31 Sababiin isaas, Waaqni kee Yihowaan Waaqa gara laafessa taʼe dha.+ Inni si hin dhiisu yookiin si hin balleessu yookiin kakuu abbootii keetiif kakate hin irraanfatu.+
5 Lubbuudhaan hamma jirtutti eenyu iyyuu si dura dhaabbachuu hin dandaʼu.+ Akkuman Musee wajjin ture, sii wajjinis nan taʼa.+ Ani si hin dhiisu, si hin gatus.+