LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb20 Sadaasa ful. 7
  • Dandeettii Tajaajila Irratti Qabnu Fooyyeffachuu—Bilbilaan Dhugaa Baʼuu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Dandeettii Tajaajila Irratti Qabnu Fooyyeffachuu—Bilbilaan Dhugaa Baʼuu
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2020
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Bilbilaan Lallabuun Bu’a Qabeessa Ta’uu Ni Danda’a
    Tajaajila Mootummaa—2009
  • Dandeettii Tajaajilarratti Qabnu Fooyyeffachuu—Deddeebii Gaaffiitiif Buʼuura Kaaʼuu
    Tajaajila Mootummaa—2014
  • “Deebiʼee Manatti Isa Argachuu Hin Dandeenye!”
    Tajaajila Mootummaa—2014
  • Dandeettii Tajaajila Irratti Qabnu Fooyyeffachuu—JW.ORGitti Fayyadamuu
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2018
Dabalataan Ilaaluuf
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2020
mwb20 Sadaasa ful. 7
Suuraawwan garaa garaa: Obboleessa dargaggeessa hiriyoota gaaʼelaa maanguddoota taʼan wajjin bilbilaan tajaajilaa jiru. 1. Obboleessi kun daldalaa tokko wajjin bilbilaan haasaʼaa jira. 2. Daldalaan sunis ergaa obboleessicha dhaggeeffachaa jira.

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Dandeettii Tajaajila Irratti Qabnu Fooyyeffachuu​—Bilbilaan Dhugaa Baʼuu

BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI? Bilbilaan dhugaa baʼuun, mala barbaachisaa “misiraachoo . . . guutummaatti dhugaa baʼuuf” dandeessisu dha. (HoE 20:24)a Malli kun, namoota qaamaan arganne lallabuufii hin dandeenyeef dhugaa baʼuuf nu gargaara.

KANA GOCHUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?

  • Obboleessi dargaggeessa taʼe sun bilbilaan tajaajiluuf caqasoota ilaaluudhaanii fi yaada gabaabaa barreeffachuudhaan qophaaʼaa jira.

    Qophaaʼaa. Yaada sirrii taʼe filadhaa. Wanta jechuu barbaaddan gaggabaabsaa barreeffadhaa. Minjaala of dura keessanii wanta barreeffattanii fi wantoota isin barbaachisan kan akka meeshaa elektirooniksii JW Library® ykn jw.org® ittiin banattan minjaalicha irra kaaʼachuu dandeessu

  • Obboleessi dargaggeessa taʼe sun obboleessi maanguddoota taʼe yeroo bilbilaan nama haasofsiisutti gargaarsa isaaf gochaa jira.

    Of Tasgabbeessaa. Akkuma yeroo biraa dubbattanitti dubbadhaa. Akkuma waan namichi isin ilaalaa jiruutti, seeqaa, akkasumas ibsa qaamaatti fayyadamaa. Utuu hin barbaachisin dubbii keessan gidduutti hin dhaabinaa. Nama kan biraa wajjin taʼuun keessan isin gargaara. Namni haasofsiistan sun gaaffii yoo gaafate, namni isin wajjin jiru dhagaʼee deebii kennuu irratti isin gargaaruu akka dandaʼuuf, sagalee ol kaasaatii gaafficha irra deebiʼaa.

  • Obboleessi dargaggeessa taʼe sun jw.org irraa liinkii viidiyoo nama tokkoof ergaa jira.

    Deebitanii haasofsiisuuf buʼuura kaaʼaa. Namni sun fedhii yoo qabaate, gaaffii yeroo itti aanutti isaaf deebistan kaasuu dandeessu. Iimeelii isaaf barreessuu, barreeffama geessuufii ykn erguufii akka dandeessan itti himaa. Yookiin immoo, viidiyoowwan keenya keessaa tokko ykn mata dureewwan isaaf erguu akka barbaaddan itti himuu dandeessu. Yeroo sirrii taʼetti immoo, waaʼee wantoota weebsaayitii keenya irra jiran kaanii itti himuu dandeessu.

a Bilbilaan tajaajiluun naannoo keessanitti fudhatama kan qabu yoo taʼe, seerawwan odeeffannoo dhuunfaa eeguuf baʼan wajjin kan walsimu taʼuu qaba.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi