Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii
Gaaffileen kanaa gadi jiran, Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii torban Ebla 27, jalqabutti kan irratti mariʼatamani dha. Tokkoon tokkoon qabxiiwwanii irratti guyyaan itti mariʼataman itti dabalameera; kun immoo torban torbaniin yeroo mana barumsichaatiif qophaaʼamutti qorannaa gochuuf gargaara.
Jaalala cimaan kan akkamiiti? Kan barbaachisu hoo yoomi? (Rut. 1:16, 17) [Bit. 2, ia ful. 44 key. 19]
Ruut maqaa “dubartii baʼeettii” jedhu argachuu kan dandeesse akkamitti? (Rut. 3:11) [Bit. 2, ia ful. 56 key. 21]
Rakkina nu irra gaʼeen kan kaʼe yeroo gaddinutti fakkeenya Haannaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti? (1 Sam. 1:16-18) [Bit. 9, ia ful. 64 key. 16]
Saamuʼel Yihowaa duratti guddachaa yeroo adeemetti fakkeenya gadhee ilmaan Eelii irraa wanti isa eege maali dha? (1 Sam. 2:21) [Bit. 9, ia ful. 72 key. 16, 17]
Kadhannaa wajjin haala wal qabateen maanguddoonni yeroo harʼaa jiran fakkeenya Saamuʼel hordofuu kan dandaʼan akkamitti? (1 Sam. 12:23) [Bit. 23, w07 6/1 ful. 29-30 key. 13-14]
Fakkeenya Saaʼol irraa barachuun akka dandaʼamutti Yihowaa isa Uumaa waan hundumaa taʼeef ajajamuun hammam barbaachisaa dha? (1 Sam. 15:22, 23) [Bit. 30, w07 7/1 ful. 11 key. 4]
Yihowaan nama tokko qoree yommuu ilaalu, maal isaatiif bakka guddaa kenna? (1 Sam. 16:7) [Ebl. 6, w09 4/15 ful. 29 key. 3]
Michuu dhugaa ilaalchisee Daawitii fi Yonaataan irraa barumsa akkamii arganna? (1 Sam. 19:1, 2) [Ebl. 13, w11 1/1 ful. 29 key. 6, 7]
Saamuʼel isa duraa 23:17 irratti wanta Yonaataan dubbate irraa maal baranna? [Ebl. 20, w12 12/15 ful. 13 key. 20]
Abigaayil Daawitii fi namoota isaa wajjin turaniif waan nyaatan dhiheessuun ishee matummaa abbaa manaa ishee akka mormitu kan argisiisu miti kan jennu maaliifi? (1 Sam. 25:10, 11, 18, 19) [Ebl. 20, ia ful. 92 key. 16]