-
Baʼuu 14:10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
10 Faraʼoon yommuu isaanitti dhihaatuttis, Israaʼelonni ol jedhanii warri Gibxii isaan ariʼaa akka jiran argan. Achiis Israaʼelonni sodaatanii gara Yihowaatti iyyuu jalqaban.+
-
-
1 Seenaa Baraa 5:20Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
20 Isaan waraana irratti akka isaan gargaaruuf Waaqayyoon waan waammataniif, innis isatti amanamuu+ isaaniitiin kan kaʼe kadhannaa isaanii waan dhagaʼeef, yommuu isaan waraananitti gargaarsa ni argatan; kanaafuu, Haggaaronnii fi warri isaanii wajjin turan hundi harka isaanii irratti kufan.
-