Beeksisa
◼ Barreeffama raabsamu Amajjii: Dammaqinaan Eegaa!; Guraandhala: Gammachuu Maatii (Amaariffa); Bitootessa: Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?; Ebla: Barruulee.
◼ Jiini Bitootessaa Sanbadduraafi Dilbata shan waan qabuuf, qajeelchaa gargaaraa ta’uuf mijaa’aadha.
◼ Guraandhalaa kaasee hanga Bitootessa 2tti, haasawaan sabaa daawwattoota aanaatiin dhihaatu, matadureensaa “Yeroo Rakkinaa Eessaa Gargaarsa Argachuu Dandeenya?” kan jedhu ta’a.
◼ Gumiiwwan Ayyaana Yaadannoo Sanbadduraa, Ebla 22 erga biiftuun lixxee booda kabajamuuf qophii barbaachisaa ta’e gochuu qabu. Haasichi dursee jalqabamuu danda’us, maxinoofi wayiniin garuu biiftuun utuu hin lixin naanneffamuu hin qabu. Naannoo keessanitti namoota yeroo biiftuun itti lixxu beekan gaafadhaa. Gumiiwwan hundi Ayyaana Yaadannoo kana mataa mataasaaniitti akka kabajan isaan jajjabeessina. Haata’u malee, kun yeroo hundumaa salphaa ta’a jechuu miti. Galma Mootummaa tokkotti gumiiwwan hedduun kan fayyadaman yoo ta’e, galgala sanaaf gumiin tokko ykn lama galma Ayyaana Yaadannoo itti godhan garabiraa barbaaddatu ta’a. Kan ayyaanicharratti argaman hundi saganticharraa guutummaatti akka fayyadamaniif, danda’amnaan sagantaawwan gidduutti yoo xinnaate daqiiqaan 40ni utuu dhiifamee gaarii ta’a. Keessummoota fiduufi geessuu dabalatee, iddoon konkolaataan itti dhaabatus xiyyeeffannaa keessa galuu qaba. Qaamni jaarsolii, qindoominni gumichaaf mijaa’aa ta’u kam akka ta’e ni murteessa.
◼ Matadureen haasawaa addaa tibba Ayyaana Yaadannoo 2008tti dhihaatu, “Ilmaan Namootaa Bulchuuf Ga’eessa Kan Ta’e Eenyu?” kan jedhu ta’a. Haasawaan sabaa addaa kun torban Bitootessa 31 jalqabutti dhihaata. Gumiiwwan torban sanatti daawwannaa ilaaltuu olaanaa, walga’ii addaa ykn aanaa qaban haasawaa sabaa addaa kana torban ittaanutti dhiheessuu danda’u. Gumiin kamiyyuu haasawaa addaa kana torban Bitootessa 31 jalqabu dura dhiheessuu hin danda’u.
◼ Barreessitoonni gumii xalayaa muudama qajeelchaa (S-202) jedhamu qajeelchaa gargaaraa gumichaa hundaaf qabaachuusaa mirkaneessuu qabu. Yoo hin qaban ta’e barreeffamaan waajjira damee gaafachuu dandeessu.
◼ BARREEFFAMOOTA HAARAA NU HARKA JIRAN: Ingiliffa: Faarfannaawwan Galataa mp3dhaan, Macaafa Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa mp3dhaan, Parsuu Gools zaat oonar Good DVDdhaan.
◼ AMMAS KAN NU HARKA JIRAN: Amaariffa: Gammachuu Maatii, Nama Namoota Hanga Har’aatti Jiraatan Hunda Caalu, Kitaaba Namoota Hundumaaf Ta’u, Barabaraaf Gammachuudhaan Lafarra Jiraadhu, T-19, T-21, T-27; Afaan Chaayinaa (Afaan salphaadhaan kan qophaa’e): Kiri’eetar; Ingiliffa: Caaffata Qulqullaa’aa, Kiri’eeshin, Prokileemars, Faarfannaawwan Galataa (isa guddaa), Tiichar, Riifarans Baaybil (Rbi-8), Rood tuu Laayif; Afaan Oromoo: T-15.