14 Anis isiniif nan argama’+ jedha Yihowaan. ‘Boojiʼamtoota keessan walitti nan qaba; sabootaa fi iddoowwan ani itti isin bittinneesse hundumaa keessaas walitti isin nan sassaaba.+ Gara iddoo ani irraa boojiʼamtanii akka fudhatamtan godhe sanaattis isin nan deebisa’+ jedha Yihowaan.