LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb18 Hagayya ful. 8
  • Dandeettii Tajaajila Irratti Qabnu Fooyyeffachuu—JW.ORGitti Fayyadamuu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Dandeettii Tajaajila Irratti Qabnu Fooyyeffachuu—JW.ORGitti Fayyadamuu
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2018
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • JW.ORG Irraa Ogummaa Guyyaa Guyyaadhaan Isin Fayyadu Argadhaa
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2022
  • Gaaffiiwwan gurguddaa jireenya keessatti nu mudataniif eessaa deebii argachuu dandeenya?
    Gaaffiiwwan gurguddaa jireenya keessatti nu mudataniif eessaa deebii argachuu dandeenya?
  • Yaada Qoʼannaadhaaf Taʼu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2023
  • Gaaffii Sitti Taʼeeraa?
    Dammaqaa!—2019
Dabalataan Ilaaluuf
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2018
mwb18 Hagayya ful. 8
Obboleessi tokko kaardii teessoo jw.orgitti fayyadamee gara weebsaayitii jw.orgitti nama tokko qajeelchaa jira

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Dandeettii Tajaajila Irratti Qabnu Fooyyeffachuu JW.ORGitti Fayyadamuu

BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI? Barreeffamoonni Meeshaalee Barsiisuuf Itti Fayyadamnu keessa jiran hundi weeb saayitii jw.org jedhamu caqasu. Kaayyoon kaardii teessoo jw.org jedhamuu fi tiraaktii Gaaffiiwwan Gurguddaa Jireenya Keessatti Nu Mudataniif Eessaa Deebii Argachuu Dandeenya? jedhamu itti qophaaʼan inni guddaan, namoota gara weeb saayitii keenyaatti qajeelchuu dha. Barreeffama Meeshaalee Barsiisuuf Itti Fayyadamnu keessa jiru tokko bifa elektoronkiitiin iimeelii gochuudhaan ykn liinkii isaa erguudhaan barreeffamoota kennuuf jw.orgitti fayyadamuu dandeessu. Keessumaa nama afaan kan biraa dubbatuuf yommuu lallabnutti malli kun nu gargaaruu dandaʼa. Kana malees, namoonni gaaffiiwwan deebiin isaanii barreeffamoota Meeshaalee Barsiisuuf Itti fayyadamnu keessatti hin argamne nu gaafachuu dandaʼu. Weeb saayitii kana akka gaariitti itti fayyadamuu yoo dandeenye, tajaajila keenya irratti caalaatti buʼa qabeeyyii taʼuu dandeenya.

KANA GOCHUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?

  • Namichi tokko kaardii teessoo jw.orgitti fayyadamee weebsaayitii jw.org yeroo fayyadamu

    Kutaa “BARUMSAWWAN KITAABA QULQULLUU” jedhutti fayyadami. Haadha ykn abbaa ijoollee guddisuu ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuu barbaadaniif dhugaa baʼaa jirta haa jennu. Kutaa BARUMSAWWAN KITAABA QULQULLUU > GAAʼELAA FI MAATII jedhu jala dhaquu dandeessa.

  • Kutaa “WANTOOTA QOPHAAʼAN” jedhutti fayyadami. Karaa al idilee taʼeen mana barumsaa keessatti utuu lallabaa jirtuu mucaa kutaa kee keessa jiruuf, birooshura Gaaffii Dargaggoonni Gaafatan 10f Deebii Kenname jedhamu kennuu barbaadde haa jennu. Kutaa WANTOOTA QOPHAAʼAN > KITAABOTAA FI BIROOSHUROOTA jedhu jala dhaquu dandeessa.

  • Kutaa “WAAʼEE KEENYA” jedhutti fayyadami. Nama sii wajjin hojjetuu fi barumsawwan itti amannu ilaalchisee ibsa gabaabaa dubbisuu barbaadu tokkoof lallabaa akka jirtu godhii yaadi. Kutaa WAAʼEE KEENYA > GAAFFIIWWAN YEROO BAAYʼEE GAAFATAMAN jedhu jala dhaquu dandeessa.

VIIDIYOO JW.ORGITTI FAYYADAMUU JEHDAMU ILAALAA; ACHIIS NAMOOTA ARMAAN GADII GARGAARUUF WEEB SAAYITICHA IRRAA KUTAA ISA KAM JALA DHAQUU AKKA QABDAN MARIʼADHAA:

  • nama Waaqayyoo hin jiru jedhee amanu

  • nama haalli baayʼee gaddisiisaa taʼe irra gaʼe

  • obboleessa ykn obboleettii gumii irraa fagaatan

  • nama deddeebii gaaffii taʼee fi hojii keenyaaf deggersa qarshii akkamitti akka argannu gaafatu

  • nama biyya alaatii dhufee fi walgaʼii biyya isaa keessatti geggeeffamu irratti argamuu barbaadu

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi