Buukleetii Dubbii Waaqayyoorraa Barachuu Jedhamutti Fayyadamuudhaan Maree Jalqabsiisuu
1. Tajaajilaaf meeshaa haaraa akkamii arganne?
1 Macaafni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa seensa isaa irratti kutaa “Dubbii Waaqayyoorraa Barachuu” jedhamu kan qabu siʼa taʼu, afaan Oromootiin immoo bifa buukleetiitiin qophaaʼeera. Akkaataa dhiheenyaa tajaajilaaf nu gargaaru yeroo qophoofnu buukleetii kanatti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti? Akkuma kitaaba Ragaa Dhiheessuu jedhamuu, buukleetiin kunis mata duree Macaafa Qulqulluu hedduu jalatti caqasoota kan qabate waan taʼeef maree jalqabsiisuuf baayʼee nu gargaara.
2. Buukleetii Dubbii Waaqayyoorraa Barachuu jedhamu tajaajila irratti itti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti?
2 Gaaffii 8ffaatti fayyadamuudhaan akkas jechuu dandeessu: “Namoota naannoo keenyatti argamanii wajjin maree gabaabaa gochaa jirra; namoonni hedduun ‘Rakkina namootarra gaʼuuf kan itti gaafatamu Waaqayyodhaa?’ jedhanii gaafatu. [Naannoowwan tajaajilaa tokko tokkotti gaafficha nama haasofsiisnutti argisiisuun gaarii taʼuu dandaʼa.] Atoo waaʼee kanaa maal yaadda? [Hanga deebii kennutti eegi.] Macaafni Qulqulluun gaaffii kanaaf deebii quubsaa taʼe kenna.” Caqasa mata duricha jalatti caqasame tokko ykn isaa ol Macaafa Qulqulluu irraa dubbisaafii. Namni haasofsiisaa jirtan fedhii kan qabu taanaan, gaaffilee 20n buukleeticha irratti argaman itti argisiisaatii yeroo itti aanutti isa kam irratti mariʼachuu akka barbaadu gaafadhaa. Yookiin immoo barreeffamoota qayyabannaadhaaf itti gargaaramnu keessaa, mata duree irratti mariʼattan balʼinaan ibsu kennuufii dandeessu.
3. Naannoo namoonni Kiristiyaanota hin taane itti argamanitti maree jalqabuuf buukleetii Dubbii Waaqayyoorraa Barachuu jedhamutti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti?
3 Gaaffii 4ffaa, akkasumas 13ffaadhaa hanga 17ffaatti, keessumaa naannoowwan namoonni Kiristiyaanota hin taane itti argaman keessatti itti fayyadamuu dandeenya. Fakkeenyaaf, gaaffii 17ffaatti fayyadamuudhaan akkas jechuu dandeessu: “Yaadawwan maatii gargaaruu dandaʼan irratti namootaa wajjin maree gabaabaa gochaa jirra. Yeroo harʼaa rakkinni hedduun maatiiwwan mudachaa akka jiru irratti walii hin galtuu? [Hanga deebii kennutti eegi.] Hiriyoonni gaaʼelaa hedduun yaada, ‘Haati manaa abbaa manaa isheetiif ulfina haa kennitu’ jedhu irraa faayidaa argataniiru. [Yaanni kun Efesoon 5:33 irraa kan fudhatame taʼuu isaa ibsuun barbaachisaa miti. Kan haasofsiisaa jirtan dubartii yoo taate, yaada Efesoon 5:28 irra jiru dubbachuu dandeessu.] Gorsa kana hojii irra oolchuun gaaʼela keessatti faayidaa kan argamsiisu sitti hin fakkaatuu?”
4. Nama amantii Kiristiyaanaa hin hordofnee wajjin erga mariʼannee booda maal gochuu qabna?
4 Maree keessan erga xumurtanii booda, yeroo kan biraa mariʼachuuf haala mijeessaa. Tarii caqasoota gaaffii itti fayyadamtan keessatti argaman keessaa tokko irratti mariʼachuuf karoora baafachuu dandeessu. Yeroo barbaachisaa taʼutti namni isin haasofsiistan gorsi gaariin isatti himaa jirtan Macaafa Qulqulluu irraa kan fudhatame taʼuu isaa akka beeku godhaa. Maree kanaan dura gootanii fi ilaalcha namni sun Macaafa Qulqulluudhaaf qabu irratti hundaaʼuudhaan, barreeffama xiyyeeffannaa isaa harkisa jettanii yaaddan isaaf kennaa.—Tajaajila Mootummaa Muddee 2013 fuula 2 hanga 6 ilaali.