Gaaffiiwwan Gurguddaa Jireenya Keessatti Nu Mudataniif Eessaa Deebii Argachuu Dandeenya?
Maal sitti fakkaata?
Saayinsii irraatii?
Geggeessitoota amantii irraatii?
Moo Kitaaba Qulqulluu irraati?
BARREESSAAN KITAABA QULQULLUU WAAQAYYOON AKKAS JEDHEE TURE
‘Ati hubannaa anaaf kenni . . . Dubbiin kee dhugaa dha.’—Faarfannaa 119:144, 160.
Kitaabni Qulqulluun gaaffiiwwan namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman gaafataniif deebii kenna.
Atoo gaaffii keetiif deebii argachuu barbaaddaa?
Weebsaayitii keenya jw.org® jedhamu irraa deebii argachuu dandeessa.
DUBBISI—wantoota Intarneetii irratti baasne
Kitaaba Qulqulluu afaanota dhibba tokkoon
Gaaffiiwwan Kitaaba Qulqulluutiif Deebii Quubsaa Argachuu
Maatiidhaaf
ILAALI—Viidiyoowwan Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan
Barumsawwaniifi faarfannaawwan ijoolleedhaaf qophaaʼan
Gorsawwan dargaggootaaf kennaman
Amantiin yommuu hojiidhaan argisiifamu
GARAGALFADHU—wantoota qophaaʼan
Birooshura Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe! jedhamu
Kitaaba Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa? jedhamu
Masaraa Eegumsaa fi Dammaqaa!
GAAFFIIWWAN KANA KEESSAA CAALAATTI KAN SI YAADDESSU WARRA KAMI?
Kaayyoon jireenyaa maali dha?
Rakkina nu irra gaʼaa jiruuf kan itti gaafatamu Waaqayyodhaa?
Yeroo duutu maal taata?
Deebii Kitaabni Qulqulluun gaaffiiwwan kanaaf kennu jw.org irraa ilaali.
(BARUMSAWWAN KITAABA QULQULLUU > DEEBII GAAFFII KITAABA QULQULLUU jalaa ilaali)