-
2 Mootota 6:16, 17Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
16 Inni garuu, “Warra isaanii wajjin jiran irra warri nuu wajjin jiran waan caalaniif,+ hin sodaatin!”+ isaan jedhe. 17 Achiis Eelsaaʼi, “Yaa Yihowaa, akka inni arguuf, maaloo ija isaa isaaf bani”+ jedhee kadhate. Yihowaanis yeruma sana ija tajaajilaa sanaa ni bane; innis ni arge; kunoo, fardeenii fi gaariiwwan fardaa ibiddaa+ Eelsaaʼitti marsanii naannoo gaarotaa sana guutanii turan.+
-
-
2 Seenaa Baraa 20:15Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 Innis akkana jedhe: “Isin namoonni Yihudaa hundi, isin jiraattonni Yerusaalemii fi Yoshaafaax Mootichis dhagaʼaa! Yihowaan akkana isiniin jedha, ‘Lolli kun kan Waaqayyoo ti malee kan keessan waan hin taaneef, sababii namoota hedduu kanaatiin hin sodaatinaa yookiin hin jeeqaminaa.+
-