Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa
Torban Adoolessa 12 Jalqabu
Faarfannaa 80 (180)
Daq. 12: Beeksisa gumii. Beeksisawwan Tajaajila Mootummaa keessaa filataman. Yaada fuula 6rra jiru gargaaramuudhaan, Masaraa Eegumsaa Caamsaa 1fi Dammaqaa! Caamsaa 2004 akkamitti raabsuun akka danda’amu kan argisiisu hojiin argisiisni haa dhihaatu. Hojiin argisiisni inni tokko, nama afaan isin beektan sirriitti hin dubbanne tokkoof karaarratti barruu ennaa raabsan kan argisiisu haa ta’u.
Daq. 18: “Yihowaa Isa Namoota Wal Hin Caalchifne Fakkaadhaa.” Yaada seensaa daqiiqaa tokko hin guunneen jalqabamee gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu. Akkuma yeroonsaa heyyamutti, dhaggeeffattoonni caqasawwan yaadnisaanii hin kaa’amnerratti yaada akka kennan afeeri.
Daq. 15: Macaafa Qulqulluu—Kitaaba Raajii Amanamaa Ta’e Dubbatu. Brooshuura Kitaaba Namoota Hundaaf Ta’u, fuula 27-9rratti hundaa’uudhaan haasawaafi maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu. Tajaajila keenyarratti yeroo baay’ee namoota waa’ee gara fulduraa beekuu barbaadan ni arganna. Macaafni Qulqulluun fuldura keenyatti namoota amanamoo ta’aniif, yeroo gammachiisaan akka dhufu abdii amanamaa ta’e nuuf kenna. Waa’ee gara fulduraa ilaalchisee raajiiwwan Macaafni Qulqulluun dubbaturratti amantii cimaa akka qabaannu kan nu gargaaran raajiiwwan tokko tokko ilaalaa. Raajiiwwan Macaafa Qulqulluu keessatti ibsaman, namni fedhii argisiise tokko amantii Macaafa Qulqulluurratti qabu cimsuuf akkamitti akka gargaaran argisiisuuf, babal’isaan tokko hojiidhaan akka argisiisu godhi.
Faarfannaa 8 (21) fi kadhannaa xumuraa
Torban Adoolessa 19 Jalqabu
Faarfannaa 83 (187)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Macaafa Qulqulluu guyyaa guyyaadhaan dubbisuuf sagantaa qabaachuun faayidaa maalii akka qabu mari’adhaa. Yaada Masaraa Eegumsaa, Hagayya 15, 2000 fuula 32rra jiru dabalii dhiheessi.
Daq. 15: Akka gumiidhaaf barbaachisutti itti fayyadamaa.
Daq. 20: “Qayyabannaawwan Macaafa Qulqulluu Guddina Argisiisan Geggeessuu—Kutaa 1.” Haasawaa ilaaltuu olaanaa tajaajilaatiin dhihaatu. Dhaggeeffattoonni seenaa ammayyaa qayyabannaan Macaafa Qulqulluu qabu maal akka fakkaatu ibsuudhaan barumsa kitaaba Labsitoota jedhamu fuula 572-4 jirurratti yaada akka kennan godhi. Mata duree itti aanuuf fedhiisaanii kakaasi. Barumsawwan ilaallu keessaa tokko tokko, qayyabannaa Macaafa Qulqulluu geggeessuuf akkamitti akka qophoofnu, baratichi akka qophaa’u akkamitti akka isa gargaarru, barumsa hammamii qayyabsiisuu akka qabnu, caqasawwanitti karaa bu’a qabeessa ta’een akkamitti akka gargaaramnu, gaaffiiwwan baratichi kaasuuf akkamitti deebii akka kenninu, kadhannaadhaan akkamitti akka wal isa barsiisnuufi akkamitti gara jaarmiyaa Yihowaatti akka isa qajeelchinudha. Hundisaanii yaada dhihaatu hojiirra akka oolchaniifi barumsa kana fuldurattis akka itti gargaaraman jajjabeessi.
Faarfannaa 5 (10) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Adoolessa 26 Jalqabu
Faarfannaa 95 (213)
Daq. 12: Beeksisa gumii. Gabaasa herregaa. Babal’istoonni gabaasa tajaajilaa ji’a Adoolessaa akka deebisan yaadachiisi. Yaada seensaa fuula 6rra jiru fayyadamuudhaan, Masaraan Eegumsaa Caamsaa 15fi Dammaqaan! Caamsaa 22 [Ingiliffa] akkamitti akka raabsamu kan argisiisu hojiin argisiisni haa dhihaatu. Lamaaniyyuu, “Yeroo Hundumaa kan Dhuftan Maaliifi?” jechuudhaan nama marii nu dhaabsisuu barbaadu tokko akkamitti deebii akka kennan kan argisiisu haa ta’u.—Kitaaba Ragaa Dhiheessuu jedhamu, fuula 20 ilaali.
Daq. 8: Saanduqa Gaaffii. Kan jaarsaan dhihaatu. Hundasaa dubbisaatii irratti mari’adhaa.
Daq. 25: “Naannoowwan Daldalaatti Lallabuun kan Danda’amu Akkamitti?” Yaada seensaa daqiiqaa tokko hin guunneen jalqabamee gaaffiifi deebiidhaan dhihaata. Naannoowwan daldalaatti lallabuuf qophii gumichi godheefi of eeggannoo godhamuu qabu ibsi. Yaadawwan seensaa lamaan fuula 4-5rra jiran ykn kan naannoo keessaniif bu’a qabeessa ta’e gara biraatti gargaaramuudhaan hojiin argisiisni akka dhihaatu godhi. Yeroon kan isiniif heyyamu yoo ta’e, dhaggeeffattoonni naannoowwan daldalaatti lallabuudhaan muuxannoo nama gammachiisu akka dubbatan afeeri.
Faarfannaa 39 (86) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Hagayya 2 Jalqabu
Faarfannaa 83 (187)
Daq. 15: Beeksisa gumii. Sagantaa haaraa qayyabannaa kitaabaa Amaariffaatiif ba’e beeksisiitii, barumsa “Kitaaba Yihowaatti Dhihaadhaa Jedhamu Qayyabachuudhaan Faayidaa Argadhaa” jedhurratti mari’adhaa.
Daq. 15: Sababii Dhiheessuu Dandeessaa? Kitaaba Tajaajila Mana Barumsaa jedhamu, fuula 254, keeyyata 1-2rratti hundaa’ee haasawaafi mariidhaan kan dhihaatu. Tajaajilarrattiifi waltajjiirratti caqasawwan ennaa ibsinuufi akkamitti hojiirra akka ooluu danda’an ennaa dubbannu, akkasumaan dubbachuu mannaa ragaa yoo dhiheessine, barumsi keenya caalaatti bu’a qabeessa ta’a. Kitaaba Ragaa Dhiheessuu jedhamu ykn barreeffamoota gara biraarraa fakkeenya naannoo gumii sanaatiif ta’u fudhachuudhaan, (1) caqasicha keessaa yaadni ijoon akkamitti akka filatamuufi akka ibsamu, (2) yaada caqasichaarraa ykn caqasa gara biraa barumsichaa wajjin wal simu keessaa ragaa dhiheessuun akkamitti akka danda’amu, (3) wanti jette dhugaa ta’uusaa argisiisuuf akkamitti fakkeenyawwaniin gargaaramuun akka danda’amuufi (4) dhaggeeffattoonni dhimma sanarratti akka xiinxalan gaaffiiwwaniin gargaaramuun akkamitti akka danda’amu argisiisi. Sababii qabeeyyii ta’anii dhihaachuun faayidaa maalii akka qabu addeessi.
Daq. 15: Jabaadhuu Dhaabadhu—Hin Gufatin. Masaraa Eegumsaa 8-111 (Ebla 15, 1990), haasawaa fuula 26-28rratti hundaa’uudhaan dhihaatu.
Faarfannaa 12 (32)fi kadhannaa xumuraa.