- 
	                        
            
            Keessa Deebii 30:1-3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
30 “Dubbiin kun hundi, jechuunis eebbii fi abaarsi ani si dura kaaʼe yommuu si irra gaʼu,+ atis saboota Waaqni kee Yihowaan itti si bittinneessu hundumaa keessa+ taatee yommuu isaan yaadattu,*+ 2 akkuma ani harʼa si ajaju kana hundumaatti atis taate ilmaan kee garaa keessan guutuu fi lubbuu* keessan guutuudhaan+ gara Waaqa keessan Yihowaatti yommuu deebitanii+ fi sagalee isaa yommuu dhageessan, 3 Waaqni kee Yihowaan wantoota si jalaa boojiʼaman siif deebisa,+ gara laafina sitti argisiisa,+ akkasumas saboota Waaqni kee Yihowaan itti si bittinneesse hundumaa keessaa deebisee walitti si qaba.+
 
 - 
                                        
 
- 
	                        
            
            Hisqiʼel 36:24Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
24 Saboota gidduudhaa isin baasee, biyyoota hundumaa keessaas walitti isin qabee gara biyya keessaniitti isin nan deebisa.+
 
 -