“Deebiʼee Manatti Isa Argachuu Hin Dandeenye!”
Nama yeroo ati jalqabarratti isa haasofsiiste fedhii argisiise ilaalchisee akka armaan olii jettee beektaa? Nama sana gaafachuuf irra deddeebitee yoo deemtellee, ija dhaabde bishaan obaasuu hin dandeenye. (1 Qor. 3:6) Yeroo tokko tokko babalʼistoonni muuxannoo qaban, nama lammata manatti argachuu hin dandeenyeef xalayaa barreessu ykn yaada xinnoo barreessanii balbalasaa dura isaaf kaaʼanii deemu. Babalʼistoonni tokko tokko, nama tokko manaa dhabuun rakkina akkamii akka qabu dursanii waan yaadaniif, “Bilbilaan ergaa barreessuun sitti tolaa?” jedhanii gaafachuudhaan taʼuu dandaʼaa, lakkoofsa bilbilasaa fudhatu. Nama sana deebinee yommuu gaafannu ykn xalayaa, iimeelii, ergaa bilbilaa, yaadannoo xinnoo barreessinee balbalasaarra isaaf kaaʼuudhaan, ykn isaaf bilbiluudhaan yoo dhugaa baaneef, deddeebii gaaffii qabachuu qabna. Nama sana manatti argachuun rakkisaa yoo taʼellee, fedhiisaa guddisuuf carraaqqii gochuu ni dandeenya.