Weeb Saayitii Keenya—Isa Nuunis Taʼe Namoota Kaan Gargaaruuf Qophaaʼe
Yesus, ‘saba hundumaatti akka dhugaa baʼuuf, guutummaa biyya lafaatti’ misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo akka lallabnu nu abboomeera. (Mat. 24:14) ‘Hojii lallabaa kana guutummaatti raawwachuu’ akka dandeenyuuf, Weeb saayitoonni watchtower.org, jw-media.org, akkasumas jw.org jedhaman, Weeb saayitii jw.org jedhamuufi fooyyeffamee qophaaʼeen bakka buufamaniiru.—2 Xim. 4:5.
“Guutummaa Biyya Lafaatti”: Namoota addunyaarra jiran harka sadii keessaa harki tokko Intarneetiitti ni fayyadamu. Intarneetiin namoota baayʼeedhaaf keessumaammoo dargaggootaaf burqaa odeeffannoo isa filatamaa taʼeera. Weeb saayitiin keenya namoota Intarneetiitti fayyadamuudhaan gaaffii Macaafa Qulqulluu gaafataniif deebii sirrii taʼe kenna. Akkasumas jaarmiyaa Yihowaa wajjin kan wal isaan barsiisu taʼuusaarrayyuu, namni tokko Macaafa Qulqulluu akka isa qayyabsiisu gaafachuun akka isaaf salphatu godha. Weebsaayitiin kun ergaan Mootummichaa addunyaa maratti naannoo namoonni dhagaʼuuf carraa muraasa qaban akka gaʼu godha.
“Saba Hundumaatti”: “Saba hundumaatti” dhugaa baʼuuf, dhugaa Macaafa Qulqulluu afaan addaddaatiin dhiheessuu qabna. Namoonni Weeb saayitii jw.org jedhamu kanatti fayyadaman, Weeb saayitoota kaanirraa haala adda taʼeen gara afaan 400tiin odeeffannoo argachuu dandaʼu.
Akka Gaariitti Itti Fayyadami: Weeb saayitiin fooyyeffameefi jw.org jedhamu kun kan qophaaʼe namoota kaaniif dhugaa baʼuuf qofa miti. Dhugaa Baatonni Yihowaas akka itti fayyadamaniif kan qophaaʼedha. Carraa Intarneetiitti fayyadamuu yoo qabaatte, Weebsaayitii kanaa wajjin akka wal bartu si jajjabeessina. Akkaataa itti fayyadamasaa ilaalchisee yaanni tokko tokko armaan gaditti dhihaateera.
[Diyaagraamii fuula 3rra jiru]
(Odeeffannoo guutuu argachuuf, barruu kana ilaali)
Yaali
1 Kompiitara keerraa bakka teessoon Intarneetii irratti barreeffamutti Weeb saayitii www.jw.org jedhamu kana galchi
2 Matadureewwan irra keessa akkasumas iddoo addaddaa jiran babbanuudhaan Weeb saayitichaa wajjin wal bari.
3 Moobaayilii Intarneetii hojjechuu dandaʼuutti fayyadamiitii Weeb saayitii kana banuuf yaalii godhi. Iskiriinii moobaayiliirratti mulʼachuu akka dandaʼuutti barreeffamnisaa yoo xixinnaateyyuu, odeeffannoo inni qabatee jiru isa kaanii wajjin tokkumadha.