. (Yeroo sanatti* Taabonni Waaqa dhugaa Israaʼelota bira ture.) 19 Saaʼol luba sanaa wajjin utuu dubbachaa jiruu, jeequmsi buufata Filisxeemotaa keessa ture ittuma cimaa deeme. Achiis Saaʼol lubichaan, “Wanta gochaa jirtu dhiisi”* jedhe. 20 Kanaafuu, Saaʼolii fi namoonni hundi walitti qabamanii gara dirree waraanichaa dhaqan; yeroo kanatti Filisxeemonni walitti garagalanii goraadee isaaniitiin utuu wal rukutanii argan; jeequmsi sunis baayʼee guddaa ture. 21 Kana malees, Ibroonni warri sana dura Filisxeemota irra goranii isaanii wajjin gara buufatichaa dhaqanii turan, gara Israaʼelota warra Saaʼolii fi Yonaataaniin geggeeffamanitti makaman. 22 Namoonni Israaʼel warri naannoo gaarotaa Efreem keessa dhokatanii+ turan hundis Filisxeemonni baqachuu isaanii ni dhagaʼan; isaanis waraanicha irratti warra kaanii wajjin taʼuudhaan Filisxeemota ariʼan. 23 Kanaafuu, guyyaa sanatti Yihowaan Israaʼelota ni oolche;+ waraanichis hamma Beet Aweenitti+ itti fufe.

24 Haa taʼu malee Saaʼol, “Namni hamma galgalaatti, hamma ani diinota koo haaloo baʼutti waan tokko* illee nyaatu abaaramaa haa taʼu!” jedhee kakuu jala isaan galchee waan tureef, guyyaa sanatti namoonni Israaʼel baayʼee dhiphatan. Kanaafuu, namoota sana keessaa namni tokko illee homaa hin nyaanne.+

25 Yeroo kanatti namoonni* sun hundi bosona tokko keessa galan; laficha irras dammi jira ture. 26 Namoonni sun yommuu gara bosonichaatti seenan dammi utuu coccophuu argan; haa taʼu malee, kakaa sana waan sodaataniif, namni tokko illee harka isaa gara afaan isaatti hin geessine. 27 Yonaataan garuu abbaan isaa namoota sana kakachiisuu isaa hin dhageenye;+ kanaafuu, hiixatee fiixee ulee harka isaa irra ture sana dhaaba dammaa sana keessa cuuphe. Harka isaa gara afaan isaatti yommuu geessus ijji isaa ni ife. 28 Yeroo kanatti namoota sana keessaa tokko, “Abbaan kee, ‘Namni harʼa nyaata nyaatu abaaramaa haa taʼu!’+ jedhee cimsee namoota kana kakachiiseera. Namoonni kun baayʼee kan dadhaban kanaafi” isaan jedhe. 29 Yonaataan garuu akkana jedhe: “Abbaan koo biyyattii irratti rakkina guddaa fideera. Damma xinnoo kana waanan afaaniin qabeef, ijji koo akkam akka ife ilaalaa. 30 Harʼa namoonni kun boojuu diinota isaanii irraa argatan sodaa tokko malee utuu nyaataniiru taʼee baayʼee gaarii ture!+ Utuu akkana taʼee, silaa kana caalaa Filisxeemonni hedduun ni ajjeefamu turan.”

31 Guyyaa sanatti namoonni sun Mikmaashii jalqabee hamma Ayiloonitti+ Filisxeemota rukutaa waan oolaniif baayʼee dadhaban. 32 Kanaafuu, namoonni sun wanta boojiʼan sana sassataan ni fudhatan; achiis hoolota, loonii fi jabbilee lafa irratti qalanii, foon isaanii dhiiga isaa wajjin nyaatan.+ 33 Kanaan kan kaʼes, “Kunoo, namoonni kun foon dhiiga isaa wajjin nyaachuudhaan Yihowaa irratti cubbuu hojjechaa jiru”+ jedhamee Saaʼolitti himame. Yeroo kanatti inni, “Isin hojii amantii akka hin qabne argisiisu hojjettaniittu. Dafaatii dhagaa guddaa tokko gangalchaa naa fidaa” isaaniin jedhe. 34 Sana booda Saaʼol akkana jedhe: “Namoota sana gidduu faffacaʼaatii, ‘Tokkoon tokkoon keessan qotiyyoo keessanii fi hoolaa keessan fidaatii asitti qalaa nyaadhaa. Foon dhiiga isaa wajjin nyaachuudhaan Yihowaa irratti cubbuu hin hojjetinaa’ jedhaatii isaanitti himaa.”+ Kanaafuu, tokkoon tokkoon isaanii galgala sana qotiyyoo isaanii fidanii achitti qalan. 35 Saaʼolis Yihowaadhaaf iddoo aarsaa ni ijaare.+ Kun, iddoo aarsaa inni yeroo jalqabaatiif Yihowaadhaaf ijaare dha.

36 Sana booda Saaʼol, “Halkan Filisxeemota hordofuudhaan gad buunee, hanga aduun baatutti isaan haa saamnu. Nama tokko illee hin hambisnu” jedhe. Yeroo kanatti isaan, “Wanta gaarii fakkaatee sitti mulʼate hundumaa godhi” isaan jedhan. Achiis lubichi, “Mee bakka kanatti Waaqa dhugaa haa gaafannu” jedhe.+ 37 Saaʼolis, “Ani Filisxeemota hordofee gad buʼuu?+ Harka Israaʼelotaatti dabarsitee isaan ni kennitaa?” jedhee Waaqayyoon gaafate. Haa taʼu malee, Waaqayyo guyyaa sanatti deebii isaaf hin kennine. 38 Kanaafuu, Saaʼol akkana jedhe: “Isin ajajjoonni saba kanaa hundi as kottaatii, harʼa cubbuun akkamii akka hojjetame qoradhaa. 39 Yihowaa Waaqa jiraataa isa Israaʼeliin oolcheen nan kakadha, cubbuu kana kan hojjete ilma koo Yonaataan yoo taʼe illee ni ajjeefama.” Haa taʼu malee, namoota sana keessaa eenyu illee deebii isaaf hin kennine. 40 Achiis Israaʼelota hundumaatiin, “Isin gar tokkotti goraa; ilmi koo Yonaataanii fi ani immoo gar tokkotti gorra” jedhe. Namoonni sunis Saaʼoliin, “Wanta gaarii fakkaatee sitti mulʼate godhi” jedhan.

41 Saaʼolis Yihowaadhaan, “Yaa Waaqa Israaʼel, karaa Tuumiimii+ deebii kenni!” jedhe. Achiis Yonaataanii fi Saaʼol ni filataman; namoonni sun garuu bilisa taʼan. 42 Saaʼolis, “Anaa fi ilma koo Yonaataan keessaa eenyu akka taʼe beekuuf carraa buusaa”+ jedhe. Yeroo kanatti Yonaataan ni filatame. 43 Achiis Saaʼol Yonaataaniin, “Maal akka goote natti himi!” jedhe. Yonaataanis, “Fiixee ulee harka koo irra tureen, damma xinnoo afaaniin qabeera.+ Kunoo amma ani duʼuuf qophaaʼaa dha!” isaan jedhe.

44 Yeroo kanatti Saaʼol, “Yaa Yonaataan, yoo ati duʼuu baatte, Waaqayyo adaba guddaa na haa adabu” jedhe.+ 45 Namoonni sun garuu Saaʼoliin akkana jedhan: “Yonaataan inni Israaʼeliif injifannoo* guddaa kana argamsiise duʼuu qabaa?+ Kun wanta hin yaadamne dha! Yihowaa isa jiraataa taʼeen ni kakanna, inni guyyaa kanatti kana kan godhe gargaarsa Waaqayyootiin waan taʼeef, rifeensa mataa isaa keessaa tokko illee lafa hin buʼu.”+ Akka kanaan namoonni sun Yonaataaniin waan oolchaniif,* inni utuu hin ajjeefamin hafe.

46 Kanaafuu, Saaʼol Filisxeemota ariʼuu isaa ni dhiise; Filisxeemonnis gara naannoo isaaniitti qajeelan.

47 Saaʼolis Israaʼel irratti mootummaa isaa ni cimsate; diinota isaa kallattii hundumaatiin jiran jechuunis, Moʼaabota,+ Amoonota,+ Edoomota,+ mootota Zoobaa+ fi Filisxeemota+ ni waraane; bakka deeme hundumaattis isaan injifata ture. 48 Gootummaadhaan Amaaleqota+ waraanee isaan injifate; Israaʼelotas harka warra isaan saaman jalaa ni oolche.

49 Ilmaan Saaʼol, Yonaataan, Yishwii fi Malkishuwaa+ turan. Ijoollee durbaa lamas kan qabu yommuu taʼu, maqaan ishii angafaa Meeraab,+ maqaan ishii quxisuu immoo Miikaal+ ture. 50 Maqaan haadha manaa Saaʼol Ahinoʼaam yommuu taʼu, ishiin intala Ahimaaz turte. Maqaan ajajaa raayyaa waraanaa isaa Abneer+ yommuu taʼu, innis ilma Neer isa wasiila Saaʼol turee ti. 51 Qiish+ abbaa Saaʼol ture; Neer+ inni abbaa Abneer taʼe immoo ilma Abiʼeel ture.

52 Guutummaa bara Saaʼolitti Filisxeemotaa wajjin waraanni cimaan godhamaa ture.+ Saaʼol yeroo nama cimaa yookiin onnataa taʼe argu loltoota isaatti akka makamu isa filata ture.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi