LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Lakkoofsa 27:21
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 21 Innis Eleʼazaar lubicha isa Uuriimiitti fayyadamee murtii Yihowaa isaaf gaafatu dura ni dhaabbata.+ Innii fi Israaʼelonni isaa wajjin jiran, akkasumas guutummaan yaaʼichaa ajaja isaatiin gad ni baʼu, ajaja isaatiinis ol ni seenu.”

  • Abbootii Murtii 20:28
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 28 Bara sanatti Finahaas+ ilmi Eleʼazaar, ilmi Aaron taaboticha duratti ni tajaajila* ture. Isaanis, “Namoota Biiniyaam warra obboloota keenya taʼan waraanuuf ammas deebinee dhaqnu moo dhiisnu?”+ jedhanii gaafatan. Yihowaanis, “Ani boru harka keessanitti dabarsee waanan isaan kennuuf, dhaqaa” jedhee isaaniif deebise.

  • 1 Saamuʼel 23:2
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 2 Kanaafuu Daawit, “Ani dhaqee Filisxeemota kana rukutuu?” jedhee Yihowaa gaafate.+ Yihowaanis Daawitiin, “Dhaqi, Filisxeemota rukutiitii Qeyilaa oolchi” jedhe.

  • 1 Saamuʼel 23:11
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 Geggeessitoonni* Qeyilaa harka isaatti dabarsanii na kennuu? Akkuma tajaajilaan kee dhagaʼe Saaʼol asitti gad ni buʼaa? Yaa Yihowaa Waaqa Israaʼel, maaloo, waaʼee kanaa tajaajilaa keetti himi.” Yeroo kanatti Yihowaan, “Eeyyee, gad ni buʼa” jedhe.

  • 1 Saamuʼel 28:6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 6 Saaʼol Yihowaa kan gaafate taʼus,+ Yihowaan garuu abjuudhaanis taʼe Uuriimiidhaan+ yookiin karaa raajotaa matumaa isaaf hin deebisne.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi