-
Lakkoofsa 27:21Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
21 Innis Eleʼazaar lubicha isa Uuriimiitti fayyadamee murtii Yihowaa isaaf gaafatu dura ni dhaabbata.+ Innii fi Israaʼelonni isaa wajjin jiran, akkasumas guutummaan yaaʼichaa ajaja isaatiin gad ni baʼu, ajaja isaatiinis ol ni seenu.”
-
-
1 Saamuʼel 30:7, 8Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
7 Achiis Daawit ilma Ahimelek kan taʼe Abiyaataar+ lubichaan, “Maaloo, efuudicha as fidi” jedhe.+ Kanaafuu, Abiyaataar efuudicha gara Daawititti fide. 8 Daawitis, “Tuuta weerartootaa kana duukaa buʼuu? Isaan nan dhaqqabaa?” jedhee Yihowaa gaafate.+ Innis, “Duukaa buʼi; isaan ni dhaqqabda; wanta isaan fudhatanis isaan irraa ni deebifta” isaan jedhe.+
-