Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa
Torban Onkoloolessa 13 Jalqabu
Faarfannaa 8 (53)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Duula tiraaktii addaa Onkoloolessa 20 kaasee godhamuuf qophii gumichi godheefi obboloonni tiraakticha hin fudhanne jiraannaan akka fudhatan beeksisi. Masaraa Eegumsaa Onkoloolessa 1fi Dammaqaa! Fulbaanaa raabsuu ilaalchisee akkaataa dhiheenyaa ful. 8rra jiru gabaabsii irra deebi’i. Babal’istoonni hedduun torban muraasaaf barruulee kana raabsaa waan turaniif, muuxannoo argatan akka dubbatan gaafadhu.
Daq. 35: “Qophii Haaraa Sagantaa Walga’ii Gumiirratti Godhame.” Hanga yeroon sii heyyametti caqasoota yaannisaanii hin kaa’amnerratti dhaggeeffattoonni akka yaada kennan afeeri.
Faarfannaa 15 (127)
Torban Onkoloolessa 20 Jalqabu
Faarfannaa 12 (113)
Daq. 5: Beeksisa gumii. Beeksisawwan Tajaajila Mootummaarraa filataman.
Daq. 20: Gammachuu Tajaajilarraa Argamu Eeggachuu. Haasawaa Masaraa Eegumsaa Adoolessa 1, 2005 ful. 24-25, key. 11-17rratti hundaa’ee karaa nama jajjabeessuun dhihaatu. Obboloota waggaa dheeraaf amanamummaan Yihowaa tajaajilaa turan tokko ykn lamaaf gaafannoo godhi. Yeroo namoonni isaan dhaga’uu didanitti gammachuusaanii akka eegan kan isaan dandeessise maalidha?
Daq. 20: Masaraa Eegumsaa Onkoloolessa 1fi Dammaqaa! Fulbaanaa raabsuuf qophaa’uu. Tokkoon tokkoonsaanii ilaalchisee yaada gabaabaa erga kennitee booda, namoota naannoo tajaajilaasaanii keessatti argamaniif mataduree kamtu isaan hawwachuu akka danda’u, akkasumas maaliif qalbiisaanii akka hawwatu dhaggeeffattoonni yaada akka kennan afeeri. Gaaffii maree jalqabuufi caqasa barruu kana raabsuun dura itti fayyadamuu barbaadan akka dubbatan afeeri. Yaada dhaggeeffattoonni kennanitti ykn akkaataawwan dhiheenyaa ful. 8rra jiranitti fayyadamuudhaan, hojiin argisiisa barruuleen kun akkamitti akka raabsaman argisiisan dhiheessuun xumuri.
Faarfannaa 3 (32)
Torban Onkoloolessa 27 Jalqabu
Faarfannaa 13 (124)
Daq. 5: Beeksisa gumii. Gabaasa herregaafi buusii gumiin godheef xalayaan galateeffannaa waajjira dameerraa ergame yoo jiraate dubbisi.
Daq. 10: Akka gumichaaf barbaachisutti itti fayyadamaa.
Daq. 30: “Qayyabannaan Dhuunfaafi Maatii Barbaachisaadha!” Hanga yeroo sii heyyametti caqasoota yaannisaanii hin kaa’amnerratti dhaggeeffattoonni akka yaada kennan afeeri.
Faarfannaa 17 (187)
Torban Sadaasa 3 Jalqabu
Faarfannaa 26 (212)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Babal’istoonni gabaasa tajaajila Onkoloolessaa akka deebisan yaadachiisi. Gabaasa tajaajilaa biyyichaafi kan gumichaa walbira qabuun ibsi.
Daq. 20: Sagantaa Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii 2009. Ilaaltuun olaanaa Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii ilaalchisee, qophii haaraa godhameefi “Qajeelfama” miiltoo Sagantaa Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii kana keessa jirutti fayyadamuun dhaggeeffattootaa wajjin mareen dhiheessa. Sirreeffamawwan godhamanirratti xiyyeeffadhu. Hundumtuu kutaa kennameef dhimmanii akka qophaa’an, yaada ijoo Macaafa Qulqulluu kennuurratti akka hirmaatan, akkasumas yaadawwan kitaaba Leenjii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiitti Kennamurraa Fayyadami jedhamurraa torbee torbeen dhihaatan hojiirra akka oolchan jajjabeessi.
Daq. 15: ‘Ogummaa Ittiin Barsiistan’ Guddifadhaa. Ilaaltuun olaanaa tajaajilaa ykn jaarsi ga’umsa qabu kan biraan, Masaraa Eegumsaa Amajjii 15, 2008, ful. 9-12, key. 5-18rratti hundaa’ee, qabxii ijoo karaa bu’a qabeessa ta’een barsiisuun dabalatu shan caqasuudhaan gabaabsee ibsa. Babal’istoota barumsi kun dandeettii barsiisuusaanii akka fooyyeffatan isaan gargaare tokko ykn lamaaf gaafannoo godhi.
Faarfannaa 13 (124)
[Miiljaleewwan]
Yaada seensaa daqiiqaa tokko hin guunneen jalqabamee gaaffiifi deebiin kan dhihaatu.