Dhumni Waan Hundumaa waan Dhihaateef Warra Of Qabdan Ta’aa
1 Sagaleen Waaqayyoo, guyyaan Yihowaa “akka hattuu” ta’ee dhufuu isaa daddabalee ibsa. Kana jechuunis tasa, ariitiidhaan, dagatanii utuu jiranii jechuu dha. (1 Tas. 5:2; Mat. 24:43; 2 Phe. 3:10; Mul. 3:3; 16:15) “Kanaaf isinis immoo qophaa’oo ta’aa! Ilmi namaa yeroo isin quba hin qabaatinitti in dhufa” Jedhe Yesus. (Mat. 24:44) Dhumni waan hundumaa yeroo dhihaatee jiru kanatti, qophii karaa hafuuraa goonu akkamitti itti fufuu dandeenyaa? Sagaleen Waaqayyoo kan hafuura isaatiin barreeffame akka ibsutti, furtuun isaa: “Warra of qaban” ta’uu dha.—1 Phe. 4:7.
2 Warra of qaban ta’uun, wantoota ilaalcha Yihowaatiin ilaaluu gaafata. (Efe. 5:17) kunis seera dhuma waan hundumaa kana keessatti, akka ‘warra ormummaatti jiraannu, warra biyyaa baafamneettis’ of ilaalluuf nu gargaara. (1 Phe. 2:11) Warra of qabnu ta’uun keenya, wanti baay’ee barbaachisaa ta’ee fi wanti dursuu qabu maal akka ta’e, akkasumas murtoo gaariin kam aka ta’e, addaan baasuuf nu gargaara.—Filp. 1:10.
3 Karoora Karaa Hafuuraa baastan hordofaa: Karoora baasuunii fi bakkaan ga’uun, warra of qabnu akka taanu nu gargaara. Yeroo hundumaa hordofuu kan dandeessu karoora baaste qabdaa? Macaafa qulqulluu guyyaa guyyaadhaan dubbisuuf, walga’ii Kristiyaanaa hunda irratti argamuuf, yaada Masaraa Eegumsaa fi barruulee Dammaqaa! irra jiru hunda isaa dubbisuuf, tarii ammoo hirmaannaa tajaajila irratti gootu guddisuuf carraaqqii ni gootaa? Karoora siif mijaa’aa ta’e baasiitii hordofuuf yaalii godhi. Carraaqqii kee kanas akka Yihowaan siif eebisu kadhadhu; bu’aa argattuun ni dinqamta ta’a.
4 Jaarsi gumii tokko, haadha manaa fi abbaa manaa dargaggoota ta’an tokko, karoorri isaan jireenya hafuuraatiif qaban maal akka ta’e isaan gaafate. Gaaffiin kunis liqii isaan irra jiru baasanii, haala jireenya isaanii salphaa gochuudhaan qajeelchitoota ta’uuf akka karoora baasan isaan gargaareera. Liqii isaan irra jiru hir’isuudhaan, akkasumas wantoota barbaachisaa hin taane kan yeroo fi humna isaanii fudhatan hir’isuu danda’aniiru. Waggaa tokko booda karoora isaanii kana irra ga’aniiru. Bu’aa akkamii argatanii? Abbaan manaa: “Utuu karoora qabaachuudhaa baannee, haala amma irra jirru kana irratti hin argamnu turre. Gammachuu guddaa qabna. Amma jireenyi keenya fooyya’aa, kan nagaa fi kaayyoo qabu dha” jedhe.
5 Guyyaa Yihowaa yeroo eegganu kanatti, karaa hafuuraa qophaa’uudhaan kan of eeggannu ta’uu fi fedha Waaqayyoo raawwachuu irratti xiyyeeffannaa gochuu keenya itti haa fufnu.—Tit. 2:11-13.