-
2 Seenaa Baraa 13:12Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
12 Ammas kunoo, Waaqni dhugaan nuu wajjin jira; inni luboota isaa warra sagalee waraanni isin irratti banamuu isaa argisiisu dhageessisuuf malakata waraanaa qabatanii wajjin nu geggeessaa jira. Yaa namoota Israaʼel, isin milkaaʼina waan hin arganneef Yihowaa isa Waaqa abbootii keessanii taʼe hin lolinaa.”+
-
-
2 Seenaa Baraa 32:7, 8Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
7 “Onnadhaa, cimaas. Warra isaa wajjin jiran irra warri nuu wajjin jiran waan caalaniif,+ mootii Asoorii fi namoota hedduu isaa wajjin jiran hundumaatiin kan kaʼe hin sodaatinaa yookiin hin jeeqaminaa.+ 8 Isaa wajjin kan jiru irree foonii ti;* nuu wajjin kan jiru garuu Waaqa keenya Yihowaa isa nu gargaaruu fi waraana irratti nuuf lolu dha.”+ Uummatichis wanta Hisqiyaas mootiin Yihudaa dubbate irraa jajjabina argate.+
-