-
2 Mootota 19:14, 15Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
14 Hisqiyaasis xalayaawwan sana harka namoota ergaman sanaa irraa fuudhee dubbise. Achiis gara mana Yihowaatti ol baʼee xalayaawwan sana Yihowaa duratti diriirse.+ 15 Sana booda Hisqiyaas akkana jedhee Yihowaa duratti kadhachuu jalqabe:+ “Yaa Yihowaa Waaqa Israaʼel, isa kiruubelotaa+ olitti* teessoo irra teessu, mootummoota lafaa hundaaf Waaqni dhugaan si qofa dha.+ Ati samii fi lafa uumteetta.
-
-
2 Seenaa Baraa 14:11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Yeroo kanatti Aasaan akkana jedhee gara Waaqa isaa Yihowaatti iyye:+ “Yaa Yihowaa, warri ati gargaartu hedduu yoo taʼan yookiin humna kan hin qabne yoo taʼan siif jijjiirama hin qabu.+ Yaa Waaqa keenya Yihowaa, nuti sitti waan amanamneef,*+ maqaa keetiinis namoota hedduu kana waraanuuf waan baaneef+ ati nu gargaari. Yaa Yihowaa, ati Waaqa keenya. Namni duʼu si hin moʼin.”+
-