LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Baʼuu 34:6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 6 Yihowaanis akkana jedhee labsaa isa dura darbe: “Yihowaa, Yihowaa Waaqa araara qabeessaa+ fi gara laafessa*+ taʼe, aariidhaaf suuta kan jedhu,+ jaalalli isaa inni amanamaanii+ fi dhugaan*+ isaa baayʼee kan taʼe,

  • Keessa Deebii 32:36
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 36 Yihowaan saba isaatiif murtii ni kenna;+

      Inni humni isaanii akka laafe,

      Warri gargaarsa hin qabnee fi warri dadhaboon qofti akka hafanis yommuu argutti,

      Tajaajiltoota isaatiif ni gadda.*+

  • Isaayyaas 63:7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  7 Akka gara laafina isaa fi akka jaalala isaa isa amanamaa isa guddaa taʼetti,

      Wanta Yihowaan nuuf godhe hundumaatiif,+

      Wantoota gaggaarii hedduu inni mana Israaʼeliif godheef,

      Ani waaʼee gochawwan Yihowaa warra jaalala isaa isa amanamaa argisiisanii,

      Waaʼee gochawwan Yihowaa warra jajamuu qaban sanaa nan dubbadha.

  • Faaruu Ermiyaas 3:32
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 32 Inni gadda kan geessise taʼus, akka jaalala isaa isa amanamaa isa hedduu taʼetti gara laafinas ni argisiisa.+

  • Yooʼel 2:13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Uffata keessan utuu hin taʼin,+ garaa keessan tarsaasaa,+

      Gara Waaqa keessan Yihowaatti deebiʼaa,

      Inni gara laafessaa* fi araara qabeessa, aariidhaaf suuta kan jedhuu+ fi jaalalli isaa inni amanamaan baayʼee kan taʼe dha,+

      Inni badiisa fiduuf yaade ilaalchisee yaada isaa ni jijjiira.*

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi