AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Balbala Namootaa Irratti Amala Gaarii Argisiisuu
Kiristiyaanonni, ‘addunyaadhaaf akka taatota waltajjii irra jiranii ti.’ (1Qo 4:9) Kanaaf, yommuu manaa gara manaa tajaajillu namoonni tokko tokko karaa foddaa nu ilaaluun isaanii ykn balbala duubaan dhaabatanii kan nu dhaggeeffatan taʼuun isaanii nu dinqisiisuu hin qabu. Tarii immoo manichi kaameeraa qabaachuu, akkasumas maaykiroofoonii ittiin dhagaʼan, kana irras darbee sagalee waraabuuf gargaaru qaba taʼa. Karaawwan muraasni yommuu balbala namootaa irraa dhaabannu amala gaarii itti argisiisuu dandeenyu tokko tokko warra armaan gadii ti. —2Qo 6:3.
GOCHA KEESSANIIN (Flp 1:27):
Karaa qaawwaa mana isaanii keessa ilaaluuf yaaluu irraa of qusachuudhaan akka isaan kabajjan argisiisaa. Balbala dura dhaabattanii waa hin nyaatinaa, hin dhuginaa, bilbila hin bilbilinaa ykn bilbilaan ergaa hin erginaa
DUBBII KEESSANIIN (Efe 4:29):
Balbala irra yommuu dhaabattan wanta warri manichaa akka dhagaʼan hin barbaanne hin dubbatinaa. Babalʼisoonni tokko tokko wanta nama sana haasofsiisuu barbaadan irratti dursanii yaaduu akka dandaʼaniif yommuu balbala irra dhaabatan wanta tokko iyyuu dubbachuu irraa of qusatu