LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Baʼuu 34:6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 6 Yihowaanis akkana jedhee labsaa isa dura darbe: “Yihowaa, Yihowaa Waaqa araara qabeessaa+ fi gara laafessa*+ taʼe, aariidhaaf suuta kan jedhu,+ jaalalli isaa inni amanamaanii+ fi dhugaan*+ isaa baayʼee kan taʼe,

  • Keessa Deebii 30:3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Waaqni kee Yihowaan wantoota si jalaa boojiʼaman siif deebisa,+ gara laafina sitti argisiisa,+ akkasumas saboota Waaqni kee Yihowaan itti si bittinneesse hundumaa keessaa deebisee walitti si qaba.+

  • 2 Seenaa Baraa 30:9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 Waaqni keessan Yihowaan gara laafessaa* fi araara qabeessa waan taʼeef,+ yommuu isin gara Yihowaatti deebitan warri obboloota keessanii fi ilmaan keessan boojiʼan gara laafina isaanitti ni argisiisu;+ gara biyya kanaatti akka deebiʼanis isaaniif ni heyyamu;+ isin gara isaatti yoo deebitan inni fuula isaa isin irraa hin deebisu.”+

  • Nahimiyaa 9:31
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 31 Ati Waaqa gara laafessaa* fi araara qabeessa+ waan taateef, gara laafina kee isa guddaa irraa kan kaʼe haxooftee isaan hin balleessine+ yookiin isaan hin dhiisne.

  • Isaayyaas 54:7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  7 “Ani yeroo xinnoodhaaf si dhiiseera,

      Taʼus, gara laafina guddaadhaan deebisee walitti sin qaba.+

  • Isaayyaas 55:7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  7 Namni hamaan daandii isaa,

      Namni jalʼaanis yaada isaa haa dhiisu;+

      Dhiifamni isaa guddaa waan taʼeef,*+

      Gara Yihowaa isa gara laafina itti argisiisutti, gara Waaqa keenyaatti haa deebiʼu.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi