LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 11/13 ful. 2
  • Saanduqa Gaaffii

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Saanduqa Gaaffii
  • Tajaajila Mootummaa—2013
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Dubartiin Tokko Haguuggachuu Kan Qabdu Yoomi? Maaliif?
    “Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegaa”
  • Qayyabannaawwan Macaafa Qulqulluu Balbala Durattiifi Bilbilaan Godhaman Guddina Akka Argisiisan Gargaaruu
    Tajaajila Mootummaa—2006
  • Balbalumasaaniirrattiifi Bilbilaan Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Jalqabsiisuu
    Tajaajila Mootummaa—2005
  • Gaaffii Dubbistootaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2013
km 11/13 ful. 2

Saanduqa Gaaffii

◼ Babal’istuun tokko, bakka babal’isaan tokko argametti qayyabannaa Macaafa Qulqulluu balbalarratti yommuu geggeessitu mataashee haguuggachuu qabdii?

Babal’istuun tokko yeroo qayyabannaa Macaafa Qulqulluu dhaabbataa ta’eefi itti yaadame geggeessitutti, babal’isaan tokko qayyabannaa sanarratti argameera taanaan mataashee haguuggachuu qabdi. (1 Qor. 11:3-10) Yaadni Masaraa Eegumsaa Adoolessa  15, 2002, fuula 27 (Amaariffa) irratti ba’e akkas jedha: “Yeroon kun sagantaa kutaa barumsaa namni qayyabannaa sana geggeessu dursee qopheessedha. Qayyabannaan haala akkasii keessatti geggeeffamu akka kutaa walga’ii gumiitti lakkaa’ama. Dhugaa Baatuun cuuphamte tokko bakka obboleessi cuuphame tokko argametti qayyabannaa akkasii kan geggeessitu yoo ta’e mataashee haguuggachuu qabdi.” Ishee wajjin qayyabannaarratti kan argamu babal’isaa hin cuuphamne yoo ta’es mataashee haguuggachuu qabdi. Qayyabannaan akkasii kan geggeeffamu manattis ta’e balbalarratti ykn iddoo biraatti haguuggachuunshee barbaachisaadha.

Karaa biraatiin garuu kaayyoon deddeebii gaaffii, qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuu ykn barreeffamoota qayyabannaadhaaf gargaaran wajjin qayyabachuu yoo ta’eyyuu, balbalarra akkuma dhaabataniin qayyabannaan Macaafa Qulqulluu dhaabbataa ta’e hin jalqabamne taanaan, babal’isaan tokko obboleettii wajjin yoo argamellee haguuggachuun ishee hin barbaachisu. Qayyabannaa balbalarratti kan jalqabsiisnu irraa jalaan deddeebii gaaffii itti fufiinsa qabu booda waan ta’eef, babal’istoonni haalasaa hubachuudhaan yeroo akkamiitti haguuggachuu akka qaban murteessuu qabu.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi