-
2 Seenaa Baraa 30:9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Waaqni keessan Yihowaan gara laafessaa* fi araara qabeessa waan taʼeef,+ yommuu isin gara Yihowaatti deebitan warri obboloota keessanii fi ilmaan keessan boojiʼan gara laafina isaanitti ni argisiisu;+ gara biyya kanaatti akka deebiʼanis isaaniif ni heyyamu;+ isin gara isaatti yoo deebitan inni fuula isaa isin irraa hin deebisu.”+
-
-
Nahimiyaa 9:17Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
17 Isaan dhaggeeffachuu ni didan;+ gochawwan kee warra dinqisiisoo isaan gidduutti raawwattes hin yaadanne; kanaa mannaa mata jabeeyyii taʼan;* gara garbummaa isaanii isa Gibxii keessaatti deebiʼuufis geggeessaa ni muudan.+ Ati garuu Waaqa dhiifama gochuuf qophaaʼaa taʼe,* gara laafessa,* araara qabeessa, aariidhaaf hin ariifannee fi jaalala amanamaa hedduu qabu+ waan taateef, isaan hin dhiisne.+
-