LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Keessa Deebii 1:29, 30
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 29 “Kanaafuu, ani akkanan isiniin jedhe: ‘Isaaniin kan kaʼe hin romʼinaa yookiin hin sodaatinaa.+ 30 Waaqni keessan Yihowaan akkuma biyya Gibxii keessatti ija keessan duratti godhe,+ isin dura ni deema; isiniifis ni lola.+

  • Iyyaasuu 11:4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 4 Kanaafuu, isaan raayyaawwan waraanaa isaanii warra akka cirracha qarqara galaanaatti baayʼatan hundumaa, akkasumas fardeenii fi gaariiwwan fardaa lakkoofsi isaanii baayʼee hedduu taʼee wajjin ni dhufan.

  • Iyyaasuu 11:6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 6 Yeroo kanatti Yihowaan Iyyaasuudhaan, “Boru gara saʼaatii kanaatti hunduma isaanii akka ajjeestaniif isaaniin dabarsee waanan isinitti kennuuf, isaan hin sodaatin.+ Morgaa fardeen isaanii kukkuti;+ gaariiwwan fardaa isaaniis ibiddaan gubi” jedhe.

  • 2 Seenaa Baraa 32:7, 8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 7 “Onnadhaa, cimaas. Warra isaa wajjin jiran irra warri nuu wajjin jiran waan caalaniif,+ mootii Asoorii fi namoota hedduu isaa wajjin jiran hundumaatiin kan kaʼe hin sodaatinaa yookiin hin jeeqaminaa.+ 8 Isaa wajjin kan jiru irree foonii ti;* nuu wajjin kan jiru garuu Waaqa keenya Yihowaa isa nu gargaaruu fi waraana irratti nuuf lolu dha.”+ Uummatichis wanta Hisqiyaas mootiin Yihudaa dubbate irraa jajjabina argate.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi