LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Baʼuu 34:6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 6 Yihowaanis akkana jedhee labsaa isa dura darbe: “Yihowaa, Yihowaa Waaqa araara qabeessaa+ fi gara laafessa*+ taʼe, aariidhaaf suuta kan jedhu,+ jaalalli isaa inni amanamaanii+ fi dhugaan*+ isaa baayʼee kan taʼe,

  • Lakkoofsa 14:18
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 18 ‘Yihowaa, aariidhaaf suuta kan jedhu, jaalalli isaa inni amanamaan baayʼee kan taʼe,+ dogoggoraa fi balleessaa kan namaaf dhiisu, taʼus, isa balleessaa qabu matumaa utuu hin adabin kan hin dhiisne, balleessaa abbootiin raawwataniif ilmaan isaanii, dhaloota sadaffaa fi dhaloota arfaffaa kan adabu.’+

  • Nahimiyaa 9:17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 Isaan dhaggeeffachuu ni didan;+ gochawwan kee warra dinqisiisoo isaan gidduutti raawwattes hin yaadanne; kanaa mannaa mata jabeeyyii taʼan;* gara garbummaa isaanii isa Gibxii keessaatti deebiʼuufis geggeessaa ni muudan.+ Ati garuu Waaqa dhiifama gochuuf qophaaʼaa taʼe,* gara laafessa,* araara qabeessa, aariidhaaf hin ariifannee fi jaalala amanamaa hedduu qabu+ waan taateef, isaan hin dhiisne.+

  • Faarfannaa 106:44, 45
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 44 Inni garuu dhiphina isaanii ni ilaala,+

      Iyya isaan gargaarsa argachuuf dhiheessanis ni dhagaʼa ture.+

      45 Isaaniif jedhee kakuu isaa ni yaadata,

      Jaalala isaa isa amanamaa isa guddaa* taʼeen kakaʼees isaaniif ni gadda ture.*+

  • Miikiyaas 7:18, 19
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 18 Waaqni akka keetti

      Warra dhaala isaa keessaa hafaniif+ balleessaa isaanii isaaniif dhiisuu fi dogoggora isaanii irra isaaniif darbu eenyu?+

      Inni jaalala amanamaatti waan gammaduuf,

      Bara baraaf akkuma dheekkametti itti hin fufu.+

      19 Inni ammas gara laafina nutti argisiisa;+ balleessaa keenyas toʼannaa jala ni galcha.*

      Ati cubbuu isaanii hundumaa galaana gad fagoo keessatti ni darbatta.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi