LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb22 Fulbaana ful. 3
  • JW.ORG Irraa Ogummaa Guyyaa Guyyaadhaan Isin Fayyadu Argadhaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • JW.ORG Irraa Ogummaa Guyyaa Guyyaadhaan Isin Fayyadu Argadhaa
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2022
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Yaada Qoʼannaadhaaf Taʼu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2023
  • Gargaarsa Argachuu Dandeessu
    Dammaqaa!—2020
  • Yaada Weebsaayitii Fayyadamuuf Gargaaru
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2023
  • Weeb Saayitii Keenya—Isa Nuunis Taʼe Namoota Kaan Gargaaruuf Qophaaʼe
    Tajaajila Mootummaa—2012
Dabalataan Ilaaluuf
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2022
mwb22 Fulbaana ful. 3

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

JW.ORG Irraa Ogummaa Guyyaa Guyyaadhaan Isin Fayyadu Argadhaa

Guyyoota dhumaa rakkisoo taʼan kana keessatti Dubbiin Waaqayyoo rakkina nu mudatu dandamachuuf akka gaariitti akka hidhannu nu gargaara. (2Xi 3:1, 16, 17) Haa taʼu malee, yeroo tokko tokko dhimma tokko irratti qajeelfama Kitaaba Qulqulluu hojii irra oolchuu dandeenyu argachuuf gargaarsi nu barbaachisa taʼa. Fakkeenyaaf, warra ijoollee guddisuu ilaalchisee gorsa barbaadaa jirtanii dhaa? Dargaggeessa qorumsi amantii si mudachaa jirtu dhaa? Nama hiriyaa gaaʼelaa kee duʼaan waan dhabdeef gaddaa jirtu dhaa? Qajeelfamoota Kitaaba Qulqulluu haala kee kanaa fi kan biroo hedduutiif si fayyadan ilaalchisee jw.org irraa odeeffannoo barbaachisaa argachuu dandeessa.—Fak 2:3-6.

Weebsaayitiin jw.org taableetiidhaan banamee jira. Mallattoon isaa kutaa BARUMSAWWAN KITAABA QULQULLUU isa jedhu argisiisaa jira.

Fuula jalqabaa jw.org irraa BARUMSAWWAN KITAABA QULQULLUU isa jedhu filadhu. (Fakkii 1​ffaa ilaali.) Achiis filannoowwan tarreeffaman keessaa kan barbaaddu filadhu. Yookiin immoo LAAYIBRARII > MATA DUREEWWAN WALITTI AANANII BAʼAN isa jedhu jalaa kan barbaaddu filadhu. (Fakkii 2​ffaa ilaali.) Kutaawwan kana JW Library® irraas argachuu dandeessa.a Karaawwan lamaan kana keessaa isa barbaaddeen fayyadamuu dandeessa. Filannaan qabnu inni biraan immoo jw.org irratti saanduqa barbaaduuf gargaaru keessatti yaada barbaannu tokko barreessinee barbaadu dha.

Weebsaayitiin jw.org taableetiidhaan banamee jira. Mallattoon isaa kutaawwan LAAYIBRARII fi MATA DUREEWWAN WALITTI AANANII BAʼAN jedhan argisiisaa jira.

Saanduqa barbaaduuf gargaaru keessatti yaadawwan armaan gadii barreessiitii mata dureewwan dubbisuu barbaaddu yaadannoo kee irratti qabadhu.

  • Ijoollee guddisuu

  • Dhiphina dargaggoota mudatu

  • Hiriyaa gaaʼelaa duʼaan dhabuu

a Mata dureewwan walitti aananii baʼan guutummaan isaanii kan argamu jw.org irratti qofa dha.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi