Macaafa Qulqulluudhaaf ilaalcha akkamii qabda?
Maal sitti fakkaata?
Namoota ogeeyyii ta’aniin kan barreeffamedhaa?
Kitaaba seenaa dhugaa hin taaneefi oduu durii qabatedhaa?
Moo Dubbii Waaqayyooti?
MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?
“Caaffanni qulqullaa’aan hundinuu geggeessaa hafuura Waaqayyootiin caafame.”—2 Ximotewos 3:16.
KANA BEEKUUN FAAYIDAA MAALII SIIF ARGAMSIISA?
Gaaffiiwwan gurguddaadhaaf deebii quubsaa argatta.—Fakkeenya 2:1-5.
Jireenya guyyaa guyyaatiif qajeelfama amansiisaa argatta.—Faarfannaa 119:105.
Abdii dhugaa argatta.—Roomaa 15:4.
WANTA MACAAFNI QULQULLUUN JEDHUTTI AMANUU NI DANDEENYAA?
Eeyyee, yoo xinnaate sababii sadiin kan ka’e amanuu dandeenya:
Haala dinqisiisaa ta’een kan walsimudha. Macaafni Qulqulluun, waggaa 1,600 keessatti namoota 40 ta’aniin barreeffame. Baay’eensaanii matumaa wal arganii hin beekan. Ta’us, guutummaan kitaabichaa kan walsimuufi yaada ijoo tokko kan qabatedha!
Seenaa dhugaa kan qabatedha. Yeroo baay’ee, namoonni seenaa biyyasaanii barreessan kufaatii sabasaanii ni dhoksu. Namoonni Macaafa Qulqulluu barreessan garuu, hir’ina mataasaaniis ta’e kan sabasaanii haqaan barreessaniiru.—2 Seenaa 36:15, 16; Faarfannaa 51:1-4.
Raajii amanamuu danda’u kan qabatedha. Macaafni Qulqulluun, Baabilon isheen durii akka baddu waggaa 200 dura raajii dubbatee ture. (Isaayaas 13:17-22) Kana malees, Baabilon akkamitti akka kuftu qofa utuu hin ta’in maqaa nama ishee balleessuus dubbateera!—Isaayaas 45:1-3.
Raajiiwwan Macaafa Qulqulluu garabiraa hedduunis, guutummaatti raawwatamaniiru. Nutis Dubbiin Waaqayyoo ni raawwatama jenne amanna.—2 Phexros 1:21.
WANTOOTA KANARRATTI YAADI
Macaafni Qulqulluun, jireenyakee sii fooyyessuu kan danda’u akkamitti?
Macaafni Qulqulluun, gaaffii kanaaf ISAAYAAS 48:17, 18fi 2 XIMOTEWOS 3:16, 17rratti deebii kenna.