LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Izraa 1:2, 3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 2 “Qiiros mootiin Faarsi akkana jedha: ‘Waaqa samiiwwanii kan taʼe Yihowaan mootummoota lafaa hundumaa naaf kenneera;+ Yerusaalem ishii Yihudaatti argamtu keessattis mana akkan isaaf ijaaru+ na ajajeera. 3 Saba isaa hundumaa keessaa namni isin gidduutti argamu kam iyyuu Waaqni isaa isaa wajjin haa taʼu; innis gara Yerusaalem ishii Yihudaa keessatti argamtutti ol baʼee mana Yihowaa Waaqa Israaʼel isa manni isaa Yerusaalem keessatti argamuu deebisee haa ijaaru; inni Waaqa dhugaa dha.

  • Faarfannaa 147:2
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  2 Yihowaan Yerusaalemiin ni ijaara;+

      Inni jiraattota Israaʼel warra bittinneeffaman walitti ni qaba.+

  • Ermiyaas 32:37
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 37 ‘Kunoo, biyyoottan ani dheekkamsa koo fi aarii koo isa guddaadhaan itti isaan bittinneesse hundumaa keessaa walitti isaan nan qaba;+ gara bakka kanaatti isaan deebisees tasgabbiidhaan akka jiraatan nan godha.+

  • Hisqiʼel 34:13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Ani saboota keessaa isaan nan baasa; biyyoota keessaas walitti isaan nan qaba; achiis gara biyya isaaniitti isaan fidee gaarota Israaʼel irratti, lageen birattii fi iddoowwan jireenyaa biyyattii hundumaa biratti isaan nan soora.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi