-
2 Mootota 6:15, 16Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 Tajaajilaan nama Waaqa dhugaa sanaas ganamaan kaʼee yommuu gad baʼu raayyaan waraanaa fardeenii fi gaariiwwan fardaa qabu tokko magaalattiitti marsee arge. Tajaajilaan sunis yeruma sana, “Wayyoo, gooftaa koo! Maal gochuu nuu wayya?” isaan jedhe. 16 Inni garuu, “Warra isaanii wajjin jiran irra warri nuu wajjin jiran waan caalaniif,+ hin sodaatin!”+ isaan jedhe.
-
-
2 Seenaa Baraa 14:11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Yeroo kanatti Aasaan akkana jedhee gara Waaqa isaa Yihowaatti iyye:+ “Yaa Yihowaa, warri ati gargaartu hedduu yoo taʼan yookiin humna kan hin qabne yoo taʼan siif jijjiirama hin qabu.+ Yaa Waaqa keenya Yihowaa, nuti sitti waan amanamneef,*+ maqaa keetiinis namoota hedduu kana waraanuuf waan baaneef+ ati nu gargaari. Yaa Yihowaa, ati Waaqa keenya. Namni duʼu si hin moʼin.”+
-