-
Gaaffii 13: Macaafni Qulqulluun hojii ilaalchisee maal jedha?Dubbii Waaqayyoorraa Barachuu
-
-
GAAFFII 13
Macaafni Qulqulluun hojii ilaalchisee maal jedha?
“Nama hojii isaatti harka tolu kana argitaa? Inni moototaaf in ergama, nama hin malleedhaaf garuu hin ergamu.”
“Inni hatu deebiʼee hin hatin, warra dhaban gargaaruu akka dandaʼutti hojii waaʼee baasu harka isaatiin itti dadhabee haa hojjetu malee.”
“Namni hundinuu nyaatee, dhugee, wanta itti dadhabettis gammaduun kennaa Waaqayyooti.”
-
-
Gaaffii 14: Qabeenya keetti sirriitti fayyadamuu kan dandeessu akkamitti?Dubbii Waaqayyoorraa Barachuu
-
-
GAAFFII 14
Qabeenya keetti sirriitti fayyadamuu kan dandeessu akkamitti?
“Namni qananii jaallatu in deega, namni daadhii waynii fi dhadhaa ejersaa jaallatu raawwatee hin sooromu.”
“Inni [liqeeffatu] abbaa liqiitiif hojjetaa dha.”
“Isin keessaa namni mana dhagaa ijaaruu barbaadu, duraan dursee horii ittiin mana kana ijaaree raawwatu qaba yoo taʼeef, taaʼee kan hin shallagne eenyu? Kanaa achi hundee isaa kaaʼee ijaarsa manichaa yoo raawwachuu dadhabe, kan kana argan hundinuu itti in gaʼisu; ‘Ilaa namni kun ijaaruu jalqabe garuu duuchuu dadhabe’ jedhuun.”
“Namoonni erga nyaatanii quufanii, Yesus, ‘Waan tokko illee akka hin badnetti, hurraa isa hafe walitti qabaa!’ jedhee bartoota isaatti hime.”
-
-
Gaaffii 15: Gammachuu argachuu kan dandeessu akkamitti?Dubbii Waaqayyoorraa Barachuu
-
-
GAAFFII 15
Gammachuu argachuu kan dandeessu akkamitti?
“Lafa jibbi jiruu, cooma sangaa nyaachuu irra, lafa jaalalli jiruu, raafuu nyaachuu wayya.”
“Ani Waaqayyo gooftaan kee isa wanta waaʼee siif baasu si barsiisuu fi isa karaa ati adeemtu irratti si geggeessuu dha.”
“Karaa hafuuraatti hiyyeessota warri taʼan haa gammadan, mootummaan waaqaa kan isaanii ti.”
“Nama akka mataa keetiitti jaallachuutu siif taʼa.
“Namoonni akka isinii godhaniif kan jaallattan, isinis akkasuma isaaniif godhaa!”
“Dubbii Waaqayyoo dhagaʼanii kan raawwatan haa gammadan!”
“Jireenyi eenyuu illee baayʼina qabeenya isaa irra hin dhaabatu.”
“Waan ittiin jiraannu, waan keessa jiraannus qabaannaan nu gaʼa.”
“Fudhachuu irra kennuutu caalaa nama gammachiisa.”
-
-
Gaaffii 16: Dhiphina moʼuu kan dandeessu akkamitti?Dubbii Waaqayyoorraa Barachuu
-
-
GAAFFII 16
Dhiphina moʼuu kan dandeessu akkamitti?
“Wanta yaada sitti taʼu Waaqayyotti gatii dhiisi, inni akka ati hin kufnetti si irkisa! Namni qajeelaan raawwatee akka hin mittiqne in godha.”
“Yaadni warra dhimmee hojjetuu buʼaa qaba, wanti ariitiidhaan hojjetamu hundinuu hiyyeessa nama godha.”
“Egaa ani sii wajjin waanan jiruuf hin sodaatin! Ani Waaqayyo kee ti hin naʼin! Ani sin jabeessa, ani sin gargaaras; irree qajeelummaa koo isa mirgaatiin ol sin qaba.”
“Isin keessaa namni tokko hammam yaaddaʼu illee, bara jireenya isaatiitti yeroo gabaabaa dabalachuu kan dandaʼu jiraa ree?”
“Waaʼee boriifis hin yaaddaʼinaa, guyyaan borii ofii isaatiif iyyuu in yaaddaʼatao; rakkinni guyyaa sanaa duwwaan iyyuu guyyichaaf in gaʼa.”
“Akka warra ogeessotaatti malee, akka warra ogeessota hin taʼiniitti hin jiraatinaa! . . . yeroo isiniif kenname utuu hin dabarsin itti hojjedhaa.”
“Waan hundumaatti, kadhataa fi himataan galataa wajjin wanti isin barbaachisu Waaqayyo duratti akka beekamu godhaa malee, waanuma tokkotti yaaddoo hin qabaatinaa! Nagaan Waaqayyoo inni hubannaa namaa hundumaa irra caalus, karaa Kristos Yesus garaa keessanii fi yaada keessan in eega.”
-
-
Gaaffii 17: Macaafni Qulqulluun maatiikee gargaaruu kan dandaʼu akkamitti?Dubbii Waaqayyoorraa Barachuu
-
-
GAAFFII 17
Macaafni Qulqulluun maatiikee gargaaruu kan dandaʼu akkamitti?
ABBAA MANAA/ABBAA
“Akkasuma immoo abbaan manaa akkuma dhagna ofii isaa jaallatutti, haadha manaa isaa jaallachuun in taʼaaf; namni haadha manaa isaa jaallatu ofii isaa in jaallata. Namni foon isaa in soora, in dhimmaaf malee, takkaa foon isaa jibbee hin beeku. . . . Tokkon tokkon abbaa manaa akkuma kanatti haadha manaa isaa akka ofii isaatiitti haa jaallatu.”
“Abboota nana! Adabaa fi barsiisa gooftaatiin ijoollee keessan guddisaa malee, isaan aarsuudhaaf isaan hin tuttuqinaa!”
HAADHA MANAA
“Haati manaas abbaa manaa isheetiif ulfina haa kennitu!”
“Gooftaa duratti fudhatamaa akka taʼutti, haati manaa abbaa manaa isheetiif haa abboomamtu!”
IJOOLLEE
“Ijoollee! Abboota keessanii fi haadhota keessaniif abboomamaa! Kun gooftaa duratti qajeelaa dha. Abboommiin inni dura abdii wajjin kenname, ‘Abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni!’ isa jedhuu dha. Abdichis, ‘Gaarii akka siif taʼutti, lafa irras bara dheeraa akka jiraattutti!’ jedha.”
“Ijoollee! Waan hundumaatti abboota keessanii fi haadhota keessaniif abboomamaa! Kun gooftaatti in tola.”
-