Tajaajilarratti Weeb Saayitii Keenyatti Fayyadamaa—“Deebii Gaaffii Macaafa Qulqulluu”
Weeb saayitii jw.org jedhamurraa kutaa “Bible Teachings (Barumsa Macaafa Qulqulluu)” jedhu jalatti matadureen “Bible Questions Answered (Deebii Gaaffii Macaafa Qulqulluu)” jedhu ni argama. (Afaan Oromootiin hin argamu) Gaaffiiwwan yeroo hunda gaafataman kana yoo sirriitti dubbisne, Namoonni gaaffiiwwan akkasii gaafatan deebii Macaafni Qulqulluun gaaffiiwwan kanaaf kennu Weeb saayiticharraa akka dubbisan itti himuu dandeenya. Gaaffiiwwan kun tajaajilarratti namootaa wajjin maree jalqabuufis nu gargaaruu dandaʼu. Gaaffii namoota naannoo keenyatti argaman hawwachuu dandaʼu tokko filachuudhaan, namni haasofsiisnu yaada akka irratti kennu erga gaafannee booda ragaawwan Weeb saayiticharratti argamanitti fayyadamuudhaan wanta Macaafni Qulqulluun jedhu isaanitti himuu dandeenya. Sana booda, odeeffannoo kana eessaa akka arganne isaaf ibsuu ykn itti argisiisuu dandeenya. Filannaa inni garabiraan immoo deebiisaa kallattiidhaan Weeb saayiticharraa akka inni dubbisu gochuudha. Haati manaa daawwataa olaanaa tokko akkaataa dhiheenyaa armaan gadiitti fayyadamuudhaan milkaaʼina argatteetti: “Namoonni baayʼeen, ‘Rakkina nurra gaʼaa jiruuf kan itti gaafatamu Waaqayyodhaa?’ jedhanii gaafatu. Deebii gaaffii kanaa sekoondii 51 keessatti baruu ni barbaaddaa?” jettee isaan gaafatti. Itti aansuudhaan deebii gaaffii kanaa isa Weeb saayiticharraa sagaleesaa garagalfatte isaaniif banti. Achiis, kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhamurraa boqonnaa 11ffaa itti argisiisuudhaan xumurti.