-
Iyyaasuu 24:6, 7Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
6 Yommuun biyya Gibxii keessaa abbootii keessan baasettii+ fi yommuu isin gara galaanichaa dhuftanitti, warri Gibxii gaariiwwan fardaa waraanaa fi abbootii fardeeniitiin hamma Galaana Diimaatti abbootii keessan ariʼaa turan.+ 7 Abbootiin keessanis gara Yihowaatti iyyachuu jalqaban;+ kanaafuu, inni isinii fi warra Gibxii gidduu dukkana ni kaaʼe; achiis galaanicha isaan irratti deebisee isaan uwwise;+ isinis wanta ani Gibxii keessatti raawwadhe ijuma keessaniin argitaniittu.+ Sana booda, waggoota* hedduudhaaf lafa onaa keessa jiraattan.+
-
-
Nahimiyaa 9:9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 “Kanaafuu, ati gadadoo Gibxii keessatti abbootii keenya irra gaʼe argiteetta;+ iyya isaan Galaana Diimaatti dhageessisanis dhageesseetta.
-