GAAFFII DUBBISTOOTAA
Obboloota urgooftuun baayʼee isaan jeequ gargaaruuf maal gochuutu dandaʼama?
Namoonni urgooftuun isaan jeequ baayʼee rakkatu. Sochii guyyaa guyyaa keessatti namoota garaa garaa wajjin waan wal qunnamaniif, yeroo baayʼee rakkina kana irraa baqachuu hin dandaʼan. Haa taʼu malee obboloonni tokko tokko, obboloonni walgaʼiiwwan gumii fi walgaʼiiwwan gurguddaa irratti urgooftuu fayyadamuu akka dhiisan gaafachuun kan dandaʼamu taʼuu isaa ilaalchisee gaaffii dhiheessaniiru.
Kiristiyaanni taʼe jedhee namni tokko walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa irratti argamuun akka itti ulfaatu gochuu barbaadu akka hin jirre beekamaa dha. Hundi keenya iyyuu jajjabina gumiiwwan irraa argamu argachuun nu barbaachisa. (Ibr. 10:24, 25) Kanaafuu, namni urgooftuun baayʼee isa rakkisuu isaatiin kan kaʼe walgaʼii irratti argamuun ulfaataa itti taʼe kam iyyuu, dhimma kana ilaalchisee jaarsolii gumii mariisisuu ni dandaʼa. Namoonni walgaʼii irratti argaman urgooftuutti akkamitti fayyadamuu akka qaban seera baasuun, deggersa Caaffata Qulqullaaʼoo akka hin qabnee fi sirrii akka hin taane beekamaa dha; taʼus jaarsoliin, miseensonni gumii rakkina namoonni kaan qaban akka hubatan gochuu ni dandaʼu. Jaarsoliin gumii haala isaa irratti hundaaʼuudhaan, yaada kanaan dura barreeffama irratti baʼe kutaa Walgaʼii Tajaajilaa “akka gumichaaf barbaachisutti itti fayyadamaa” jedhu irratti dhiheessuuf murteessuu ykn malaan dhimma kana ilaalchisee beeksisa himsiisuu dandaʼu taʼa. Taʼu iyyuu, jaarsoliin beeksisa akkasii yeroo hunda himsiisuu hin qaban. Yeroo baayʼee walgaʼiiwwan keenya irratti namoonni haaraan fedhii qabanii fi keessummoonni waaʼee rakkina kanaa hin beeknes ni argamu; namoonni kun dhufuu isaaniitti akka gammadne akka isaanitti dhagaʼamu barbaadna. Haalli namni tokko urgooftuu utuu hin baayʼisin fayyadamuu isaatiin akka dhiphatu isa godhu jiraachuu hin qabu.
Bakka rakkinni akkasii jiruu fi haalli isaa heyyamutti, qaamni jaarsolii namoonni urgooftuun isaan jeequ Galma Mootummaa keessa bakka adda baʼe tokko akka taaʼan haala mijeessuu ni dandaʼa taʼa. Fakkeenyaaf, kutaan namoonni kun keessa taaʼanii walgaʼicha dhaggeeffachuu itti dandaʼan jira taʼa. Haa taʼu malee, rakkinni kun hamma tokko illee furmaata argachuu waan hin dandeenyeef namoonni tokko tokko amma iyyuu rakkachaa jiru taanaan, akkuma namoota manaa baʼuu hin dandeenyeef godhamu gumichi namoota kanaaf saganticha waraabuu ykn mana isaaniitti bilbilaan akka hordofan gochuu ni dandaʼa taʼa.
Sirna kana keessatti hundi keenya mudaa dhaalleen kan kaʼe rakkinni nu irra gaʼa. Carraaqqii warri kaan dhiphina keenya hirʼisuuf godhan baayʼee dinqisiifanna! Gumii irratti argamuun obboleessa ykn obboleettii tokkoof akka salphatu gochuuf jecha urgooftuu fayyadamuu dhiisuun, aarsaa kaffaluu kan gaafatu taʼuu dandaʼa. Haa taʼu malee jaalalli akkas gochuuf nu kakaasa.
Namni Phonxos Philaaxos jedhamu kan jiraate taʼuu isaatiif Macaafa Qulqulluudhaan ala ragaan jiraa?
Dhagaa kana irratti maqaan Philaaxos Afaan Laatiniitiin barreeffameera
Phonxos Philaaxos Yesusitti faraduu fi akka ajjeefamu gochuu irratti waan hirmaateef, namoota Macaafa Qulqulluu dubbisan biratti beekamaa dha. (Mat. 27:1, 2, 24-26) Maqaan isaa galmeewwan seenaa yeroo sana turan kaan keessattis yeroo baayʼee caqasameera. Galmeen jechootaa Macaafa Qulqulluu tokko akka jedhutti, Philaaxosiin ilaalchisee wantoonni barreeffamoota seenaa irratti barreeffaman, “wantoota lammii Roomaa Yihudaa bulche kam iyyuu ilaalchisee barreeffaman kaan caalaa guddaa fi balʼaa dha.”
Maqaan Philaaxos, barreeffamoota Joseefas inni Yihudii taʼe barreesse keessatti baayʼinaan caqasameera; Joseefas wantoota rakkoowwan Philaaxos yeroo Yihudaa bulchaa turetti isa mudatanii wajjin wal qabatan sadii barreesseera. Barreessaa Yihudii kan taʼe Fiiloon immoo, wanta rakkoowwan Philaaxosiin mudatanii wajjin wal qabate isa arfaffaa caqaseera. Taasiitas inni lammii Roomaa taʼee fi seenaa mootota Roomaa barreesse, bara bulchiinsa Xiberiyositti Philaaxos, Yesus akka ajjeefamu kan ajaje taʼuu isaa ibseera.
Bara 1961tti, qorattoonni hambaa seenaa bakka tiyaatiraa warra Roomaa durii, Qisaariyaa, Israaʼelitti argamu irratti qorannoo yeroo godhanitti, maqaa Philaaxos dhagaa battee deebiʼee ijaarsaaf oole irratti Afaan Laatiniitiin ifatti barreeffamee arganiiru. Dhagaan kun kan irraa caccabe taʼus, akkas akka jedhu yaadama: “Phonxos Philaaxos inni Bulchaa Yihudaa taʼe, waaqolii ulfina qabaniif Xiberiyam (kana) kenneera.” Gamoon as irratti ibsame, mana waaqeffannaa ulfina Xiberiyos isa mootii Roomaa taʼeef ijaarame taʼuu hin oolu.
Obboleettiin tokko bakka obboleessi tokko jirutti qayyabannaa Macaafa Qulqulluu yeroo geggeessitu mataa haguuggachuun ishee barbaachisaa dhaa?
“Gaaffii Dubbistootaa” Masaraa Eegumsaa Adoolessa 15, 2002 (Amaariffa) irratti baʼe irratti, babalʼisaan tokko kan cuuphames taʼe kan hin cuuphamne, obboleettiin tokko isa biratti qayyabannaa Macaafa Qulqulluu yeroo geggeessitu mataa haguuggachuu akka qabdu ibsamee ture. Qorannaan dabalataa dhimma kana irratti godhame, qajeelfama kana irratti jijjiirama gochuun barbaachisaa akka taʼe argisiisa.
Babalʼisaan yeroo obboleettiin tokko qayyabannaa Macaafa Qulqulluu dhaabbataa taʼe geggeessitutti ishee wajjin jiru kan cuuphame yoo taʼe, obboleettiin kun mataa ishee haguuggachuu akka qabdu beekamaa dha. Qayyabannaan akkanaa akka barumsa gumii irratti dhihaatu tokkootti ilaalama. Wanta itti gaafatamummaa obbolootaa taʼe raawwachaa waan jirtuuf, mataa haguuggachuun ishee qophii matummaa Yihowaan gumii Kiristiyaanaa keessatti godheef kabaja akka qabdu argisiisa. (1 Qor. 11:5, 6, 10) Yookiin immoo, obboleessi sun gaʼumsa kan qabuu fi kan dandaʼu yoo taʼe qayyabannicha akka geggeessu gochuu ni dandeessi.
Karaa kan biraatiin immoo, obboleettiin tokko qayyabannaa dhaabbataa taʼe yeroo geggeessitutti kan ishee wajjin jiru babalʼisaa hin cuuphamnee fi abbaa manaa ishee hin taane yoo taʼe, mataa ishee akka haguuggattu irraa hin eegamu. Haa taʼu malee, sammuun obboleettota tokko tokkoo haala akkasii keessattis mataa isaanii akka haguuggatan isaan kakaasa taʼa.