Naannoowwan Daldalaatti Lallabuun kan Danda’amu Akkamitti?
1 Namoota yeroo baay’ee gammachuudhaan nama simataniifi bakka baay’eensaanii manasaaniitti argamanitti lallabuun sitti tolaa? Achuma naannoo gumii kee keessatti lallabuu dandeessa ta’a. Akkamitti? Manneen daldalaa naannoowwan sana jiranitti tajaajiluudhaani. Yeroo baay’ee babal’istoonni (kiyooskotaafi dhaaba gabaa dabalatee) suuqiitii gara suuqiitti lallaban bu’aa gaarii argataniiru.
2 Gumiiwwan tokko tokko naannoowwan tajaajilaasaanii keessa manneen daldalaa hedduutu jira. Obboleessi naannoowwan tajaajilaa hiru, naannoowwan daldalaatiif kaartaa mataasaa danda’e qopheessa ta’a. Kaartaan naannoowwan jireenyaa manneen daldalaa of keessaa qabaniif qophaa’u, manneen daldalaa dhiisanii akka darbaniif sirriitti akka argisiisutti qophaa’uu qaba. Naannoowwan biraatti, naannoowwan daldalaa manuma jireenyaa wajjin hojjetamu. Kanaan dura naannoowwan daldalaatti tajaajiltee hin beektu yoo ta’e, suuqiiwwan xixiqqootti tajaajiluudhaan jalqabuuf yaali.
3 Seensa Gabaabaa Fayyadamaa: Suuqiitii gara suuqiitti yeroo lallabamu, haala sirrii ta’een uffachuun barbaachisaadha. Yeroo isaan hojiidhaan hin qabamne filachuunis gaariidha. Yoo danda’ame yeroo namoonni mi’a bitan hin jiraannetti dhaqi. Suuqiiwwan gurguddaa yoo ta’animmoo, hoogganaasaa ykn nama itti gaafatamummaa qabu dubbisuu akka barbaaddu itti himi. Ergaan kee gabaabaa haa ta’u. Yaada seensaa maal jedhu gargaaramuu dandeessa?
4 Abbaa suuqichaa ykn hoogganicha yeroo dubbisnu, akka kana jechuunii dandeenya ta’a: “Daldaltonni yeroo hundumaa hojiidhaan waan qabamaniif manasaaniitti hin argaman; bakka hojii keessanii kan dhufnes kanumaafi. Barruuleewwan keenya dhimmawwan addunyaa maraa yeroo ammaa jiran ni qoratu.” Barruulee tokkorraa yaada gabaabaa tokko itti argisiisi.
5 Yookin yaada seensaa salphaa kanaa gadi jiru gargaaramuu dandeessa: “Namoonni baay’een waa’ee Macaafa Qulqulluu caalaatti beekuu barbaadu; haata’u malee yeroon qaban xiqqoodha. Tiraaktiin kun, sagantaa qayyabannaa kaffaltii malee godhamuufi gaaffiiwwan keetiif deebii akka argattu si gargaaru ilaalchisee ibsa kenna.” Tiraaktii Waa’ee Macaafa Qulqulluu Caalaatti Beekuu Ni Barbaadaa? jedhamu fuula 4-5 itti argisiisi.
6 Daldaltichi kan hojiin itti baay’atu yoo ta’e, tiraakticha kenniifiitii akkas jedhiin: “Yeroo hojiin sitti hin baay’annen deebi’ee dhufa. Waa’ee tiraaktii kanaa maal akka sitti dhaga’amu beekuun barbaada.”
7 Namoota Fedhii Argisiisan Deddeebi’anii Gaafachuu: Naannoowwan daldalaatti qayyabannaa Macaafa Qulqulluu geggeessuuyyuu ni dandeessa ta’a. Obboleessi qajeelchaa addaa ta’e tokko yeroo hundumaa nama daldalaa ta’e tokkoof barruulee geessa ture. Namichi waan dubbiseef dinqisiifannaa qabu yommuu ibsu, qajeelchaan kun birooshuura Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa? jedhamuun gargaaramee, Macaafa Qulqulluu qayyabachuuf qophii godhamee jiru itti hime. Qayyabannaan yeruma sana bakkuma hojii namichaatti jalqabame. Haalawwan jiran xiyyeeffannaa keessa galchuudhaan, qajeelchaan kun yeroo hundumaa daqiiqaa 10 ykn 15 qofaaf isa qayyabsiisa ture. Nuyis akkasuma naannoowwan daldalaatti lallabuudhaan namoota dhugaan isaaniif ta’u haa barbaannu.
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
1. Naannoowwan daldalaatti lallabuudhaan bu’aan argamu tokko tokko maalidha?
2. Naannoowwan daldalaatti lallabuuf qophii akkamii gochuu danda’ama?
3. Suuqiitii gara suuqiitti yeroo lallabnu bu’a qabeeyyii ta’uudhaaf maaltu nu gargaara?
4-6. Hoogganaa daldalaatiif yeroo lallabnu maal jechuu dandeenya?
7. Naannoowwan daldalaatti namoota fedhii qaban yeroo argannu, maal gochuu dandeenya?